Sabaa-Himaalee Hawwaasaa fi Nageenya Daa'immanii

Published Feb. 7, 2024, 5:11 p.m. by FNN

774



Gaafa Amajjii 31, 2024 balaa Sabaa-Himaaleen Hawwaasaa hawaasaa irratti qabu ilaalchisuun Seenetiin Ameerikaa qeeqa guddaa gaggeesitoota Sabaa-Himaalee Hawwaasaa irratti  gaggeessee jira. Gidduu kanatti ture hoji gaggeessaan olaanaa Meta Mark Zuckerberg dhaabbatee, garagalee maatii daa'imman miidhamtootaa − tokko tokko suuraa qabatanii − waltajjiiwwan isaa, Facebook fi Instagram, ijoollee isaanii miidhan jedhanii himatan fuulduratti ba’e.

“Wanta hundi keessan keessa darbitan hundaaf dhiifama,” jedhe Zuckerberg. “Eenyullee wantoota maatiin keessan keessa darbanii fi rakkatan keessa darbuu hin qabu, kanaafis horii baay’ee invast goona, namni kamiyyuu wantoota fi rakkina maatiin keessan keessa darban keessa akka hin darbine mirkaneessuuf tattaaffii industirii adda duree ta’e hojjechuu itti fufuuf jirra", jedhe


Dhiifamni ummataa baayyee hin argamne kun kan raawwatame yeroo qeeqa cimaa seera baastootaa fi tiksitoota mirga daa'immanii irraa kan ka'e yoo ta'u, isaanis indaastirichi waggootaaf fayyadamtoota isaa baay'ee saaxilamoo ta'an miidhaa fi itti-xaba irraa eeguu dadhabeera jedhan.


Dhaddacha koree haqaa Seenetii hunda keessatti waliigaltee paartilee lamaatiin, Kongireessiin hoggantoota dhaabbilee miidiyaa hawaasaa olaanoo biyyattii tokko tokkoo dheekkamee, tarkaanfii hatattamaa daa’immanii fi dargaggoota toora interneetii irratti eeguu akka fudhatan gaafateera.

“Ani itti fayyadama, hundi keenya itti fayyadamna, wanti argamu hundinuu gaarummaa ni qaba. Garuu gama dukkanaa'aan hin ilaalamne,'' jedhan Sen. Lindsey Graham, R-S.C.. “Namoonni yaada kee fudhataniif, ummata Ameerikaatti rakkina waan uumaniif, yeroon gama dukkanaa’aa isaa wajjin wal’aansoo qabnu amma.”

Yaaddoon miidhaa itti fayyadamni miidiyaa hawaasaa dargaggoota Ameerikaa irratti geessisu ji'oota darban keessa sadarkaa olaanaa irra gaheera. Gorsaan fayyaa hawaasaa Ogeessa Baqaqsanii Hodhuu Waliigalaa (Surgeon General) Ameerikaa bara darbe fayyadamni miidiyaa hawaasaa fayyaa sammuu daa’immanii fi dargaggootaaf “balaa miidhaa guddaa” akka fidu ibsuun, dhaabbilee teeknooloojii irraa “tarkaanfiin hatattamaa” akka fudhatamu gaafateera.

Seera STOP CSAM (child sexual abuse material) fi miidhamtoonni itti-xaba daa’immanii mana murtiiti sabaa-himaalee hawwaasaa akka himatan kan hayyamu dabalatee seera baastonni dhaddacha kana fayyadamuun paakeejii wixinee seeraa “itti-xaba daa’imman irratti toora interneetii raawwatamu dhaabuuf gargaaruu” jedhu dabarsuuf gargaaraman.

Zuckerberg fi hoggantoonni teeknooloojii biroo tarkaanfiiwwan ittisaa daa'immanii fi dargaggoota waltajjii isaanii irratti adda baasuun tarkaanfii fudhachuu isaanii himaniiru. Qeeqxonni kana irratti walii hin galle.

“Kongireesiin isin gargaaruu qaba jedheen yaada,” jedhan Sen. John Kennedy, R-LA. “Haaromsi ati dubbattu, hamma tokko, akka muka manca’e irratti halluu dibuu ta’a jedheen yaada.”

Akkasumas, dhaabbilee miidiyaa hawaasaa balaaleffatanillee, seera baastonni isaanis qaama rakkoo kanaa ta’uu isaanii beeksisaniiru. Kongireessiin waggoota kurnan darban keessatti seera nageenya daa'immanii tokko qofa raggaasiseera.

