Oduu Injifannoo WBO

Published Dec. 13, 2021, 8:07 p.m. by FNN

337



Injifannoo WBO Giddu Gala Oromiyaa Baha Shagari
==================================
Guyya 11 / 12 / 2921
Irree fi gaachanni Uummata Oromoo WBO GGO baha Shagari guyyaa 11 / 12 / 20 21 tarkaanfii waraanaa gabroofataa PP irratti aanaa Fantaalle ganda Haroo Qarsaa tti galgala keessa sa'aa 7:00pm - 10 :oopm lola haleellaa fudhateen loltuu pp 43 ol ajjeesee, hedduu madoo taasiisuun ganama guyya 12 / 12 / 2021 konkolaata oraalii fi petrol hedduun hospital Adamaatti gurachaa ooltee, ganduma kana bakka Karee, Midhaqisaa, lafa Gireenye Mixii, bakka Oo'ilee fi bakka Qaxxaamuree fi Basaqa kkf kan biroo meeshaa guddaan akkanumatti baaragiddoon lolaa ooltee.
Guyyaa hari'a ( 13 / 12 / 2021 ) itti fufuun gaara Fantaalle moortaaraa fi dishiqaan hadhaa jirti. Uummatis qubsuma gaara Fantaalle jalaa buqaa'uun baqachuutti argamu. Yeroo ammaa kanatti baraagduun waraana gabroofataa PP ummata Oromoo Karayyuu, Karrayyuummaa qofaan reebuu fi ajjeesuutti jirti.
Oduu tarkaanfii WBO Kaaba Oromiyaa Walloo
====================================
Guyyaa 12 / 12 / 2021
Irree fi gaachanni Uummata Oromoo WBO Kaaba Oromiyaa Walloo waraana gabroofataa PP karaa Afaariin aanaa Dawwee Harawaa seenee ganda Uranee Salaamaa bakka Sanqallee jedhamutti lola guyyaa guutuu taasiiseen waraana gabroofataa PP irraa hedduu ajjeesee hedduu modoo taasiisee jira. Anaa Dawwee Harawaa fi naannoo ishee quunnamitiin bilbilli waan citeef odeeffannoo dabalataa akkuma nu dhaqabeen isin biraan geenye.
I U Of!
Mudde 13 / 2021

Similar posts:

๐Œ๐ข๐ซ๐ ๐จ๐จ๐ง๐ง๐ข ๐๐ฎโ€™๐ฎ๐ฎ๐ซ๐š๐š ๐๐š๐ค๐ค๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐˜๐ž๐ซ๐จ๐จ ๐Š๐š๐ฆ๐ข๐ญ๐ญ๐ฎ๐ฎ ๐Š๐š๐›๐š๐ฃ๐š๐ฆ๐ฎ๐ฎ ๐๐š๐›๐ฎ.

OLF operations & drone attack in Oromia

A brief Political Manifesto of the OLF-OLA

Erga ABUT waliigaltee mallatteessee TDF ni hiikkataa?