;

Antibaayootikiin tokkollee waan hojjechuu dideef, dubartiin kun lubbuu abbaa warraa ishee baraaruuf gara diina uumamaa baakteeriyaatti garagalte

Published Dec. 7, 2023, 1:16 a.m. by FNN

1198



Fulbaana 2016, ogeettiin dhibee daddarbaa Steffanie Strathdee harka abbaa warraa ishee du’aa jiru qabattee, lola dadhabsiisaa infekshinii superbug lubbuu namaa galaafatu waliin yeroo mo’amu ilaalaa turte.

Olka'iinsaa fi gadi bu'iinsa ji'ootaa booda, hakiimonni abbaan warraashee Toom Paatarsan baakteeriyaadhaan baay'ee akka rakkate reefuu itti himanii turan.

“Ani, ‘Shaabbaa koo, yeroon nu jalaa dhumaa jiran jedheen. Jiraachuu yoo barbaadde beekuun qaba. Na dhaga’uu dandeessullee hin beeku, garuu yoo na dhaga’uu dandeessee fi jiraachuu barbaadde maaloo harka koo jabeessi qabin’ jedheen.

“Akka tasaa, dhuguma harkakoo jabeessee qabe. Ani immoo, ‘Oo, guddaa dha!’ jedheen yaade, achiis, ‘Oo, crap! Maalan godha?’” jedheen yaade jette haati warraa isaa.

Strathdee yeroo dhukkuba yeroo dheeraa abbaa warraa ishee ho'a qaamaa hedduu cabsuuf yaaluun huccuu qabbanaawaa morma isaa irra kaa'a turte. - Isteefanii Istiraatidii

Wanti itti aansee raawwatte salphaatti dinqii jedhamuu dandaʼa. Tokkoffaa, Strathdee n wal'aansa hin beekamne kan abdii xiqqoo kennu agarte - superbugs phages, vaayirasoota uumamaan baakteeriyaa nyaachuuf uumaman.

Sana booda saayintistoota faajii biyyattii keessa jiran amansiistee, tuullaa marga molakiyuulaa bishaan xuraa'aa, boolla, bishaan kuufamaa, bilge bidiruu fi bakka walhormaata ijoo biroo baakteeriyaa fi mormitoota vaayirasii isaanii keessaa akka adamsanii fi akka funaanan goote. Karoora hin danda'amne: faajii muraasa, kanneen adda ta'anii fi gosa baakteeriyaa farra-baakteeriyaa dandamatanii fi abbaa warraa ishee jiraatti nyaataa jiran loluu danda'an dafanii argachuu.

Itti aansuudhaan Bulchiinsi Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaa kokteelii abdii hin mirkanoofne kana ibsaa magariisa kennuu qaba ture, saayintistoonnis makaan/kocktail n kun akka nama hin ajjeesineftti qulqulleessuu qabu turan.

Ta’us torban sadii booda qofa, Strathdee n hakiimonni hidda dhiigaa keessaan makaa kana qaama abbaa warraa ishee keessatti lilmoodhaan naqanii — fi lubbuu isaa baraaran ilaalte.

Seenaan isaanii kan obsa guddaan guutee fi carraa gaarii hin amanamneedha. Gaarummaa guddaa fi ifa kabaja namoota keessummaa tahaniiti. Akkasumas seenaa balaa guddachaa dhufe kan antibaayootikii dandamatu superbugs irraa lubbuu lakkoofsa hin qabne baraaruu danda’u qofa — tarii kan kee illee ta’uu danda’a.

“Bara 2050tti waggaatti namoonni miliyoona 10 ta’an — sun sekondii sadii keessatti nama tokko — infekshinii superbug jedhamuun du’uuf akka jiran tilmaamameera,” jechuun Strathdee daawwattoota Life Itself, sagantaa fayyaa fi fayyaa gaarii bara 2022 CNN waliin ta’uun dhiyaate irratti dubbatte.

“Diinni diina koo fira koo ta’uu akka danda’u sitti himuuf as dhufe. Vaayirasiin qoricha ta’uu danda’a.”

Boqonnaa sodaachisaa

Bara 2015tti ayyaana galateeffannaa laga Naayilii irratti yeroo imalan, Paatarsan akka tasaa garaan isaa garmalee dhukkube. Kilinikiin Masrii tokko mallattoolee isaa hammaataa dhufe gargaaruu yeroo dadhabu, Paatarsan balaliin gara Jarmanitti kan geeffame yoo ta'u, achitti hakiimonni baakteeriyaa hamaa farra baakteeriyaa hunda jechuun ni danda'ama kan dandamatu Acinetobacter baumannii jedhamuun guutamee argan.

