Mootummaan dirqiin qeerroo fi qarree gara waraanaatti ergaa jira | Oduu garagaraa
Published Oct. 8, 2022, 3:56 p.m. by FNN
1
Gaazzixeessitoonni ONN lamaanii fi Kanneen isaan waliin himataman namoonni 17 kaleessa mana murtiitti dhihaatan.
Miseensotni Koree Mootummaa Ce’umsaa Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa labsitan jedhamuun galmee Qaasim Abdullaahii jalatti himataman namootni 17 fi gaazzexeessitoota ONN Dassuu Duulaa fi Biqilaa Amanuu kaleessa Onkoloolessa 07,2022 Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Calcaliitti dhihaataniiru.
Mirgi wabii isaan gaafatan hanga ammaatti kan hojii irra hin ooliniif yoo ta’u, dhaddacha kaleessa ooleen ragaan biraa dhihaatuun hubatameera. Ragaan dhihaates akka barbaadanitti ta’uu waan dadhabeef Abbaan Alangaa addaan kuteera.
Manni Murtii beellama biraa Akka Lakkoobsa Itophiyaatti ji’a itti aanu gaafa 24,2015tti qabuu maddeen ifoomsaniiru.
2
Godinaalee Oromiyaa bakkoota adda addaatii dargaggoota mallaqaan sossobuu fi dirqiin qabanii gara mooraa waraanaatti guuraa jiraachuu namoonni nuti dubbifne addaa adda hubachiisan.
Erga dhihoo kanaa Godinoota Oromiyaa garagaraa keessaa dargaggoota humnaa fi gowwoomsaa maallaqaan gara mooraa leenjii waraanaatti guuruun bal'inaan mul'ataa jira.
Kan nama ajaa'ibu garuu ijoolleen waggaa 14 fi 15 illee hin caalle duula Kanaan guuramaa jiraachuu magaalota Oromiyaa addaa addaa irraa namoota dubbifnee jirra.
3
๐๐จ๐๐ข๐ง๐ ๐๐จ๐ซ๐ซ๐จ๐จ ๐๐ฎ๐๐ฎ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐ฐ๐๐๐ซ๐๐ซ๐ซ๐ข ๐ช๐ข๐ง๐๐’๐๐๐ง ๐ก๐ข๐๐ก๐๐ญ๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐ ๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ ๐๐ข ๐
๐๐๐ง๐ง๐จ๐จ๐ง ๐๐ฆ๐ฆ๐๐ญ๐ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐ข๐ซ๐ซ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐ ๐๐ ๐ ๐๐๐๐๐๐ฆ๐ฎ ๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐๐ฎ๐๐
Hidhattootni mootummaa Bilxiginnaa fi Faannoon weerara qinda’aa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Amuruu keessatti ummata Oromoo meesha-maleeyyii irratti deemsisan itti fufaniiru jechuun SBO gabaaseera.
Onkoloolessa 06,2022 Ona Amuruu ganda Lum’aa Waallii jedhamu keessatti namootni 3 hawaasa keessatti dhageettii qaban humnoota kanaan ajjeefamuu gabaaseera.
1) Obbo Abuu Jaarsoo
2) Obbo Abarraa Nugusaa fi
3) Obbo Guutamaa Nugusaa lamaan isaaniituu obbolaa kan ta’an goolessitoota kanaan ajjeesamaniiru.
Lolli Ona kana keessatti ummata nagaa irratti deemsisamu ammallee itti fufee akka jiraachuudha kan gabaafama jiru.
4
Godina Arsii lixaa onaa Eebaan Arsii keessatti ilmaan Oromoo hidhuu fi mana hidhaatii baasanii ajjeessani gatuun hammaate jiraachuun himame.
Gareen fashistii PP Oromiyaa cufaa keessatti waraana isa bobbaasun ilmaan Oromoo badii tokko malee qabee hidhuun, yeroo barbaadetti ammoo mana hidhaatii baasee ajjeesse gatuu goleewwaan Oromiyaa bakkoota hedduu keessatti gochaan kun raawwatamaa jiraachuu gabaasaa turreerra.
Akkan kanan godina Arsii lixa onaa Eebaan Arsii ganda Argadda Shaddoo keessaa Onkoloolessa 1,2022 dargaggoo Hirphaa Mi'eessoo kan jedhamu baatiilee hedduuf ergaa mana hidhaatti daraara turanin booda haalkan dhoksaan mana hidhaatii baasuun bosonaa keessatti akka ajjeessaani gatan jiraattonni naannichaa ni dubbatu.
Dargaggoo Hirphaa maatiin isa ergaa mana hidhaatii dhabanii hordooffi tasisaanin
guyyaa lama booda reeffi isa bosonaa keessaa argamuu fi maatiin reeffa isaa bosona keessaa fudhatee awwaallachuu maddeen gabaasaniiru.
Similar posts:
There are no similar posts yet.