Dhugaa Baatota:

Hojii gaggeessaa olaanaa Meetaa Maark Zuukarbarg
Hojii gaggeesituu olaanaa X Liindaa Yaakaarinoo
Hojii gaggeessaan olaanaa TikTok Shou Zi Chew
Hojii gaggeessaa olaanaa Snap Evan Spiegel fi
Hojii gaggeessaa olaanaa Discord Jason Sitron turan.

Zuukarbarg yeroo saddeetffaaf Kongireesii duratti ragaa ba’uu isaati. Yaakaarino, Spiegel fi Sitron kanneen akka dhiyaatan waamamaniif yeroo jalqabaati.

Sen. Dick Durbin, D-IL, akka jedhanitti, Sitron "tajaajila waamicha kanaa kan fudhate erga U.S. Marshals baasii kaffaltii-gibiraatiin gara waajjira muummee Discord ergamee booda qofa, " jedhan.

Hoggantoonni dhaabbata teeknooloojii yaaddoo isaanii furuuf seera baastoota waliin hojjechuuf banaadha jedhan.

"Har'a jalqaba marii itti fufiinsa qabuu fi nageenya toora interneetii irratti fooyya'iinsa dhugaa fidu ta'uu garaadhaa abdiin qaba," jedhan Siitroon.

Kongireessiin miidiyaa hawaasaa irratti xiyyeeffatee jira: Gariin dhiibbaa kana irratti mirkanaa'aa miti.

Dhaddacha irraa wantoota ijoo

Zuckerberg gaaffii muummee nageenya daa’immanii dhaabbani isaa akka babal’isuuf dhiyaateef kuffisee turuun himamae: Seera baastonni Kibxata sanadoota keessoo Meta irraa kan Zuckerberg gaaffii bara 2021 hojjettoota kudhan dabaluudhaan fayyaa fi nageenya daa’immanii irratti xiyyeeffachuuf dhihaate kuffisuu agarsiisan.

“Sababa kanaaf, kana booda ifatti yoo dubbanne,  Meta fi miidiyaa hawaasaa biroo kamiyyuu hojii-manaa mataa isaanii  akka sororan  amanachuu hin dandeenyu,” jedhan Sen. Richard Blumenthal, D-CT.

Hojii gaggeessaan olaanaa fi hundeessaan dhaabbata Meta, Mark Zuckerberg, dhaddacha gaafa Amajjii 31, 2024, Capitol Hill Washington, DC keessatti gaggeeffame irratti waa’ee Big Tech fi Rakkoo Saalqunnamtii Daa’immanii Online duratti ragaa ba’an.

Zuckerberg maatii miidhamtootaaf haasawa taasisaniiru:

Sen. Josh Hawley, R-MO, Zuckerberg kallattiin maatii miidhamtootaaf dhiifama akka gaafatu gaafachuun biliyeenarri kun fandii beenyaa miidhamtootaa akka hundeessu yaada dhiyeessan. Zuukarbarg yeroo dhaddachaatti yaada kanaaf waadaa hin seenu ture.

TikTok hariiroo Chaayinaa waliin qabuuf ilaalchisee gaaffiin itti baayyate:

Seera baastonni TikTok kan karaa dhaabbata abbaa Tiktotk Beejiing keessatti argamu ByteDance jedhamun daataa fayyadamtootaa mootummaa Chaayinaa waliin qooddachaa jira jechuun yaaddoo qaban kaasaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa Tikok Chew dhaabbatichi pirojektii daataa fayyadamtoota Ameerikaa eeguuf kaayyeffate irratti maallaqa biliyoonaan lakkaa'amu baasuu isaa kan falman yoo ta'u, dhaabbatichi "mootummaa Chaayinaatiin daataa tokkollee hin gaafatamne, nutis dhiheessinee hin beeknu" jedhan.

Seera baastonni tokkummaa sarara dhaabaa (Dimookiraatotaa fi Rippaabilikaanii) qaxxaamuree ibsu:
Nageenyi daa’immanii miidiyaa hawaasaa irratti dhimma siyaasa paartii irra darbee baay’ee hin mul’annedha. Sen. Graham Dimookiraatonni fi Rippabilikaanonni dhaabbileen teeknooloojii to’annoo danbii dabalataa akka barbaadan waliigaluu ibsaniiru.

