ODUU FNN: Waamicha Araaraa ABO-WBO fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa Gidduu

Published Feb. 18, 2023, 1:33 p.m. by FNN

2512



Pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa WBO waliin mariyachuuf waamicha dhiyeessan.

Caffeen Oromiyaa Yaa'ii PP idilee 4ffaa, Waggaa 2ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa isaa har’a gaggeessuu eegale.

Yaa’ii sanarratti gabaasni raawwii hojii baatii 6ffaa darbe kan baranaa ilaalchisee gabaasni miseensota caffichaa fi PPf dhiyaateera.

Gabaasa raawwii kan baatii 6ffaa ilaalchise keessaa muraasni dhimma Qonnaa, Barnootaa, fi Nageenyaa yoo tahu, Pirizedaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo shimalliis Abdiisaa gabaasa raawwii sana miseensota Caffeef dubbisaaniiru.

Keessummaa karoora raawwii Dhimma Nageenyaan walqabatee Pireezidaantiin Motummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa akka jedhanittii Qaamni hidhatee socho'uu gareen Shanee jechuun waamanii, gara araaraatti akka dhufu waamichi nageenyaa taasifamuu eeraniiru. 

Kana malees waamicha nageenyaa kanaaf qaamoleen hundi gaheesaanii bahaachuu qabu jedhaniiru. Pirezedaanti Shimallis Abdiisaa gaaffiif deebii sabaa himaalee garaagaraa irratti taasisaniin qaama hidhatee Oromiyaa keessa jiru waliin karaa nagaa waliin mariyachuuf qophii akka tahan ibsaa turun kan yaadatamu yoo tahu , ammas irra deebiin mootummaan araaraaf waamichaa dhiyeessera haa jedhu malee, yoomiif eessatti maal irratti akka mariyachuuf jiran karoora isaanii ifatti waanta dubbatan hin qaban .

Garuu Waraanni Bilisummaa Oromoo waldhibdee Mootummaa Itiyoophiyaa waliin qabu xumura itti gochuufi bakka qaamni sadaffaa jiruu fi bakka taajjabdoonni amanamoo argamanitti araraaf qophii tahuu isaa kana dura ibsa karaa dubbii himaa dhaabichaan baaseen yaadachiseera. 

Mootummaan Itiyoophiyaa waraana kaaba biyyattiitti ABUT waliin adeemsiisaa ture mariin akka xumaramuuf walii galteerra gahamus garuu Naannoo Oromiyaatti waggoottan 4 darbaniif maqaa WBO balleessina jedhuun lammiilee hedduun sababa waraana sanaan qee’e fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uun beelaaf saaxilamaa jiraachuu jaarmiyaalen deggarsa namoomaa idiladdunyaa yeroo hedduu gabaasa baasaniin yaadachisaniiru.

Oduuma wal fakkaatuun Waraanni Bilisummaa Oromoo marii araaraaf mootummaa Itiyoophiyaa waliin tahuuf qophiidha jechuun beeksise. 

Waamicha araaraa Pireezidantiin Buulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dhiyeessan ''gammachuun garuu ammoo eeggannoon'' kan simatu ta'uu WBO beeksise.

Ibsa WBO Ajajaa Olaanaa kaleessa baaseen waraanni Bilisummaa Oromoo nagaa waaraa Oromiyaa keessatti buusuuf tarkaanfii mootummaan PP Oromiyaa araaraaf waamicha taasisise sirnaafii of eeggannoon akka fudhatu beeksiseera.

 Dubbii himaan waraana Bilisummaa Oromoo Odaa Tarbii miidiyaaf ibsa kennanniin waamicha mootummaan Naannoo Oromiyaa Nagaa buusuuf taasisise tarkaanfii gaariifii adeemsa kana keessatti of eeggannoo cimaa gochuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Dabalataanis marii seenuun gaarii, karaa nagaa furmaata barbaaduun gaarii, garuu akkaataan nuti itti seennu ilaaluun barbaachisaadh a jechuun ibsaniiru.

