Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa kiiramuu keessatti weerara Finxaaleyyii Amaaraa bananiin jiraattotni baadiyyaa beelladoota isaanii ooffatanii godaanaa jiru.

Published Dec. 10, 2025, 3:04 p.m. by FNN Staff

229



ODUU FNN

Aanaa Kiiramuu Gandoota baadiyyaa keessatti Mudde 8/2025 irraa eegalee weerara humnootiin Finxaaleyyii Faannoo Amaaraa daangaa qaxxaamuranii seenuun jiraattota naannoo sanaa irratti dhukaasa bananiin hawaasni qe’ee fi qabeenya isaa dhiisee lubbuu isaa oolfachuuf beelladoota isaa ooffatee godaanuu jiraattonni dubbatan.

Humnootiin Finxaaleyyii Amaaraa Faannoon deeggarsa Mootummaa Naannoo Amaaraa fi bulchitoota Aanaa kiiramuu tokko tokkoon deeggaramanii daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun lubbuu namoota nagaa balleessuun qabeenyaa Ummataa irra deddeebiin saaman illee jiraattotni Aanaa kiiramuu qaama isaaniif dirmatu dhabuun wareegama lubbuu hamaa qabeenyaa barbadaa’uutti dhabaniiru.

Yeroo ammaa kanas haalli jiru jiraattota Aanaa Kiiramuu Gandoota baadiyyaa to Hannaa Finxaaleyyii Amaaraa jala galan keessaa ummatni qe’ee fi qabeenya isaa lakkisee horii Koyyee afurii qofa ooffatee gara Magaalaa Naqamteetti godaanaa jiraachuu maddeen naannichaa nuuf himaniiru.


Similar posts:

Hayyuu Oromoo gameessa Piroofeesar Mohaammad Hasaniif beekkamtiin kennamuuf jedha.

Safaariikoom babal'ina hojii Itoophiyaa fi keeniyaa keessaaf dolaara miiliyoona 300 liqeeffachuuf akka jiru barame.

Oduu torban kanaa haala Oromiyaa fi Addunyaa .

Ministirri Muummee Masrii Mostaafaa Madbuuliin laga Abbayyaa ''dhimma jiraachuu malee araarama hin qabne'' jechuun ibsaniiru, Itiyoophiyaa waliin waldhabdeen haaromfame keessatti Masriin laga daangaa ce'u irratti hirkattummaa guddaa qabaachuu ishee c