;

Cuunfaa fi Ejjennoo Yaahii 12ffaa Gurmuu Hayyoota Oromoo

Published Oct. 16, 2023, 12:07 a.m. by FNN

739



Sabni Oromoo, sirna kolonii Habashaa jalatti baroota 150 oliif hacuucamaa ture, yeroo ammaa ammoo caalaatti akka sabaatti diineffatamee, haala qindaaween duullii daguuggaa sanyii qara hedduudhaan irratti geggeeffamaa jira. Eenyummaa uummata gabroomfatamee dhabamsiisuun imaammata impaayera koloneeffattuu akkuma tahetti, mootummaan Itoophiyaa hardhaa, karaa tokkoon uummata Oromootti Humna Waraanaa qabu maraa duulchisuudhaan daguuggaa sanyii raawwataa jira. Karaa biraatiin immoo, tooftaa fi tarsiimoo adda addaatti fayyadamuudhaan uummata keenya naannoodhaan, gandaan, amantiidhaan akkasumas ilaalcha siyaasaa tokkummaan ka’ee Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) xumuratti  hin geessine burjaajessaa jira. 

Gurmuun Hayyoota Oromo (GHO), rakkoolee saba isaa (kan siyaasaa, diinagdee, fayyaa, hawwaasumma fi kkf) qorachuu fi too’achuudhaan adda-durummaan fala itti barbaaduun gahee hayyootaa tahuu hubatee; hundaa dura, Sabni Oromoo, Impaayera Ityoophiya jalatti hacuuccaa, saaminsaa fi gidiraa jaarraa tokko fi walakaa oliif irratti dagaagfame jalaa of bilisoomsee biyya isaa irratti abbaa tahuuf qabsoo bara dheeraa gaggeessaa jiru injifannoon akka xumuratuuf, gahee fi gaafatama beektotni fi hayyootni qaban bahachuuf ijaarame. 


Akeeka GHO keessaa inni tokko, uummata barsiisuu fi dammaqsuu waan taheef, GHOn mata-duree “TARSIIMOO DIINAA CABSUUN XUMURA QBO TI” jedhu jalatti, Fulbaan 17, 2023, Seminaara barumsaa qopheessee milkiidhaan xumuratee jira.

Kaayyoon Yaa’ii kanaa dhimmoota ykn gaafiilee ijoo ta’an ummata Oromoo irratti dheerachuuf sabab humni diinaa (external factors) maal fakkaatu kan jedhu irratti malee, dhimmootni kun lamaan xiyyeeffatuun seenaa gabrummaa hayyuudhaan dhihaate fi marii Yaa’ii kana keessatti gabrummaan bifa adda addaatiin akkatti uumame bal mari’atame, akka armaan gadiitti cuunfame: 

1) Impaayarri Abisiinyaa Saboota Ollaa Weeraruun Ijaarame

Akkuma koloneeffataa kamuu, Impaayarri Abisiiniyaa, kan booda irra Impaayara Itoophiyaa jedhamuun beekamu, lafa (ristii) Abisiiniyaa jedhamu babal’ifachuuf saba Oromoo fi Uummatoota biroo weeraruun cabsee sirna kolonii ijaarrate. Sirna dinagdee fi hawaasummaa Oromoo fi Uummatoota Kibbaa jijjiiruudhaan lafa fi qeyee isaanii irratti Habashootaaf gabbaarii godhee, hacuuccaa fi gidiraa daangaa hin qabneen bulchaa ture. Hardhas, harcaatoti sirna kana, ristii babaldhifachuuf fi ol-aantummaa adeemsa keessa dhaban deebisachuuf jecha, diinummaadhaan Oromoo dhabamsiisuuf karoora baafatanii ifatti itti duulaa jiru. 

 

2) Aadaa fi afaan Oromoo dhabamsiisuu fi uummata Oromoo madaqsuu

 Akkuma koloneeffatoota Awurooppaa, eenyummaa saboota cunqurfamoo haquuf - seenaa, aadaa, afaanii fi eenyummaa saboota hacuucamanii dhabamsiissuu imaammata godhatee hanga humni isaa dandahe carraaqe. Ol-aantummaa Habashaa dhugoomsuuf, sochii dinagdee, siyaasaa fi hawwaasummaa dhuunfachiisee, uummatoota gamroomfate karaa hundaan madaqsuu/amaaressuu karoora godhate. Biyya Oromoo ajajoota waraana Habashaaf addaan qoodee, caasaa hawaasummaa fi walitti hidhannoo Oromoo caccabsuun addaan hiree wal wallaalchisuu yaale. Seenaa Oromoo haquu fi aadaa fi Afaan Oromoo dagatamee akka badu godhuu, walumaagalatti kan eenyummaa Oromoo ibsu mara dhabamsiisuuf waggaa150 olitti bobba’e. Mootummaan PP hardhaas Oromoo addaan qooduu, uummata hiyyoomsuu fi QBO humnaan cabsitee ol-aantummaa abbootii impaayerichaa tiksuuf duula qawweetiin Oromoo irratti bobbaatee jirti. 

