𝐌𝐢𝐫𝐠𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐁𝐮’𝐮𝐮𝐫𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐘𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐊𝐚𝐦𝐢𝐭𝐭𝐮𝐮 𝐊𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐦𝐮𝐮 𝐐𝐚𝐛𝐮.

Published Feb. 13, 2023, 7:28 a.m. by FNN

393



 

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo – Gurraandhala 11,2023

Heerri Adda Bilisummaa Oromoo mirga amantaa lammiilee ni kabaja. Addi Bilisummaa Oromoo dhimma amantii keessa seenuu irraa of qusachuun barbaachisaa dha jedhee amana. Addi Bilisummaa Oromoo Sinodoosiin Oromiyaa, Saboota fi Sab-lammootaa seeraa fi mirgoota Waldaa Ortoodooksii Itoophiyaa, heera mootummaa Federaala Dimokiraatawaa Rippaabilika Itoophiyaa fi mirgoota akka lammii Oromiyaatti qaban fayyadamuudhaaf mirga guutuu qabu jedhee amana. 

Amantoonni amantaa hundaa bilisummaa namoota biroo osoo hin sarbin amantii isaanii hordofuu fi gaggeeffachuuf mirga akka qaban ni amanna. Haaluma kanaan lammiileen Oromiyaa seeraa fi naamusa amantaa isaanii fi Safuu Oromoo kabajuun Sinodoosii mataa isaanii tumsuu, deggeruu, deggarsa gurmeessuufii fi  hordofuun mirga isaanii ti.

Bataskaanni Tewahidoo Ortodoksii Itoophiyaa seenaa keessatti sirnoota abbaa irree fi murnoota cunqursuudhaan beekamaniif beekamtii kennaa turte malee, gaarummaa manni amantaa kun ittiin yaadatamu gadi bu’aa dha. Lafa garmalee dhuunfachuu fi saamuu, dubbii namummaa namaa xureessan balballoomsuu,  loogii fi mirga afaan ofiitiin tajaajila mana kiristaanaa keessatti fayyadamuu ukkaamsuu fi kkf gochoota Bataskaannii Tewahidoo Ortodoksii Itoophiyaa ummata cunqurfamaa biratti ittiin beekamu keessaa isaan muraasa. Bataskaanni Tewahidoo Ortodooksii Itoophiyaa jal’ina, loogii, daba miiraan miidhamuu fi safuu cabe kan amantoonni Bataskaannichaa mataan isaanii kaasan kana qalbifachuu dhabuun nama gaddisiisa. 

Addi Bilisummaa Oromoo dhimma kana ilaalchisee, Bataskaanni Tewahidoo Ortodooksii Itoophiyaa haala keessoo isaa kana of keessatti deebi’ee of ilaalee tarkaanfiwwan sirreeffamaa fudhatuun, kan yeroon ammaa gaafatu waliin araaramuun, egeree mana amantichaatiif baay’ee murteessaa dha jedhee amana. Kanaanis itti gaafatamummaa itti aanee dhufu irraa baraaramuuf  jecha kanneen akka golgaa siyaasaatti itti fayyadaman irraa of qulleessuun, Bataskaana Tewahidoo Ortodooksii Itoophiyaatiif baay’ee murteessaa fi barbaachisaa dha.

Qaamoleen dantaa siyaasaa isaanii gaggeeffachuuf Bataskaana Tewahidoo  Ortodoksii Itoophiyaa golgaa fi gola godhatan akka jiran Addi Bilisummaa Oromoos tahe lammiileen Oromiyaa sirriitti beeku.  Kun ammoo yeroo ammaa kanatti Finfinnee keessatti jeequmsaa fi hokkorri akka ka’uuf sababa ta’aa jira. Dhaabaa fi garee siyaasaa kam iyyuu, amantii akka golgaa fi meeshaatti fayyadamuudhaan dantaa siyaasaa ofii milkeeffachuuf dhimma itti bahan gadi jabeesinee balaaleffanna.

Addi Bilisummaa Oromoo, lammiileen Oromiyaa hundi qaamoleen tokko tokko siyaasaa isaanii tarkaanfachiisuuf Bataskaana Tewahidoo Ortodoksii  Itoophiyaatti dhimma bahuun hokkora Finfinnee keessatti bal’isaa jiraniin miidhamuun akka hin jiraatne, eeggannoo guddaa akka godhanii fi sochii to’annaa hin qabne akkanaa irraa akka of fageessan yaadachiisa.

Maayii irratti rakkoon bu’uuraa nagaa dhabuu Itoopiyaa lolli Oromiyaa fi Itoophiyaa gidduu jaarra ol lakkoobsise  furamuu hanqatuu irraa tahuu kanneen dhimmi ilaalu hundaa yaadachiifna. Itoophiyaan nagaa kan argattu hariiroon lolaa Oromiyaa fi Itoophiyaa gidduu furmaata yoo argate qofa. Itoophiyaan rakkina kana furuu yoo murteessite ABO gahee isaa bahatuuf qophii tahuu ibsa.

Injifannoo Ummata Bal'aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 11, 2023
Finfinnee


Similar posts:

A brief Political Manifesto of the OLF-OLA

OLF operations & drone attack in Oromia

Oduu Injifannoo WBO

Why is Batte Urgessa assassinated? Who is behind the assassination?