Baakteeriyaan kun cirracha Baha Giddu Galeessaa keessatti kan argame yoo ta’u, madaa loltoota Ameerikaa yeroo Waraana Iraaq boombii daandii cinaan rukutaman keessa qileensaan kan seene yoo ta’u, paatojeeniin kun maqaa masoo “Iraqibacter” jedhus argateera.

“Loltoonni durii dho’iinsa IED irraa miila isaanii fi qaama isaanii keessatti shrapnel argachuun fayyuuf gara manaatti deebi’u turan,” jechuun Strathdee CNN’tti himte, meeshaalee dhoo’aa fooyyeffamanii hojjetaman eeruun. ''Wanti nama dhibu, superbug isaanii of duukaa fidanii dhufan. Kan nama gaddisiisu, baayʼeen isaanii dhoʼiinsa boombii sanarraa kan hafan taʼus, baakteeriyaa lubbuu namaa galaafatu kanaan duʼaniiru.”

Har’a, Acinetobacter baumanniin tarree jarmoota balaafamaa kanneen antibaayootikii haaraan baay’ee barbaachisan kan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa sadarkaa tokkoffaa irra jira.

“Wanta baakteeriyaa kleptomaniac ykn hattuu ta’eeti. Dhuguma jiiniwwan farra jarmii dandamatan baakteeriyaa biroo irraa hatuu dandahuu dha,'' jette Strathdeen. “Abbaan manaakoo waanan yaade caalaa baayʼee akka dhukkubsatee fi taajilli fayyaa ammayyaa qoricha farra baakteeriyaa ittiin isa yaalu akka dhabe hubachuun jalqabe, jette”, Strathdeen.

Baakteeriyaan kun keessa isaatti osoo hin to’atamin guddachaa waan tureef, Paatarsan yeroo muraasa booda gara magaalaa dhaloota isaanii San Diego, bakka inni piroofeesara yaala sammuu ta’eef, Strathdee ammoo Yunivarsiitii Kaalifoorniyaa, Saan Diyeegootti itti aantuu dura taa’aa saayinsii fayyaa addunyaa turanitti balali’an.

“Tom roller coaster irra ture — guyyoota muraasaaf ni fayya, achiis manca’iinsi ni jiraata, akkasumas baay’ee dhukkubsata,” jedhan Dr. Robert “Chip” Schooley, ogeessa dhukkuba daddarboo adda duree UC San Diego kan yeroo dheeraaf hiriyyaa fi michuu hojii ture. Torban gara jiʼaatti yeroo jijjiiraman, “qaamni Toom hedduu dadhabuu jalqabe. Garmalee dhukkubsatee waan tureef guyyaa fedhe isa dhabuu dandeenya.”


Tuullaa margaa keessaa cirracha barbaaduu

Qabaa harka tasgabbeessaa abbaa warraashee sana booda, Strathdeen tarkaanfiitti seente. Intarneetii keessa osoo sakatta'aa jirtuu, qorannoo qorataa Tibiliisii, Joorjiyaa, faajii baakteeriyaa qoricha dandamatu yaaluuf itti fayyadamuu irratti gaggeessetti dhufte.

Bilbila tokko booda, Strathdee wal'aansi faajii biyyoota gamtaa Sooviyeet duraanii keessatti haala gaariin kan hundeeffame ta'us yeroo dheeraa dura biyyoota dhihaa keessatti “saayinsii fringe” jedhamee akka booddeetti hambifame hubatte.

''Faajiin bakka hundatti argama. Faajiiwwan pilaaneetii kanarra jiru jedhamee yaadamu tiriliyoona tiriliyeena miiliyoona 10 — kunis 10 humna 31 dha,” jette Strathdeen. “Biyyee keessa, bishaan keessa, galaana keenya keessa fi qaama keenya keessa, bakka isaan karra eegdota lakkoofsa baakteeriyaa keenya to’atu ta’anii argamu. Garuu baakteeriyaa rakkina uumaa jiru ajjeesuuf faajii sirrii ta’e argachuu qabda.”