3) Oromoo hacuuccuu fi siyaasaa ala godhuu 

Hardha illee, murtii siyaasaa keessatti Oromoon akka qooda hin arganne, aangoo akka hin qabaanne, akkasumas uummati dammaqee mirga fi hiree isaa murteeffachuu dhorkuuf jecha namoota falmatan, qaroo fi beektota sabichaa lafarraa dhabamsiisuun fi kkf kaayyoo mootummaa Itoophiyaa ta’ee itti fufee jira. 

4) Walqixxummaa carraa barnootaa dhorkachuu


Oromoo carraa barnootaa dhorkuu ykn barnoota ayinaa qabu akka hin arganne daangessuun, carraa barumsaa bubuutuu kan argate ammoo akka Amaaraatti of ilaalee saba isaa irraa akka citu madaqfatuun imaammata mootummaa koloneeffataa Itoophiyaa ture. Hardhas, Qaroo Oromoo kan madaquu dide shira xaxuudhaan bakka akka hin arganne godhaa ykn qaamaan dhabamsiisaa jiru. Ilmaan Oromoo barumsa ammayyee fi addunyaa waliin tarkaanfachiisu akka hin arganne godhanii teknoolojii irraa boodatti hambisuun hardhas imaammata sirna koloneeffataa Itoophiyaa ti. Ijoollee barnoota sadarkaa 2ffaa xumuratan jumlaan qorumsa kuffisuudhaan, hegeree dhaloota dhufuu dukkaneessun kanaaf ragaa fi fakkii guddaa dha. 

5) Hirmaannaa diingadee irratti walqixxummaan dhabamuu

 Koloneeffattooti Habashaa, uummata baldhaa lafa isaa irratti gabbaarii godhachuudhaan humna isaa fi qabeenya biyyaa isaa saamaa turan. Akkuma koloneeffattoota biroo, erga gabbaarummaan kaafamees, Oromoon diinagdeerratti hirmaachuuf carraa akka hin arganne, shira dhoksaa fi ifaa xaxuudhaan daangessaa turan; uummata Oromoo hiyyummaa fi gadadoof saaxiluu; qabeenya isaa koloneeffataa fi gargaartotni isaa akka saaman taasisuun hardhas ifatti itti fufee jira. 

6) Seenaa fi eenyummaan Oromoo akka hin himamne dhorkuu

 Mootummoota Impaayerichaa dabran keessatti, seenaan Oromoo barreeffamuu fi barsiifamuun hafee, eenyummaan isaa’llee akka dhokatu yaaliin hin godhamne hin jiru. Yeroo ammaas, Himaa Impaayarittii (empire narratives) keessatti mooyxannoo fi gahee uummatni Oromoo qabu gadi xiqqeessuu ykn akka hin himamne dhorkuun, Gaafiin hiree murteeffannaa Oromoo himaa Impaayarittii keessatti akka hin mul’anne godhuuf, gartokkoon akka waan Oromoon kolonummaa Habashaa ofirratti ijaaree fi mootummaan Biltsiginnaa (PP) motummaa Oromoo ti jechuun ololaa, karaa biroo ammoo sirna gabroomfataa Oromoo irratti tiksuuf humna waraanaa dabalatee qara hedduun duulli irratti geggeeffamaa jira. 

7) Mootummaan Miniliki Oromoo akka garbaatti gurguruu 

Weerara Minilkiin wal qabatee, ajjeechaa jumlaa fi dhukkubaan Oromoo fixuu baras raawwatame cinatti Oromoota miliyoonaan lakkaawaman akka garbaatti gurguran; Minilik mataan isaatuu gabroota kuma torbaatamaa (70,000) ol akka qabaachaa ture fi isaan keessa walakkaan ol Oromoo akka ta’an seenaan ragaa baha. Seenaan kana tahee osoo jiruu, Miniliki fi dhaaltota isaa faarsuu fi sirna inni jalqabe akka haaraatti dhugoomsuuf yaaluun, diinummaa mootummaan PP saba Oromoof fi ummaatoota cunqurfamoof qabdu ifatti muldhisa. 

8) Oromoota Madaqoo fi Dammaqoo tahan uume 

Akkasumas gabrummaa ykn kolonii kana keessatti beektotni Oromoo (Oromo elites) amaloota isaan agarsiisan irraa kan ka’e akkamitti garee adda addaatti hiramuu akka danda’an hubannoon kennamee jia. Warrootni amaloota adda addaa agarsiisan kun akka armaan gadiitti ibsaman.  

