Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gullisoo Ganda Maarutti Mootummaan Ummata Nagaa Fixuun Barame.
Published Dec. 6, 2025, 1:52 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Godina Wallagga Lixaa Ona Gullisoo Ganda Maaruutti waraanni mootummaa ummata meesha maleeyyii irratti ajjeechaa sukkaneessaa raawwachuun barame.
Gochi kun kan raawwate qaama mootumma hidhateen yoo ta'u, Sababa tokko malee maatii walitti dhihoo namoota shan (5) guyyaa kaleessaa Muddee 5, 2025 barii barraaqa saa'atii 5:00 am/11:00 am local time tti waraanni mootummaa PP mana isaaniitii fuudhuun laga #Suchiitti geessuun bakka tokkotti jumlaan ajjeesan jedhame.
Namoota gochi kun irratti raawwatame keessa manguddoon ganna 70 kan argaman yoo ta'u,
maqaan namoota kanneenis,
1. Obbo Bulchaa Raggaasaa Reebuu manguddoo ganna 70taa ganda Maaruu irraa,
2. Dargaggoo Mazgabuu Abshaalee Raggaasaa ganda Maaruu irraa,
3. Obbo Fiqiruu Yandeessaa
4. Obbo Hambaa Raggaasaa abbaa maatii Ona Ayiraa ganda Kuree irraa fi namni biraas ammaaf maqaan hin baramin keessatti kan argaman ta'uun baramee jira.
Maanguddoo argaa dhageettii, kabajaa dhoowwatanii maatii biroo waliin mana jireenyaa isaaniitii fuudhanii akka dirreetti ajjeesaniidha maatiin maddeemniif kan ibsan.
Sadaasa 25, 2025 waraanni mootummaa ganduma Maaruu kanaa dargaggoota nagaa hojii humnaa hojatanii jiraataan 6 Boonaa Imaanee, Magarsaa Abdii, Obsii Karrasaa, Daawwit Darajjee, Damee Sambataa fi Firoomsaa Malkaamuu jimlaan ajjeesuun isaanii ni yaadatama.
Guutummaa goleelee Oromiyaa keessatti haalli Oromoon keessa jiru akka waliigalaatti baay’ee ulfaatadhaa jedhan jiraattonni.
Similar posts:
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dhaabbilee hawaasaa siiviikii 45’f filannoo haa taajjabaniif beekamtii kenne
Godina Kibba Lixa Shaggar Ona Toleetti ergamtoonni mootummaa PP namoota nagaa ukkaamsuun achi buutee isaanii dhabamsiisuu jiraattonni dubbatan.
Mishigaanitti namichi dhukasa banee waldaa gube namoota afur galaafate.
Oromiyaatti bakkeewwaan mana hidhaa fii kaneen biroo keessaatti shakkamtoota to’ataman irratti reebichi fi sodaachisi gahaa jiraachuu KMNI gabaase.