Beekumsa haaraa argatte kanaan kan jajjabeeffamte Strathdee n saayintistoota faajii waliin hojjetan bira gahuu jalqabde: “Namoota guutummaatti hin beekneef iimeelii qorraa barreessee, gargaarsa kadhadheera,” jechuun Life Itself keessatti dubbatteetti.

Namni hin beekne tokko dafee deebii kennef, baayookeemistii Yunivarsiitii Teksaas A&M Raayilaand Yaang ture. Waggoota 45 oliif faajii waliin hojjechaa ture.

“Jecha amansiisuu jedhu beektaa? Namni akka Isteefaanii nama amansiisuu dandahu hin jiru,” jedhe Yaang, piroofeesara baayookeemistrii fi baayoofiiziksii kan ta’anii fi mana yaalaa Yunivarsiitichaatti Giddugala Teeknooloojii Faaj geggeessan. ''Waan hunda gadi dhiifne. Namoonni 24/7 hojjechaa turan yoo jenne ol guddisuu hin tahu, saamuda naannoo adda addaa 100 sakatta’uun faajii haaraa tokko lama qofa argachaa turan.”

'Rakkoo hin qabu'

Laabraatooriin Teeksaas zayita halkan walakkaa kana yeroo gubu, Schooley kokteelii faajii Paatarsan keessatti akka naqamuuf hayyama FDA argachuuf yaale. Wal’aansi faajii Ameerikaatti yaaliin kilinikaa waan hin raawwatamneef, tokkoon tokkoon dhimmi “itti fayyadama gara laafina” sanada hedduu barbaada ture. Adeemsa yeroo qaalii fixuu danda’uudha.

Dubartiin FDAtti bilbila deebiste garuu, “‘Rakkoo hin qabu. Kun waan isin barbaachisudha, sanas qopheessuu dandeenya, jette’” jechuun Schooley yaadateera. “Achiis hiriyyoota humna galaanaa keessa jiran kanneen akkasumas faajii tokko tokko nuuf argachuu danda’an akka qabdu natti himtee,” jedhe.

Dhugaa dubbachuuf, Giddu-galli Qorannoo Fayyaa Galaanaa Ameerikaa baankota faajii buufata galaanaa addunyaa irraa walitti qabaman qaba ture. Saayintistoonni achi jiran faajii bakteeriyaa sanaan wal siman adamsuu jalqaban, “yeroo dheeraa osoo hin turin faajii muraasa baakteeriyaa kana irratti sochii kan godhan fakkaatan argatan,” jette Strathdee n.

Teeksaasitti Yaangii fi gareen isaas carroomaniiru. Faajiiwwan abdachiisaa afur kanneen baakteeriyaa Paatarsan antibaayootikii dandamatan tuubii qorannoo keessatti barbadeessan argatan. Amma kutaan cimaan jalqabe — akkaataa faajii injifannoo soorata summii baakteeriyaa hafe irraa adda baasuu danda'an adda baasuu.

“Kalcharii tokkotti paartiikilii vaayirasii tokko galchita, laaqanaaf gara manaatti deemta, yoo carraa qabaatte ammoo, gara raafama kosii dhangala’aa kutaalee baakteeriyaa du’ee fi vaayirasii biliyoonaa fi biliyoonaan lakkaa’aman gidduutti deebita,” jedha Yaang. “Ati xixiqqoo vaayirasii sana dhiiga namaa keessa lilmoodhaan naquu barbaadda, garuu  corroqa baakteeriyaa suukaneessaa ta’een jalqabda. Sana lilmoodhaan qaama namaatti naquu hin barbaaddu.”

Faajii hidda dhiigaa keessaan kennamu qulqulleessuun adeemsa namni tokkollee US keessatti hanga ammaatti fiixaan baasee hin beekne ture, Schooley akka jedhetti, “garuu humni galaanaa fi Teksaas A&M hojiitti taa’an, akkaataa adda addaa faajii miidhaa malee limmeen namaaf kennuun akka dandahamutti mala ittiin qulqulleessuun dandahamu irra gahan.”

Gufuulee dabalataa: Hojjettoonni seeraa Texas A&M himannaa gara fuula duraa irratti yaaddoo qaban ibsaniiru. “Abukaatoon sun, ‘ Mee kana sirriitti hubachuu koon ilaalaa’ naan jechuu isaa nan yaadadha. Vaayirasii hin mirkanoofne mana yaalaa kana irraa erguun nama du’uu dandahu tokkotti lilmeen akka naqaman gochuu barbaadda.’ Anis, “Eeyyee, waa’ee kanaati,’” jedhe Yaang.