Dammaqoo (the conscious) 

Walaallammii (the middle grounded seasonals)

Madaqoo (the assimilated)

Dammaqoo

Isaan kun warra hubannoo siyaasaa fi akkasumas quuqama sabaa qaban; qabsoo bilisummaa keessatti sirriiti hirmaatanii fi lubbuu isaanii kennanii qabsaa’aa jiran; mirga hiree murteeffannaa uummata Oromootiif hojjetan; nam-tokkoodhaanis ta’ee gara jaarmayaatiin ijaaramanii, gurmaa’anii; fedhii dhuunfaa dhiisanii kan fedhii biyyoolessaa Oromootiif dursa kennanii dhimma Oromootiif hojjetani dha.

Madaqoo

Isaan kun warra karaa adda addaatiin Impaayara tana keessatti madaqfamani dha. Isaan kun eenyummaa saba ofii dhiisanii ykn duubatti hanbisanii sabboonummaa Itoophiyaa (Ethiopian Nationalism) fudhatan ykn fudhachuuf fedhii qaban; aadaa, seenaa fi duudhaa saba ofii dhiisanii kan warra Habashootaaf dursa kennan; ayyaan-laallattoota fedhi dhuunfaatiif asii fi achi deeman; kan fedhiin uummata/saba isaaniitiif dhimma ykn dantaa hin qabne fi kkf. dha. 

Walaalammii 

Gareen kun warra ejjannoo tokko hin qabne; kan garuma haalli mijatetti goruu barbaadan, warra qabsoo kana keessatti kaayyoo, mul’ata fi galii murtaaye tokko hin beekne ykn hin qabne dha. Isaan kun tarii warra eenyummaa Oromoo beeku fi aangessuun uummata isaanii barbaachisaa akka ta’e warra hubatnii dha. Haa ta’u malee, qabsoo kana keessatti hirmaachuuf warra fedhii hin qabne ykn warra qabsoo kana sodaatani dha.

Gareeleen armaan olitti iddoo saditti hiraman kun akka Hayyuun Yaa’ii kanarratti barumsa dhiheessetiin yommuu ta’an, marii bal’aa godhame keessatti, gareen biraas akka jiraatu ibsame.

Gareen akka afraffaatti hubatame kun immoo uummata lakkoofsaan wayyaba ta’an, sababa burjaajii uumameen ykn uumamuun callisanii warra jiranii dha. Isaan kun yookaan hubannoo hin qaban ta’a yookaanis afaanfaajjii fi burjaajii keessa galanii sababa kanaan callisuu filatani dha jedhamee yaadama. 

 

Ibsa Ejjennoo

 Hirmaatotni Yaa’ii kanaa barumsa Hayyuun Oromoo dhiheesse booda dhimmoota adda addaa irratti marii baldhaa godhuudhaan erga hubatanii wal hubachiisan booda, cuunfaa fi ibsa ejjannoo armaan gadii dabarsanii jiru. 

1) Tooftaa fi tarsiimoo koloneeffataa – Koloneeffataan tokkummaa saba koloneeffatee diiguu, qoqqoodee bulchuu, beekaa fi jabaa sabichaa qaamaan dhabamsiisuu fi kan hafan bitachuu/dantaan gowwoomsuu; malaanmaltummaa (corruption) keessatti sakaaluu, kkfn Uummati gabroome akka irratti hin fincille tohata. Itti dabalees, meeshaalee of harkaa qabu maraan (mediyaa, birokiraasii, sirna barumsaa fi kkf) burjaajessuun, qaamaa fi qalbii toohata. Kanaan adeemsa keessa eenyummaa sabichaa dhabamsiisee kan ofii fudhachiisee biyya isaa dhuunfata. Xiyyeeffannoon Yaa’ii kanaas gabroomfatamuun saba Oromoo irraan maal akka geessise gadi-fageenyaan xiinxaluun uummata keenyaaf barumsaa fi hubannoo kennuun dha. Tarsiimoolee diinaa keessa inni ijoon, uummata gargar qooduu waan ta’eef, gareeleen iddoo afuritti ibsaman kunis uumamuun isaa tarsiimoodhuma diinaa ti jedhee amana. Yeroo diinni Oromoo, akka sabaatti isaa dhabamsiisuuf ifatti tattaafataa jiru, garaa hiruu fi ololaan burjaajahuun akka wayittuu hin baasne barsiisuun, garee walaalammi fi jamaa hin dammaqini qabsoof akka gumaachan gochuun beektota fi jaarmayoota Oromoo irraa akka eegamu hubachiisa. Garee madaqoo fi garaaf bultootaa ammoo, dantaa yeroof bololuun booda gatii akka isaan baasisu ammumaan akka hubatan dhaamsa dabarsa. 

