Hidhamtootni siyaasaa Oromoo rakkoo guddaarra jiru jedhame

Published Sept. 4, 2021, 5:58 p.m. by FNN

310



Hidhamtootni Oromoo high profile tahan rakkoo hamaa keessa jiraachuunsaanii beekame. Haala kanaan Jaal Abdii Raggaasaa mooraa waraanaatti hidhuun nyaata dhowwataa jiraachuunsaanii beekame. Maatii Jaal Abdii yeroo nyaata geessaniifitti daabboo tokko duwwaa seensisuun nyaata maatiirraa dhaqu deebisaa jiraachuun beekame.

Haaluma walfakkaatuun hidhamtootni hooggana ABO ta'aniif hojjettooti miidiyaarraa hidhamanis mana hidhaa Buraayyuu, Galaanii fi Tulluu Daalattiittti argaman haala hamaarra jiraachuunsaanii beekame. Tulluu Daalattiitti warri hidhaman irra guddaan isaanii dubartoota Oromoo tahuun beekameera.

Dubartootni Oromoo Tulluu Daalattiitti hidhamanii jiran homnoota mootummaatiin gudeedamuun mana hidhaa keessatti dahaa jiraachuun himame.

Haalli qabiinsa hidhamtoota Oromoo seera mirga dhalanamaa Mootummaa Waltahaniin labsame akka hamaatti kan cabse tahuun isaa beekame.  Akka UNitti namni tokko yeroo hidhamu mirgi namummaa isaa akkasumas kabaji namummaa isaa eegamuu qaba, as ilaalaa. Eenyummaa ykn lammummaa isaatiin dhiibbaan irra gahuu hin qabu. 

Keessummaa UN resolution 45/111 of 14 gaafa Mudde 1990 baaseen toora 5ffaa irratti akkas jedha:

"Except for those limitations that are demonstrably necessitated by the fact of incarceration, all prisoners shall retain the human rights and fundamental freedoms set out in the Universal Declaration of Human Rights, and, where the State concerned is a party, the International Covenant on Economic, Social and Cultural Rights, and the International Covenant on Civil and Political Rights and the Optional Protocol thereto, as well as such other rights as are set out in other United Nations covenants."

Mirgoonni as keessatti tarreeffaman marti isaanii ifatti mootummaa abbaa irreen cabsamee lammiileen Oromoo adda baafamuun gidiraa hamaa keessatti hidhamuun dararamaa jiru. 

Oromoon warra Oromiyaaf qabsaa'an balaa keessa gaafa bu'an dagachuun irra hin jiru. Maatiin hidhamtootaallee rakkoo keesa waan jiraniif dubbisuun gargaarsa gochuufiin barbaachisaa dha. Erga namni tokko du'ee waanti godhaniif hin jiru. Utuu jiranii gargaaruun lubbuusaanii haa baraarru. 

Warri gargaaruu barbaaddan keessaan nu dubbisaa. 

 

 

 

 

 

 

 

 


Similar posts:

Strategies for OLA Success: Overthrowing Ethiopian Dictators - Unveiling Brutality and Igniting Change

Baankiin Biyyoolessa Itoophiyaa Namni dhuunfaan maallaqa birrii kuma 100 ol, dhaabbatni birrii kuma 200 ol baankiin ala kaawwachuun dhorkaa ta’uu ibse

Oromia Support Group releases its 57th report on the Oromo human right situation