Keessummaa waliigalteen mootummaa Itoophiyaafi ABO amma duraa bakka qaamni sadaffaa hin jirretti waan gaggeefameef fashalaa'e jira kan jedhan odaa Tarbiin 

''Rakkoon kun akka irra hin deebi'amneef qaamni sadaffaan barbaachisaadha'' jechuun mariifi adeemsa araaraa irratti haaldureen kaahan akka jiru irra deebiin ibsan.

Kana malees "nuti marii wayya, araara wayya jennee yeroo ibsa baasaa turre mara sanaaf qophii taaneeti. Itti seenuufis uummataa rakkoo jiran keessaa baasuuf, nagaa biyyattii keessatti uumuufis yeroo mara qophiidha" jechuun ibsani. 

Oduu biraatiin miseensi Gumii Sabaa ABO Jaal kennessaa Ayyaanaa dhibee dugdaan mana hidhaa keessatti garmalee dararamaa jiraachuu barameera.

Miseensi GS-ABO Jaal Kennasaa Ayyaanaa yeroo darbe dhibee dugdaa godhatee mana wal'aansaatti daddeebi'aa kan ture yoo ta’u guyyaa gaafa Gurraandhala 17, 2023 qormaata (checkup) waliigalaa taasisameefiin diiskiin dugda isaa miidhamuun beekameera. Dhibee kana waldhaanuuf waldhaansi baqaqsanii hodhuu (opireeshiniin) akka barbaachisu bakki inni itti waldhaaname Hospitaalli Paawuloos himuun, san dura garuu walitti fufiinsaan torbanitti yeroo lama, ji’oota sadiif physiotherapy hojjechuu akka qabu ajajuun, yo kanaan wayyaa’uu baate opireeshinii gochuun kan hin oolle ta’uu mirkaneesse jechuun oduun arganne ifa godha. Dhiibbaa dhiigaa, sukkaaraa fi Kilostiroliin mana hidhaa keessatti kan hiraaraa jiru Jaal Kennasaan, amma immoo Diiskiin dugdaa rakkoo godhatuun haala hamtuu keessatti waan argamuuf, J/Kennasaan hidhaa irraa ba’ee akka waldhaanamuuf kanneen dhimmi ilaaluu fi hawaasni Oromoo bakka jiru hundaa sagalee ta’uufii akka qabu, sirna PP irratti dhiibbaa akka godhu dhaamsa dabarsina.

Miseensi SHG-ABO Jaal Abdii Raggaasaa fi J/Gadaa Gabbisaa dhibee Tiruu hamaa ta’een qabamuun, akkasumas J/Gadaa Oljirraa miidhama lafee miilaa qabsoo keessatti isa mudateen dhibeen isaa deebi’ee itti ka’uun sadan isaanii mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuu keessatti dhibeelee kanneeniin rakkachaa jiran.

Hogganootnii fi Qondaalotni ABO badii takkaan maleetti, ilaalcha siyaasaa qaban qofaaf waggoota lamaa hanga sadi’ii manneen hidhaa garagaraa keessatti hiraarsamaa turanii fi jiran kunniin manni murtii yeroo adda addaatti bilisa isaan baasu iyyuu, ajaja mootummaa Bilxiginnaan poolisiin gadhiisuu didee hidhaa keessatti ittisuun dhukkubootaa fi qorqalbiin akka dhukkubsatan taasisamanii jiran. 

Jaarmiyaa mirga namoomaa Itophiyaa dabalatee dhaabbattootni mirga dhala namaaf falman adda addaa hogganootni ABO kunniin erga manni murtii bilisa isaan godhee mootummaan hidhaa keessatti ittisuun seera miti jechuun akka gadhiisu ibsa baasaniin gaafataa turuun ni yaadatama.

