Imaammata Gulaalaa Sabaa-himaa

Imaammata Gulaalaa Sabaa-himaa Finfinne News Network (FNN)
(Finfinne News Network Editorial Policy)


Finfinne News Network (FNN) in kan ijaarame uummata keenya sagalee gahaa dhabee fi ukkaamfameef sagalee ta’uuf akkasumas hanqina sabaa-himaa Oromoon qabu fooyyesuufii dha. Seenaa keessatti ummantni Oromoo itti yaadamee akka sagaleen isaa hin dhagahamne taasifameera akkasumas mirga odeeffannoo walabaa dhowwatamee jira. Mootummaaleen Itiyoophiyaa dhufaa darbaa akkasumas sabaa-himaaleen biyyichaa saba-himaalee maqaa Oromoon socha’anii fi Itiyoophiyaa suphuu malee Oromiyaaf dantaa hinqabne dabalatee uummata Oromoo sagalee dhowwata as gahan dhowwataas jiru. Gidiraan warra QBO adda durummaan gaggeessanii ha ta’u jedhamee dhokfame; sagalees ni dhowwataman.


Haalli kun sabaa-himaa Oromoo hin jabaatin jiranii fi qabsoo Walabummaa fi hiree-ofii ofiin murteeffachuu fudhatanii fi deggeran jabeeffamuu akka qaban nu hubachiisa. Kanaaf, FNN sabaa-himaaleen wallaba ta’an kun uummata Oromoo fi hooggantoota Oromoo sagalee dhabaniif akka sagalee ta’an qindeessuuf ijaarame.


FNN in sabaa-himaa Oromoodha; qabsoo Oromootiif sagale (argaa fi dhageettii) ta’uuf ijaarame. FNN sabaa himaalee Oromoo, bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa deggeranii fi qooda isaanii bahan agoobara tokko jalatti fiduun jajjabeessuun qulqullinaa fi sadarkaa ol’aanaatti akka cehan gochuuf ijaarame. FNN kan ijaraame qabsaa’ota Oromoo fi saba Oromoo sagalee fi sabaa-himaa dhowwatamaniif sagalee/argaa dhageettii ta’uuf.


Haaluma kanaan sabaa-himaaleen FNN jala jiran yeroo marayyuu of qopheessuun saba Oromoo fi qabsoo isaatiif sagalee ni tahu. Qabsoon Oromoo akka milkaa’uu fi galma akka gahu ni tattaafatu. Hawwaasa Oromoo keessatti tokkumaa fi tasgabbiin akka jiraatu cichanii ni hojjetu. Hacuuccaa fi sarbamiinsa mirgaa namaa qabsaa’ota Oromoo fi uummata Oromoorra sirna nafxanyaan gahu ni saaxilu haawwaasas ni hubachiisu.
Qabsoo dhaabileen Oromoo wallaba tahanii fi walabumama fi hiree ofii ofiin murteeffannaa Oromoof qabsaa’aniif sagalee tahuun uummatni Oromoo isaan waliin hiriiruun galmaan akka geenyu FNN gahee isaa ni baha.


Sabaa-himaaleen FNN jalatti haammataman Imaammata Gulaala Sabaa-himaa keenya kana imaammata hundumaa keenya ta’uu isaa fudhachuun tamsaasi qoopheesinu ulaagaa kan guutee fi hafuura sabboonummaa kan qabu akka ta’u ni hojjetu.


Imaammata ijoo Irratti Waliif Gallu:



  1. Walabummaa Oromiyaa fi hiree offiin murteeffannaa Oromoo fudhachuu fi tinnisuu

  2. Dhaabilee Oromoo walabummaaf qabsaa’anii sagalee ta’uu

  3. Hariiroon obbolummaa sabaa-himaalee gidduutti akka jiraatu gumaachuu

  4. Ilaalcha fi kayyoo tokkon tamsaasalee fi tajaajilli akka milkaa’aniif qindeessuu

  5. Qulqullinni sagantaalee akka foyya’aniif waliin hojjechuu

  6. Warreen aarsaa Oromoon bilisummaa isaaf baase irra ejjechuun dantaa mataasaaniif diina Oromootti maxxananii fi Oromoo balaaf saaxilan keessumsiisuu irraa sabaa-himaaleen FNN of qusachuu qabu; yoo keessummeessanis farra uummata Oromoo ta’uu jaraa saaxiluuf ta’uu qaba

  7. Waldorgommii hamaa ta’anii fi jeequmsa uumuu malan irraa of qusachuu

  8. Tamsaasi keenya yeroo mara odeeffannoo qabatee dhihaachuun jalqabarratti oduu tamsaasuu qabu

  9. Qulqullinni fi sadarkaan tamsaasaa sabaa-himaalee FNN yerootii yerootti akka fooyya’an waloon ni hojenna. Dirqamni qulqulina tamsaasaa fi sadarkaa eeguu kan sabaa-himaalee yeroo tahu FNN yerootii yerootti leenjii gaggabaaboo kennuun dandeettii fi oogummaan hojjetoota sabaa-himaalee akka fooyya’an ni godha.

  10. Komiiteen Sabaa-himaa FNN sagantaa baaseen sabaa-himaaleen FNN jala jiran marti ija tokkoon ilaalamuun tamsaasi isaanii Yeroo Kennameefitti akka Satalayitiin biyya gahu sabaa-himaaleen dirqama ni bahu. Yoo yeroo kennameefitti tamsaasa hin qopheeffanne tahe dursanii Komiitee ni beeksisu.

  11. Maqaa uummata biroo dhahuun duula labsuun ykn balaaleffacuun dhorkaa dha.

  12. Tamsaasaleen hunduu gulaala keessa darbuu qabu satalayitiin darbuu dura.

  13. Torbee torbeen hojii turbanii wal arginee ni gulaalla.


Sabaa-himaaleen irra deddeebiin imaammata yoo cabsan ykn daagummaa yoo agarsiisan amma mareen furmaatni argamutti tamsaasni isaanii Satalayitii FNN irraa ni dhaabbata.


Finfinnee News Network argaa fi dhageetti uummata Oromooti!