Baankiin Biyyoolessa Itoophiyaa Namni dhuunfaan maallaqa birrii kuma 100 ol, dhaabbatni birrii kuma 200 ol baankiin ala kaawwachuun dhorkaa ta’uu ibse
Published Oct. 8, 2022, 3:01 p.m. by FNN
Itoophiyaa keessatti namni dhuunfaan maallaqa birrii kuma 100 ol, dhaabbatni ammoo birrii kuma 200 ol baankiin ala kaawwachuun dhorkaa ta’uu Baankiin Biyyooleessaa Itoophiyaa beeksise. Akkasumas Warqee karaa seeraan alaa mana keessa keewwachuunis dhorkamuu dhabbatichi itti dabaluun ibseera.
Bulchaan Baankii Biyyooleessaa Yinnaagar Dassee (PhD)dhimma to’annoo jijjiirraa maallaqa seeraan alaa fi tarkaanfii bulchiinsaa irratti fudhatamu, akkasumas qaala’iinsa gatii ilaalchisee ibsa kennan irratti kan kana ibsan. Ibsa kana irratti Itoophiyaa keessatti riiformii diinagdee godhameen bu’aan argamaa jiraachu kan hime Yinnaagar, qaala’insa gatii fi sirna gabaa ammayyeessu irratti hanqinni jiraachuu ibse. Reformii diinagdee godhameen jijjiiramni jiraachu dhaabbatichi haa ibsu malee dhugaan jiru garuu ummanni biyyatti qaala’insa jireenyaan hedduu hiraaraa jiraachuu fi mootummaan waan lafa irra hin jirre dubbachaa jiraachuu ogeeyyonni diinagdee hedduun dubachu irratti argamu.
Jijjiirraa maallaqa biyyoota alaa karaa seeraan alaa raawwatamu qaala’insa gatii fi rakkoo sirna gabaa uumamuuf dhibbaa guddaa geessisaa jira kan jedhe Yinnaagar, haaluma kanaan qaamolee jijjiirraa maallaqa seeraan alaa irratti bobbahanii jiran irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu eeruun, namootni jijjiirraa maallaqa seeraan alaa irratti bobbahanii argaman, lakkoofsaan 391 ta’an, herreegni baankii isaanii akka cufamu taasifamuu himeera. Hata’u malee yeroo ammaa daldalli gabaa gurraachaa biyyattii keessatti akkaan hammaatee jiraachuu kan ibsan maddeen fknf Doolarri Ameerikaa tokko Baankiitti 52 fi saantima 62 oggaa ta’u gabaa gurraachatti ammoo Qarshii itoophiyaa 110 ol ta’uu ibsanii jiru.
“Lammiin Itoophiyaa kamuu namni dhuunfaan maallaqa birrii kuma 100 ol, dhaabbatni ammoo birrii kuma 200 ol mana isaa keessatti kaawwachuun dhorkaa ta’uu beekamu qaba jechuun dhabbatichi ibseera, kun ammoo toftaa ittiin ummata saamuuf qopheeffame ta’uu sabboontonni komii isaanii ibsachuu irratti argamu.
Similar posts:
Erga ABUT waliigaltee mallatteessee TDF ni hiikkataa?
Mariin nageenya dhuma torbee kanaatti geggeeffamuuf ture dheereffamuu fi Uhuruu keniyataan Jaarsummaa keessaa bahuun gabaafame
Release of OLF leaders
NAGAA BOORESSAA NAGAA LABSUUN AKKAMIIN TA’A?