Biyyoonni Afrikaa sadii lammileen Ameerikaa akka garas hin imale qoqobbii Viizaafi uggura imala kaa’ani
Published Jan. 1, 2026, 1:14 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Biyyoonni Afrikaa sadii Nijeer, Burkinaafaasoofi Maaliin Lammileen Ameerikaa akka gara biyya isaanii hin imale uggura viizaa ka’uu ibsani. Kunis murtee Pireezidaantiin Ameerikaa Tiraamphi mudde 07, bara 2025 Laamileen biyyoota kan sadeen dabalate Lammilee Afrikaa hedduun akka Ameerikaa hin seene murtee dabarsuu hordofee haaloo bahuufi akka ta’e ibsameera.
Biyyoonni Afrikaa kuni sadeen tarkaanfiin fudhatan haala qajeeltoowwaan Idil-Addunyaa kan hordofeefi mirgi wali kabajuufi wali qixxummaa walabaa akka jiraatus waamicha taasisaniru. Biyyoonni sadeen kuni biyya hoggaantonni waraana isaanii fonqolcha mootummaa raawwachuu humnaan angoo qabatani bulchaa jiranidha.
Uggurri Viizaa Ameerikaan biyyoota Afrikaa gara 40 olii irra keesse kuni Amajjii 01, bara 2026 irraa eegale hojii irraa akka oolu himame jira. Biyyoonni Lixaa Afrika sadeen kuni murtee Ameerikaa kanafi deebbii kennuufi tarkanfii kan fudhachu ibsaniru. Ameerikaan gama isheetiin ugguriifi qoqobbiin imala labasame kuni hanga biyyoonni kuni foyya’iinsa gaarii argsisanitti kan turudha jette.
Similar posts:
Tuurkiin xiyyaarota waraanaa F-16 gara Soomaaliyaa Moqaadishootti bobbaafte
Gatiin boba'aa torbanoota dhufan keessatti sadarkaa ol'aanaa galmeessuu akka danda'u himame!
Hirmaannaan sivilii Marii Berlin Irratti mul’achun jijjiirama guddaadha jedhan Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdalla Hamdok
Chaayinaan murteen Yuunaayitid Isteetis Ulaa Hormuuz cufuuf dabarsite “gocha hamaafi kan itti gaafatama hin qabne” jechuun walii galteen dhukaasa dhaabuu ariitiin akka taasifamu gaafatte