Mootummaan Abbaa Irree Itiyoophiyaa Duguuggaa Sanyii Oromoorraan Gahaa Jiraachuun Ibsame

Published Jan. 8, 2021, 3:55 a.m. by Daniel Dibaba

393



Akka ibsa Oromia Support Group (OSG)n ragaa qabatamaa wabeeffachuun baasetti mootummaan abbaa irree Abiy Ahmed duguuggaa sanyii raawwachaa jiraachuun beekame. Akka ibsa bara haaraa 2021  OSGn baasetti erga Muummichi Ministeeraa Itiyoophiyaa duraanii Abiy Ahmed injifannoo qabsoo Qeerroo fi Qarree Oromoo saamuun aangootti dhufeetii lammileen meesha maleeyyii tahan 1342 humna tikaa mootummaa Itiyoophiyaatiin haala gara jabinaan guuteen ajjeefamaniiru.   

"In this report, another 208 killings by government forces are recorded, making the total,
despite poor access to information, of over 1,342 killings of civilians by Ethiopian
government forces since October 2018."

Irra guddaan miidhaan kan irra gahaa jiru Oromoo tahuu OSGn kulkulfatee gabaaseera. OSGn akka gabaasetti waanti yaaddessaan lammilee to'annoo gartuu aangoorra jiruu keessa jiran mana hidhaatii baasanii ajjeesanii gatuu dabalaaa deemuusaati. Haaluma kanaan namootni kudhanii ol tahan mana hidhaa keessaa baafamanii ajjeefamu gabaaseera.

Gabaasaa OSG baase kana keessatti haala nama suukanneessuun lammileen ajjeefamanii bosona keessatti reeffi isaanii ni mullata. 

 

Itti fufiinsa gabaasa kanaa as xuquun ilaalaa: Ibsa OSG.

 

 

 

 


Similar posts:

There are no similar posts yet.