Gareen ABUT Dabratsiyoon Gabramikaa'eeliin hoogganamu mootummaa Tigraay waraana Kaaba Itoophiyaa dura ture jedhe deebisuu har'a ifoomse.

Published May 5, 2026, 2:10 p.m. by FNN Staff

223



ODUU FNN

Dabratsiyoon Gabramikaa'eel pirezidaantii naannichaa ta'uun “mana marii naannichaan” filatamuu beeksise.

Ajajaan Armii 60 jedhamuu humnoota Tigraay jeneraal Hintsaa Waldagiyoorgis qophiin waraanaa mootummaa federaalaa aangoo irraa buusuuf dandeessisu taasifamuu guyyoota muraasa dura dubbatanii turan.

Qondaalli humna waraanaa Tigraay kun afgaaffii Wayyin Miidiyaa waliin taasisaniin, ganni otoo hin seenne waraana jalqabna jedhan.

“Waanti marti dhume, dhihootti nu eegaa” jechuunis dhaadatani.

Tibbanuma qondaalli olaanaan Garee Adda Bilisummaa Uummataa Tigraay kan Dabratsiyoon Gabramikaa'eeliin durfamuu Addis'alam Baallemaa jedhaman “Waan hundaaf qophoofnee jirra, loojistikii qopheessinee jirra, Faannoo fi mootummaa Eertiraa waliinis qindoomina uumnee jirra” jechuun isaanis kan yaadatamuudha.

Gareen Adda Bilisummaa Uummataa Tigraay kan Dabratsiyoon Gabramikaa'eeliin durfamu mootummaa naannoo Tigraay waraana Kaaba Itoophiyaa dura ture deebisuuf torbanoota dura murteesse.

Erga mootummaa naannoo deebifatee booddee mootummaa Eertiraa fi humna finxaalessa Faannoo waliin qindoomee mootummaa federaalaa waraanee aangoo harkatti deebifachuuf akeeka akka qabu maddeen walgahiiwwan garee kanaa hordofan maddeenitti himuu kanaan dura gabaasnee turre.

Gareen ABUT olaantummaan garee siyaasaa Tigraay Itoophiyaa keessatti akka deebi'u akeeka qaba.

Akeekni garee kanaa Tigraay foxxoqsuu akka hin taane maddeen garicha keessa beekan maddeen keenyatti himan.

Hanga olaantummaa Itoophiyaa keessatti deebifatanitti naannoo Tigraay olaantummaan bulchuu fi keessatti humna waraanaa jabaa ijaarrachuu, ergasii waraana bananii olaantummaa Itoophiyaa keessatti dhaban deebifachuuf akka akeeka qaban sanadni walgahii garee kanaa akka agarsiisu maddeen ibsan.

Xinxaaltonni siyaasaa gama isaaniitiin yaada kana jabeessu.

Xinxaltoonni siyaasaa naannoon Tigraay qofaa isaa biyya ofdanda'e ta'ee dhaabbachuuf itti ulfaataa jedhu.

Naannichi qabeenya uumamaa guddaa akka hin qabne kan ibsan xinxaaltonni, kana irratti bakki argama naannoo Tigraay gama tokkoon Eertiraa gama tokkoon Itoophiyaan marfamee jiraachuu ibsu.

Eertiraan naannoo Tigraay waliin michummaa tarsimaawaa akka hin qabne eeranii, inumaa waldiineffachuun barootaaf isaan gidduu turee jedhu.

Hariiroon amma Eertiraa fi qondaalota siyaasaa Tigraay gidduu jirus michummaa toftaa akka ta'e himu.

Gama Itoophiyaatiin immoo Tigraay yoo nan foxxoqa jette mootummaan callisee waan ilaalu mitii jedhu.

Yoodhuma humnaan Tigraay seenuu baatellee marfama keessa galchee dinagdeen Tigraay ittuu akka hunkutooftu gochuu akka danda'u ibsu.

