Itoophiyaatti daa’imman hanqina midhaan nyaataa cimaaf saaxilaman kuma 100 ol yaaluu UNICEF gabaase

Published Oct. 10, 2025, 2:52 p.m. by FNN Staff

233



ODUU FNN

Guutummaa Itoophiyaatti ji’a Adoolessaa hanga Hagayyaa 2025 gidduutti daa’imman hanqina nyaataa cimaan isaan muudate kuma 100 ol wal’aansaaf mana yaalaa dhaquu Dhaabbanni Gargaarsa Daa’immanii Mootummoota Gamtoomanii (UNICEF) Gabaasa Haala Gargaarsa Namoomaa haaraa baaseen beeksise.

Akka gabaasa kanaatti, daa’imman hanqina soorataa hamaan isaan muudate waliigalaan 104,891 ta’an yeroo ji’oota lamaa kana keessatti nyaata wal’aansaa( therapeutic feeding) argataniiru.  Sagantaa nyaata wal’aansaa kennuufii kanaanis dhibbeentaan 94 yaalicha sirnaan goolabuun fayyuu, dhibbeentan lama yaalicha addaan kutuufi dhibbeentan 0.2 du’uu kan gabaase UNICEF, kanas ‘bu’aa guddaa’ fi ‘gidduu seentummaa qulqullina olaana qabu’ jechuun ibse.

Naannoon Oromiyaa naannolee biroo hunda caalaa akka miidhame eerun, daa’imman umuriin isaanii waggaa shanii gadi ta’an 39,284 hanqina nyaataa cimaan (SAM) wiirtuuwwan mana yaala turuun yookan deddeebi’uun yaalamanii jiru jedhe.


Similar posts:

Albaaniyaatti himatamaan dhaddacharratti abbaa murtii ajjeese.

Balaa tiraafikaa Naannawa Daseetti mudateen namootni 12 du’an, 49 miidhaan irra gahe

Godina wallagga Bahaa Ona Guutoo Giddaa Bulchiinsa Magaalaa Luugootti, Finxaaleyyiin Amaaraa daa’ima ganna 5 ajjeesuun barame.

Hojjettoonni fayyaa mormii Eegaluuf Jedhame.