Sinodoosiin Oromiyaafi sabaaf sablammii itiyoophiyaa waliigalteen durewwaan Amantaa Ortodooksii waliin taasisan keessaa qabxiifi ejjennoon keenyi tasumaa hin jijjiramu jechuun ibsa baase

Miseensotni sinodoosii orOromiyaa fi sablammoota Itiyoophiyaa namoota 25 sinoodoosii haaraan muudaman muudamni isaanii akka hin kaane sinoodoosii haaraan beeksise.

Sinoodoosii haaraan ibsa miidiyaaleef kaleessakenneen, muudamni phaaphaasota kanneenii seeraafi heera dambii bataskaanaa kan cabse akka hin taane waliigalameera jechuun ibsameera. 

Kun kanaan osoo jiruu durewwwan Amantaa ortodooksii waldhaban walitti araarsuuf Abiy Ahamed walgahii wayita teessisetti warren Ortodooksii Amaaraa qofa yaada isaanii fudhatee kan sinodoosii Oromiyaa irraattii ammo yaada isaanii bal’inaan akka hin ibsine afaan afaan irratti qabuun gaaffii yaada uummta Oromoo dhiibban sabicha irraan gahama ture ammas humnaan ukkaamsuuf yaalaa turuun barameera. 

Akka ibsa sinodoosii Oromiyaatti taanaan Inumaa muudama phaaphaasota kanneenii kaasuu fi deebisanii muuduun seera mana Amantaa kiristaanaa kan cabsu akka ta'e durewwaan Amantaa Ortodooksii sinodoosii Oromiyaa mummicha ministeeraa Abiy Ahamed irratti falmii gaggeessaa turaniiru hubatamuu eereeti jira.

Oduuma walfakkaatuun Dureewwan Mana amantaa ortodooksii Tigraayi hariiroo sinodoosii mana Amantaa ortodooksii Itiyoophioyaa waliin qaban hunda addaan kutuu beeksise.

Xalayaa mana amantaa ortodooksii Itiyoophiyaaf ergameen kana booda xalayaan karaa kamiin ergamu hundiyyuu mana amantaa sinodoosii kessate birahana tigraayin malee durewwan amantaa ortodooksii kan hin ergamne tahuu beeksisameera. 

Dureewwan Amantaa ortodooksii Itiyoophiyaa waraana waggoota lamaaf kaaba biyyattiitti adeemsifamaa ture keessatti gaafatammuumma isaanii sirnaan osoo hin bahiin maal nadhibe jechuun wantota waraanaaf nama kakaasaa turan hojjetaa turaniiru jechuun sinodoosiin mana Amantaa ortodooksii Tigraay komattee jiraachuu ibsa baasteen mirkaneessiteetti. 

 Dabalataaniis manni Amantaa ortodooksii Itiyoophiyaa lallaba Afuuraa osoo lallabuu qabduu siyaasa ishee hin ilaallanne keessa galuun loogii gochuun daba hojjetteetti jechuun qeeqeera. 

Magaalaa walqixxeetti mormii hanqina bishaniin walqabatee qaamoleen nageenya mootummaa namoota nagaa ajjeesaa jiraachuun barame.

Mormii dhiyeessii hanqina bishaaniitiin ka’e hordofuun humnoonni nageenyaa magaalaa Walqixxeetti namoota 6 ajjeesuu fi 15 ol madeessuun dhaga’ame.

Guraandhala 16 bara 2023 jiraattonni magaalaa Walqixxee kan Godina Guraagee naannoo ummatoota Kibbaa keessatti argaman rakkoo hanqina bishaan qulqulluu qaban mul’isuuf jarikaanii qabatanii hiriira bahan irratti hidhattootni mootummaa dhukaasa itti banuun namoonni 6 yoo ajjeefaman, namoonni 15 ol ammoo akka malee madaa’uu isaanii dhagahameera.


Similar posts:

Ekeraa Minilik haasofsiisuu calqabanii?

Breaking News: Peace Talks Between Ethiopian Government and OLF-OLA Resume in Tanzania

Ethiopian government's aerial attack kills hundreds of Oromo civilians

Diraamaa Bilxiginnaa (PP) fi Dararama Uummata Oromoo