Karaa lixaatiin humna guddaa bobbaasee humnoonni Tigraay akka Sudaan hin qunnamne gochaa akka jiru, gama bahaa fi Kibbaatiinis humna guddaa bobbaasee Tigraay marsee akka jiru himu.

Haala kana keessatti Tigraay biyya ofdandeesse gochuuf gartuuleen siyaasaa Tigraay tasa hin yaadan  jedhu xinxaltoonni Siyaasaa.

Gareen amma Tigraayitti mootummaa waraana dura ture deebise jedhu yoo danda'ameef saffisaan Tigraay keessatti ofcimsee mootummaa federaalaa irratti waraana banuun tarkaanfii isaa itti aanu akka ta'e himu.

Kanaafis Eertiraa fi humnoota finxaaleyyii Faannoo waliin gamtaa tolfate akka agarsiiftuutti kaasu.

Xinxaltoonni waan jedhan gareen ABUT kun akka salphaatti mootummaa federaalaa ni buusa jedhanii yaaduun ni ulfaataa jedhu.

Maaliif jennaan tokkoffaa humnoota Tigraay gidduudhaa garaagarummaatu jira jedhu. Kun immoo gamtaan mootummaa federaalaa akka kanaan duraa loluuf ni rakkatu jedhu xinxaala isaaniitiin.

Lammaffaan immoo ABUT qofaa isaa Finfinnee gahuun akka itti ulfaatu ibsanii, humnoonni tarii ABUT waliin gamtaa tolfatu jedhaman ABUT waliin warra akka diinaatti walbarbaadaa ture ta'uu himu. Kunis tumsa milkaa'aa ijaarrachuuf itti ulfaachisuu mala jedhu.

Sadaffaa irratti mootummaan federaalaa humna jabaa qabaachuu isaati jedhu. Lakkoofsa loltootaas haa ta'u meeshaatiin walgituu hin danda'an jedhu.

Haala kana sadan dandamatee carraan waraanaan mootummaa federaalaa mo'uu ulfaataa akka ta'es ibsu.

Gama mootummaa federaalaatiin immoo mootummaan federaalaa humna kana waraanee jilbeeffachiisuuf waantoota hedduutu qormaata itti ta'a jedhu taajjabdoonni.

Naannoleen gurguddoon lameen jechuunis naannoleen Oromiyaa fi Amaaraa waraana keessa jiraachuun qormaata isa jalqabaa akka ta'e himu.

Bakka hedduutti walwaraansi waan jiruuf humni isaa asii fi achi akka qoqqoodamu eeranii, kana irratti humnoonni akka Faannoo fi Eertiraa ABUT waliin gamtaa tolfachuun mootummaan federaalaa gara Tigraay imalee akka kanaan duraa humna amma Tigraayitti mootummaa ijaarrate waraanuuf akka rakkatu kan taasisu ta'uu ibsu.

Kanaan ala deeggarsi mootummaan federaalaa qabu waan xiqqaataa dhufeef akka kanaan duraa uummata ofduuka hiriirsee Tigraay weeraruun salphaa hin ta'u jedhu.

Kanaaf mootummaan federaalaa yeroodhaaf waraana bobbaasee Tigraay weeraruu caalaa toftaa Tigraay marsanii hudhaa keessa tursuun naannicha gaaga'ama hamaa keessa galchuu fayyadamuu akka danda'u ibsu.

ABUT immoo marfama kana cabsee bahuuf waraana banuu hin oolu jedhu taajjabdoonni.

Mootummaan federaalaa immoo kanaaf humna guddaa daangaa Tigraay irratti kuufachuu ibsu.

Mootummaan federaalaa yoo humnoonni Tigraay waraana banan humna lafootiin waraanicha qolachuu fi xiyyaarota waraanaatiin immoo qabiyyeewwan murteessoo Tigraay haleeluu akka danda'u hubachiisu.


Similar posts:

Lammiileen sababa Hongeetiin Godina Harargeetii kaafamaan rakkoo hamtuu keessa jiraachuun barame.

Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan

Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.