2) Qoqqoodinsi Oromoo jidduutti mumul’achaa jiru keessumaayyuu biya alaa keessatti kan hubatamu, maddi isaa tarsiimoodhuma diinaa akka ta’a amana. Kanaaf, mariin bal’aadhaan Yaa’ii kana keessatti godhame kun uummata keenyaaf barumsa fi hubannoo guddaa kennuu danda’a jedhee amana. Miidiyaan Oromoos barumsa kana tamsaasuudhan Uummata keenya akka dhaqqabsiisan kabajaan isaan gaafata. Gara fuulduraattis, beektoti fi midiyaan Oromoo, olola fi maqa-xureessii koloneeffataa fi hirkatooti isaa geggeessan qindoominaan dura dhaabachuu fi burjaajii fi qoqqoodinsa isaan uumuuf yaalan fashalsuu keessatti akka wal tumsinu waamicha dhiheessa. 

3) Uummatni gabroomfatame tokko dura ni dammaqa; erga dammaqe ni gurmaaya; yoo gurmaaye immoo qabsoo bilisummaa isaa galiidhaan gaha. Uummatni dammaqee, gurmuu waloo qabaatee, galma tokkoof yoo qabsaawe, bakka yaadu gahuuf baay’ee salphaa dha. Haa ta’u malee, gaafiin ka’uu qabu garuu dammaqinsi Oromoo gahaa dhaa? essaas calqabuu qaba? kan jedhu dha. Dammaqinsi jalqaba eenyumaa ofii baruu, sunis afaan, seenaa, aadaa fi duudhaa Oromoo barachaa guddachuu waan taheef maatii irraa ka’uu akka qabu hubatame. Fakkeenyaaf ijoolleen qabsaa’otaa kan abbaan ykn haati isaanii qabsoo keessatti wareegaman tokko tokko, har’a gama biraa goranii diinallee yoo ta’uu baatan qabsoo kanatti gufuu tahuu irra akka gahan hubatamaa jira. Kanaaf, ijoolleen Oromoo akka eenyummaa isaanii hin daganne, Oromummaan maal akka ta’e akka hubatan, hawwaasni fi jaarmoleen Oromoo kanarratti xiyyeffachuun barbaachisaa fi murteessaas akka ta’e amana. 

4) Akkuma waliigalaattuu, siyaasaa tokko keessatti addatti immoo qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti, akka bu’uraatti waa sadi godhamuu akka qaban hubatame. Isaanis, dammaquu, ijaaramuu ykn gurmaayuu fi ofeeguu ykn ofittisuu (self defence) dha. Sabni tokko hiree isaa ofiif murteeffachuuf waan sadeen ijoo ta’an kun hedduu barbaachisoo dha. Kanneen fiixaan baasuuf ammoo humnooti siyaasa Oromoo fi beektoti Oromoo gaafatama guddaa akka qaban, gaafatama kanas bahachuuf kutannoodhaan akka itti bobahan yaa’ii kun gaafata. 

5) Akkuma hubatamaa jiru, diinotni QBO, keessumaayyuu warri sirna durii dulloomaa sana deebisanii jaarraa 21ffaa keessatti saboota irratti fe’uuf abjootan, meeshaa waraanaa qofaan osoo hin taane, miidiyaa qaban hundatti fayyadamanii, saba Oromoo maqaa xureessuuf olola daanga hin qabne oofaa jiru. Gama Oromootiin garuu karaa miidiyaatiinis ta’ee karaa hayyootaatin deebiin kennamu hin jiru jechuu dandeenya. Kanaaf, keessumaayyuu hayyootni barruulee barbaachisoo dhiheessudhaan midiyyaa Oromoo waliin olola diinaa kana fashalsuun gaafatama fardii waan tahee jiruuf, akka waliin hojjennu waamicha dhiheessa. 

6) Diinotni Oromoo, keessaahuu warri maqaa Fannootiin hidhatanii Oromiyaa seenanii uummata keenya ajjeesaa, qabeenya saamaa fi barbadeessaanii lafa Oromoo irratti mana ijaarrratanii daangaa isaanii babaldhifachaa jiru. Adeemsi akkanaa kun waan Israa’eel Filisxeemota irratti godhaa jirtu wajjin kan walfakkaatu, gabrummaa bifa biraa fi kan hammayyaa’e (modern colonisation) akka ta’etti hubatama. Ilmaan Oromoo marti badii saba kanatti dhufaa jiru kana hubatee, tokkummaan humna isaa cimsatee, daangaa Oromiyaa eeguu akka qabu dhaamsa dabarsa. 

Injifannoo Uummata Oromoof! 

Yaa’ii GHO 12ffaa 

Fulbaana 17, bara 2023







Similar posts:

There are no similar posts yet.