Lammiileen sababa Hongeetiin Godina Harargeetii kaafamaan rakkoo hamtuu keessa jiraachuun barame.
Published May 5, 2026, 2:47 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Lammiilee sababa hongeetiin bara 1996 godinaalee Harargee irraa kaafamanii godina Jimmaa aanaa Limmuu Saqqaa keessa qubsiifaman sababa lagni Dhidheessaa hidhameef qe'ee isaanii irraa buqqaafamanii lafa qubatan dhaban bakka bu'uun maanguddoonni mootummaa naannoo Oromiyaa dubbisuuf Finfinnee dhaqan har'a guyyaa guutuu yaaliin aangawoota mootummaa argachuuf taasisan otoo hin milkaa'in hafe.
Aangawoonni mootummaa godinaa fi aanaa immoo har'a uummata walitti qabanii dhimma keessan miidiyaatti hin dubbatinaa jedhanii doroorsisaa oolan.
Jiraattonni maddeen keenyaaf yaada isaanii kennan, mootummaan bishaan laga Dhidheessaa hidhuun lammiilee achi qubatanii jiran akka buqqise himaniiru.
Gandoonni Maariboo, Waamaa Maariboo, Asmmoo, Dirree Lamuu, Buufata, Madda Jaalalaa, Biqilee, Seemmaa, Botor, Gamtaa Tokkummaq, Sirba Roobii, Xaaxessaa, Dannabaa, Tabba Ilaalaa, Maroo Ciisaa fi kanneen biroo rakkoo hamtuu keessa jiraachuu jiraattonni himaniiru.
Lammiileen kunneen sababa kanaan lafa qotatanii jiruu ofii ittiin geggeeffataa turan akka itti qotatan dhabuu dubbataniiru.
Uummanni mana isaa irraa buqqa'ee dirree keessa akka jirus himaniiru.
Uummata qe'ee isaa irraa buqqaafame qubsiisuuf yaaliin wayiituu akka hin godhamne jiraattonni dubbatan.
Kanaanis rakkoo guddaaf saaxilamaa akka jiran ibsan.
Jiraattonni rakkoo isaanii bulchiinsa aanaafi godinaatti irra deddeebiin iyyatanii qaama isaan dhagahu dhabuu himan.
Tibbana maanguddoonni hawaasicha bakka bu'an bulchaa godina Jimmaa obbo Tijjaanii Naasir dubbisuuf dhaqnaan obbo Tijjaanii Naasir isaan dubbisuu akka didan maddeen gabaasanii jiru.
Maanguddoonni kunneen aanaa fi godina irraa fala dhabnaan pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaatti iyyachuuf Finfinnee dhaqan.
Har'a guyyaa guutuu balbala waajjira obbo Shimallis Abdiisaa irra oolanii qaama isaan dubbisu dhabuu maddeen ifoomsan.
Aangawoonni aanaa fi godinaa rakkoon hawaasichaa miidiyaatti bahuun dallanan immoo har'a uummata ganda Madda Jaalalaa jedhamuutti walitti qabanii doorsisaa ooluu dhageenye.
Namni tokko miidiyaatti akka hin dubbanne akeekkachiisaa akka turan maddeen walgahicha irra turan dubbatan.
Similar posts:
Gareen ABUT Dabratsiyoon Gabramikaa'eeliin hoogganamu mootummaa Tigraay waraana Kaaba Itoophiyaa dura ture jedhe deebisuu har'a ifoomse.
Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan
Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan
Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.