Addi Bilisabaasaa Uummata Tigiraayi, Gamtaan Afirikaafi Michoonni Addunyaa ariitiin rakkoo gargaarsa namoomaa Tigiraayi furuuf tarkaanfii akka fudhatan gaafate

Published Jan. 1, 2026, 1:02 p.m. by FNN Staff

285



ODUU FNN

Addi Bilisabaasaa Uummata Tigiraayi (ABUT) rakkoon gargaarsa namoomaa Tigiraayi keessatti saffisaan hammaachaa dhufera jechaan ibsuun, Gamtaa Afrikaafi michootni idil-addunyaa walgahii hatattamaa akka waaman waamicha dhiyeesseera. 

Paartichi, buqqaatonni biyya keessaa kumaatamaan lakkaa’aman gargaarsa hatattamaa akka argataniif tarkaanfiin ariifachiisaan akka fudhatamu gaafateera.

ABUT xalayaa dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa, Mahammuud Alii Yuusuufitti ergeen, haalli wiirtuuwwan buqqaatota Tigiraayi keessatti argaman akkaan hammaachaa jiraachuu ibsuun, hanqinni nyaataa hamaan babal’achuufi buqqaatota keessatti duuti dabalaa dhufeera jechuun ibseera.

Rakkoowwan kunneenis, mootummaan federaalaa Walii galtee piriitooriyaa cabsuu hordofee kan madde ta'uus xalayaa banaa Gamtaa Afirikaaf erge keessatti eereera.

Paartichi, Gamtaan Afirikaafi michootni addunyaa haal-duree tokko malee gargaarsa namoomaa hatattamaa wiirtuuwwan buqqaatota hunda bira akka dhaqqabsiisan, akkasumas waa’ee gargaarsaafi du’a gabaafame irratti qorannoo walabaa akka gaggeessan waamicha dhiyeesseera. 

Dabalataanis, Waliigalteen Piriitooriyaa guutummaatti hojiirra akka ooluuf dhiibbaan  idil-addunyaa akka taasifamu gaafateera.
Ibsi ABUT Akka muldhisutti, rakkoon gargaarsa namoomaa Mudde 2025 keessa caalaatti hammaachuun, duuti gabaafame sadarkaa waraanaa Adoolessa 2020 eegaleen mul’ate caalaa hammaateera jedhe.

Keessumaa wiirtuuwwan buqqaatota Histaats, Shiree, Adawaa, Abiy-Addi, Adigratfi Maqalee keessatti argaman hanqina gargaarsaa hamaafi  buqqaatota kuma dhibbaan lakkaa’aman miidhuu ibsameera.

ABUT, mootummaan federaalaa gargaarsa namoomaa gufachiiseera jechuun himachuun, ibsa Komishiniin Bulchiinsa Sodaa Balaa Federaalaa geejjibni gargaarsa gara wiirtuuwwan buqqaatotaatti osoo addaan hin citin adeemsifamaa ture jedhu kuffisseera. “Kun ibsa hololaati; gargaarsi hiika qabu wiirtuuwwan buqqaatota bira hin geenye,” jechuun paartichi falmeera.
Itti dabaluunis, maallaqni aktivistoota miidiyaa hawaasaafi diyaaspooraan walitti qabame dabalatee hojiiwwan gargaarsaa hawaasaan durfaman daangeffamni akka mudateefi, maallaqni sun gara herrega mootummaan to’atuutti akka qajeelfame ABUT' ibseera. 

Waliigalteen Diinummaa Dhaabuu Piriitooriyaa bara 2022 'tti mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti mallatteeffame waraana Tigiraayi dhaabuuf karoorfamee ture. Haa ta’u malee, adeemsi hojiirra oolmaa waliigaltee kanaa gargaarsa namoomaa, buqqaatota deebisanii dhaabuufi  nageenya waaraa mirkaneessuu irratti gaaffilee adda addaa kaasaa tureera. Ibsi haaraan TPLF dhiibbaan idil-addunyaa akka dabaluuf waamicha taassise, rakkoon gargaarsa namoomaa Tigiraayi keessatti ammallee akka furmaata hin arganne agarsiisa.


Similar posts:

Tuurkiin xiyyaarota waraanaa F-16 gara Soomaaliyaa Moqaadishootti bobbaafte

Gatiin boba'aa torbanoota dhufan keessatti sadarkaa ol'aanaa galmeessuu akka danda'u himame!

Hirmaannaan sivilii Marii Berlin Irratti mul’achun jijjiirama guddaadha jedhan Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdalla Hamdok

Chaayinaan murteen Yuunaayitid Isteetis Ulaa Hormuuz cufuuf dabarsite “gocha hamaafi kan itti gaafatama hin qabne” jechuun walii galteen dhukaasa dhaabuu ariitiin akka taasifamu gaafatte