Welcome to Finfinne News Network.

About FNN


Finfinne News Network was born out of the need to give a reliable voice to the Oromo people, the Oromo cause, and those who fight for the relalization of Oromo rights.

Independent Oromo political party leaders and Oromos who advocate for the Oromo's right were frequently denied voice and their voices where intentionally cut out from interviews. Finfinne News Network was borne to fill the void and to be a voice for the Oromo people. All member Oromo media plege to serve the Oromo people and to be their voice.

Finfinne News Network n kan dhalate uummata Oromoo fi dhaabilee siyaasaa Oromoo walaba ta'aniif mirga Oromoof qabsaa'aniif sagalee ta'uuf. FNN n sabaa-himaalee Oromoo hedduu kan of keessaa qabuuf saba Oromoo tajaajiluuf of kenneera. FNN bira dhaabbachuun sagaleen saba keessanii ukkaamfamuu oolchaa.
Galatoomaa!

Imammata gulaala sabaa-himaa

Xiyyeeffannoo


FNN in sabaa-himaa Oromoodha; qabsoo Oromootiif sagale (argaa fi dhageettii) ta’uuf ijaarame. FNN sabaa himaalee Oromoo, bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa deggeranii fi qooda isaanii bahan agoobara tokko jalatti fiduun jajjabeessuun qulqullinaa fi sadarkaa ol’aanaatti akka cehan gochuuf ijaarame. FNN kan ijaraame qabsaa’ota Oromoo fi saba Oromoo sagalee fi sabaa-himaa dhowwatamaniif sagalee/argaa dhageettii ta’uuf. Haaluma kanaan sabaa-himaaleen FNN jala jiran yeroo marayyuu of qopheessuun saba Oromoo fi qabsoo isaatiif sagalee ni tahu. Qabsoon Oromoo akka milkaa’uu fi galma akka gahu ni tattaafatu. Hawwaasa Oromoo keessatti tokkumaa fi tasgabbiin akka jiraatu cichanii ni hojjetu. Hacuuccaa fi sarbamiinsa mirgaa namaa qabsaa’ota Oromoo fi uummata Oromoorra sirna nafxanyaan gahu ni saaxilu haawwaasas ni hubachiisu. Qabsoo dhaabileen Oromoo wallaba tahanii fi walabumama fi hiree ofii ofiin murteeffannaa Oromoof qabsaa’aniif sagalee tahuun uummatni Oromoo isaan waliin hiriiruun galmaan akka geenyu FNN gahee isaa ni baha.

Sabaa-himaaleen FNN jalatti haammataman Imaammata Gulaala Sabaa-himaa keenya kana imaammata hundumaa keenya ta’uu isaa fudhachuun tamsaasi qoopheesinu ulaagaa kan guutee fi hafuura sabboonummaa kan qabu akka ta’u ni hojjetu.

Imaammata FNN

Xiyyeeffannoo


FNN tajaajila satalaytii kennuu fi madda odeeffannoo laachuun cinatti sadarkaan taajajila miidiyaalee Oromoo akka fooyya'aniif tattaaffii ni godha. Qulqullinni fi sadarkaan tamsaasaa sabaa-himaalee FNN yerootii yerootti akka fooyya’an waloon ni hojenna. Dirqamni qulqulina tamsaasaa fi sadarkaa eeguu kan sabaa-himaalee yeroo tahu FNN yerootii yerootti leenjii gaggabaaboo kennuun dandeettii fi oogummaan hojjetoota sabaa-himaalee akka fooyya’an ni godha. Komiiteen Sabaa-himaa FNN sagantaa baaseen sabaa-himaaleen FNN jala jiran marti ija tokkoon ilaalamuun tamsaasi isaanii Yeroo Kennameefitti akka Satalayitiin biyya gahu sabaa-himaaleen dirqama ni bahu. Yoo yeroo kennameefitti tamsaasa hin qopheeffanne tahe dursanii Komiitee ni beeksisu. HUB: Maqaa uummata biroo dhahuun duula labsuun ykn balaaleffacuun dhorkaa dha. Guutummaa imaammata gulaalaa sabaa-himaalee keenya fuula immammata irraa dubbisaa:Editorial Policy