“Garuu Isteefaniin lakkoofsa bilbila saffisaa chaansilara fi namoota yaalii namaa UC San Diego keessatti hirmaatan hundaaf bilbiltee jirti. Erga isheen bilbiltee booda kallattiin gita isaanii A&Mtti bilbilanii, akka tasaa hundi isaanii waliin hojjechuu jalqaban,'' jechuun Yaang dabalaniiru.

“Akka gargar bahuu Galaana Diimaa ture — waraqaa fi duubatti deebi’uun hundi ni bade.”

‘Dinqii qofa ture’.

Kookteelii qulqullaa’e kan mana yaalaa Young’s irraa argame kun kan jalqabaa San Diego ga’e. Strathdee yeroo hakiimonni faajii Teeksaas garaa Paatarsan dhiitoo malaan guutetti lilmoodhaan faajii naqanii eegaa turan ilaalaa turte.

“Maaltu akka ta’u waan hin beekneef, isa ajjeesuus waan hin barbaanneef, malaa  irraa jalqabne,” jedha Schooley. “Miidhaa gadhee tokkollee hin argine; dhugaa dubbachuuf, Toom xinnoo waan tasgabbaaʼaa jiru fakkaata, kanaaf saʼaatii lama lamatti yaala kana itti fufne.”

Guyyaa lama booda kokteeliin Navy (humna galaanaa) dhufe. Faajiiwwan sun baakteeriyaa kana ittisuuf dhiiga Paatarsan keessatti lilmoodhaan naqaman.

“Toom US keessatti nama jalqabaa infekshinii sirna superbug yaaluuf yaala faajii hidda dhiigaa keessaa fudhate ta’uu ni amanna,” jechuun Strathdee n CNN’tti himteetti.

“Guyyaa sadii boodas, Toom komaa gadi fagoo keessaa mataa isaa barcuma irraa kaasee harka intala isaa dhungate. Dinqii qofa ture.”

Miidhame garuu hin cabne

Har’a gara waggaa saddeeti booda, Paatarsan gammachuudhaan soorama ba’ee jira, guyyaatti maayilii 3 miilaan deema biqiltuus dhaaba. Garuu dhukkubni yeroo dheeraa kun garmalee isa miidheera: Dhukkuba sukkaaraa qabaachuun isaa kan mirkanaa'e yoo ta'u, amma insuliinii irratti hirkataa ta'ee, miidhaa onnee salphaa fi dhukkuba garaachaa nyaata isaa irratti dhiibbaa geessisu qaba.

“Ammas surf itti hin deebi’u, sababiin isaas faanni isaahoomaa hin dhagau, akkasumas ji’a Eblaa keessa Covid-19 n qabanmee jalli somba isaa waan du’eef hospitaala seenee  ture,” jetti Strathdeen .

“Akkuma infekshiniin sun somba isaa rukuteen hafuura baafachuu waan dadhabeef gara hospitaalaatti ariitiin geesse, kanaaf sun sodaachisaa ture,” jetti. “Inni Covid’f saaxilamaa dha garuu sun mana keenyatti sanaan booji’amnu hin hayyamnu. Innis, ‘Hanga dandaʼametti saffisaan jireenya idilee qabaachuutti deebiʼuu nan barbaada’ jedha.”

Kana mirkaneessuuf, hiriyoonni kunneen ammas addunyaa irra naanna'aa jiru — dhiheenya kana imala guyyoota 12 gara Arjentiinaa taasisanii deebi'aniiru.

“Hiriyaa keenya doktora dhukkuba daddarboo ta’e tokko waliin deemne, kunis yoo wanti hin eegamne tahe ogeessa harka keenya keessa akka qabnu beekuun tasgabbii sammuu naaf kenne,” jette Strathdee.

“Ani miira sanaan xiqqoo haadha manaa helikooptara n tahe jedheen of ilaala. Ammas yeroo muraasa gara Koostaa Riikaa deemneerra, Afrikaas deemnee jirra, baatii Amajjii keessa gara Chiilii deemuuf karoorfannees jirra.”

Hambaa

Dhimmi Patterson bara 2017 barruu Antimicrobial Agents and Chemotherapy jedhamu irratti maxxanfamee fedhii qorannoo saayinsii haaraa wal’aansa faajii irratti utaalchisee jalqabsiise.