"Asitti waan waliinii kan nama ajaa'ibu arganneerra," jedhan.

Walbira qabamuu Boeing:

Sen. Amy Klobuchar, D-MN, fi Sen. Chris Coons, D-DE, lamaan isaanii dambiiwwan indaastirii teeknooloojii fi daandiiwwan qilleensaa wal bira qabuun, deebii ariifataa erga xiyyaarri Boeing jalqaba baatii kanaa qilleensa keessaa paanaalii dhabee booda kenname calaqqisiisu.


Waltajjiiwwan maal jedhu?
Hoggantoonni waltajjii miidiyaa hawaasummaa kunneen wixinee seeraa shanan koreen kun akka barreeffameetti dhiibaa jiru ni deeggartuu jedhamanii gaafataman, garuu fayyadamtoota dargaggoota eeguuf tarkaanfii fudhataniiru jedhu.

Hogganaan dhaabbata X Yaccarino akka jedhanitti dhaabbatichi wiirtuu qabiyyee madaaluu Austin, Texas keessatti ijaaraa jira. Akkasumas dhaabbatichi seera STOP CSAM akka deeggaru ibsiteettii.

Hojii gaggeessaan olaanaa TikTok Chew tarkaanfiiwwan nageenyaa kanneen akka akkawuntii namoota umuriin isaanii waggaa 16 gadiif ergaa kallattiin erguu dhowwuu hojiirra oolchuu fi akkaawuntii isaanii ofumaan dhuunfaa taasisuu ibsaniiru.

Ragaan barreeffamaa Zuckerberg irraa akka hubatamutti Meta n maatii fi dargaggoota gargaaruuf maloota adda addaa kan jalqabe yoo ta’u, kunis to’annoo maatiin ijoolleen isaanii tajaajila Meta yoomii fi hammam akka fayyadamuu danda’an daangaa kaa’an dabalatee − qabiyyee miira namaa kakaasu danda’an dhoksuu fi dargaggoonni yeroo isaan 'inistaagiraamii yeroo dheeraaf ykn halkan waarii fayyadaman ergaa isaan dhiisisu Meta n ergaa jiraachuun hubatameera.

“Dargaggoonni tajaajila keenya irratti miidhaa akka hin geessisne eeguuf kutannoo qabna, garuu kun qormaata itti fufiinsa qabuudha,” jedha Zuckerberg ragaa barreeffamaa isaa keessatti.

Dhaabbanni appii ergaa battalaa Snapchat duuba jiru Snap fi X s seera nageenya toora interneetii daa'immanii deeggaruun ba'aniiru. (Qeeqxonni tokko tokko qabiyyee saala jijjiirratan toora interneetii irrattis saaxiluu danda'a jechuun yaaddoo qabu.)


Hundeessaa fi hoji gaggeessaan Snap Inc., Evan Spiegel, dhaddacha Amajjii 31, 2024, Capitol Hill Washington, DC keessatti gaggeeffame irratti waa’ee Big Tech fi Rakkoo Saalqunnamtii Daa’immanii Toora Interneetii duratti ragaa ba’an.

“Akkuma teeknooloojii fi meeshaalee hundaatti, namoonni waltajjiiwwan keenya safuu fi seeraan alaa irratti fayyadamanii fi itti fayyadaman jiru,” jedhan hoji gaggeessaan olaanaa Discord Citron. “Hundi keenya har’aa fi guutummaa indaastirii teeknooloojii keessatti as paanaalii kana keessa jirru, namni waltajjiiwwan keenya fayyadamu hundi yakkamtoota kana irraa akka eegamu gochuuf itti gaafatamummaa cimaa fi ariifachiisaa qabna, toora interneetii fi ala,” jedhan.


Seera baastonni maal jedhu?
Qeeqxonni meeshaaleen waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa fagoo hin deeman jedhu, dhaddachi kun seera baastonni tarkaanfii akka fudhatan akka dhiibu abdatu. Politico akka gabaasetti Kongireesiin waggoota kurnan darban keessatti seera nageenya daa’immanii tokko qofa raggaasiseera.

“Haasa’uun na nuffisiise. Marii gochuun na nuffisiise,'' jedhe Graham. “Balbala mana murtii banaa. Hanga akkas gootutti wanti jijjiiramu hin jiru", jedhan.

 
 

Similar posts:

There are no similar posts yet.