Duguuggaan Sanyii Oromoota Walloo irratti deemaa jiru xiyyeeffannoo argachuu qaba

Published April 19, 2022, 4:48 a.m. by FNN


Lammiilee Oromoo Walloo irratti duguuggaan sanyii humnoota badiinsaa naannoo Amaaraa fi naannoo Affaar akkasumas tiksitoota garboomfataan deemaa jiru haalaan nama surura. Yakki akkasii kun oolee buluu malachi seera jalaa namni bahuu dandahu hin jiru. Mohammad Gaddafi waggaa 34 ol gaafa bulche lammiilee biyyasaatii akkuma waadaa ture gaaf tokko garuu du'a hin taane du'e. Warri harra lammiilee Oromoo irratti yakka dhala namaa irratti hin raawwanne raawwataa jiran boru seeratti dhihaachuuf jiru.
Suuraa fi suur-sagalee FNN gahan miira duuka buutota keenyaaf jecha asirratti hin maxxansinu. Ha ta'uuti dhala namaatu kana dhala naamaa irratti raawwata jedhanii yaaduun nama dhiba. Warri ollaa Oromiyaa ammas irra deebi'uun amala bineensummaa calaqqisuu itti fufaanii jiru.
Lammiilee Oromoo irratti yakka dorgommii hin qabne raawwataa wajjin jiraanna jedhanii yaaduun hin fakkaatu. Wajjin jiraachuu mitii ollaa warra kanaa jiraachuunuu adaamii ollaa qoraattii jiraatu waliin tokko. Furmaanni Oromoo waloon dhaabbachuun biyya abbaasaa dhuunfachuun humna ittisaa nagaa lammiilee isaa eegu gabbifachuu duwwaa dha.
Haa ta'uutii akkuma Oromooti Walloo jedhan bilisummaa poosxaan eeguu dhiisaatii gahee lammii Oromoo mararraa eegamu ammumaati bahuu eegalaa. Nagaa naannoo keessanii waloon dhaabbachuun tikfadhaa.
Bineensi uummata keenya nyaataa jiru qoofee deebi'uuf hin jiru. Oromoota Oromiyaa irraa dhabamsiisuun Oromiyaatti abbaa tahuuf yoo dandahe humnaan yoo dadhabe shiraan rafee bulaa hin jiru.
Salphina kana jalaa bahuuf waliif dirmachuun lammiilee Oromoo baraaruu malee furmaati biraa hin jiru.
Qeerroo fi Qarreen kaleessa nyaapha dura dhaabbatte diina buqqise sirna nama nyaataan yeroo hidda lafatti naqatutti taa'ee ilaaluu hin malle. Gumbii sirna Gadaa irraa tarsiimoo fudhachuun diina Oromiyaa alatti ittisuun yeroon isaa amma.
Viewer discretion highly advised: https://t.me/c/1511330709/872




Share this post

Similar posts:

𝐌𝐢𝐫𝐠𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐁𝐮’𝐮𝐮𝐫𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐘𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐊𝐚𝐦𝐢𝐭𝐭𝐮𝐮 𝐊𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐦𝐮𝐮 𝐐𝐚𝐛𝐮.

Deadly Amhara Attack on Wallo Oromos Sparks Criticism, Oromo Clergy Split from Ethiopian Orthodox Synod

A brief Political Manifesto of the OLF-OLA

Sabboontota fi diina Oromoo