“Dhohinsi yaalii kilinikaa faajii (saayinsii) addunyaa irratti amma adeemsifamaa jira ; sagantaaleen faajii Kanaadaa, UK, Awustiraaliyaa, Beeljiyeem, Siwiidin, Siwiizarlaand, fi Hindii keessa jira. Chaayinaanis sagantaa haaraa jalqabdeetti  qaqqabaachaa jirti,'' jechuun Strathdee n CNN'tti himteetti.

Qorannoon garii wal-tapha faajii fi antibaayootikii gidduu jiru irratti kan xiyyeeffatedha — yeroo baakteeriyaan faajii lolanitti yeroo baayyee diinni akka itti hin qabannee fi hin ajjeeneef qola isaanii ofirraa urgufu. Yeroo sun taʼu, baakteeriyaan sun ammas qoricha farra baakteeriyaatiif akka tasaa saaxilamuu dandaʼa.

“Faajiin yoomiyyuu guutummaatti antibaayootikii bakka bu’uu jennee hin yaadnu, garuu antibaayootikiidhaaf gargaaraa gaarii ta’u. Dhugaa dubbachuuf ammoo qoricha farra baakteeriyaawwanii akka gaariitti akka hojjetan illee gochuu danda'u,'' jetti Strathdee.

San Diego keessatti, Strathdee fi Schooley bara 2018tti Center for Innovative Phage Applications and Therapeutics, ykn IPATH, kan dhukkubsattoota infekshinii qoricha hedduu dandamatuun rakkatan yaalu ykn gorsu banan. Milkaa’inni giddugalichaa olaanaa yoo ta’u, dhukkubsattoonni yaala faajii fudhatan keessaa %82 bu’aa kilinikaan milkaa’aa ta’e akka argatan marsariitiin isaa ni mul’isa.

Schooley dhukkubsattoota cystic fibrosis qaban kanneen yeroo hunda Pseudomonas aeruginosa, baakteeriyaa qoricha dandamatu kan dhukkuba fi du'a dhiheenya kana qoricha ijaa faalamee kan Hinditti oomishamueen walqabatee dhufu fidu yaaluuf faajii fayyadamuun yaalii kilinikaa gaggeessaa jira.

Akkasumas yaadannoon abbaa manaa fi haati manaa kunneen bara 2019 maxxansan — “The Perfect Predator: A Scientist’s Race to Save Her Husband From a Deadly Superbug” — s waa’ee “predators mudaa hin qabne” kanaa gara dhaloota adamsitoota Faajii itti aanu ta’uu dandahaniitti babal’isaa jira.

''Barattoonni, gariin isaanii umuriin isaanii waggaa 12 ta'an, baay'inaan na qunnamaa jiru,'' jette Strathdee n. “San Firaansiiskoo keessatti shamarreen kutaa saddeetffaa keessa jirtu tokko kitaaba kana dubbisuuf haadha ishee kadhatte amma pirojektii saayinsii waltumsa faajii fi antibaayootikii irratti hojjechaa jirti. Sun baayyee na gammachiisa.”

Strathdee n namoota hedduu lubbuu abbaa warraa ishee baraaruuf gargaaraniif daftee beekamtii kenniti. Garuu warri imala kanaa waliin turan ishee fi Paatarsan jijjirama kana akka fidan CNNtti himaniiru.

'Balaa seenaa kan Isteefaanii fi Toom qofa mudachuu danda'u natti fakkaata,'' jedha Yaang. ''Yuunivarsiitii biyyattii keessatti sadarkaa olaanaa qaban keessaa tokko kan ta'e UC San Diego keessa turan. Doktara dhukkuba daddarbaa qaroo ta’ee fi yeroo hakiimonni baay’een ‘Si’ool, lakki, ani akkas hin godhu’ jedhan yaala faajii ‘Eeyyee’ jedhe waliin hojjetan.

“Achiis fedhii fi humni Steffanie’s jira — hanga isheen si fuuldura keessutti ibsuun rakkisaadha. Akka saaphana sariitii walxaxaa ture; isheen gidduu turte hidda qabdee harkisaa turte,'' jechuun Yaang dabalaniiru. “Sababa ishee qofaaf dandahame jedheen yaada.”

Madda: CNN


Similar posts:

There are no similar posts yet.