Mariin nageenya dhuma torbee kanaatti geggeeffamuuf ture dheereffamuu fi Uhuruu keniyataan Jaarsummaa keessaa bahuun gabaafame

Published Oct. 8, 2022, 2:48 p.m. by FNN

287



Mariin nageenyaa Mootummaa Itoophiyaa fi Humnoota Tigraay jidduutti Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamuuf ture dheereffamuufi kanneen jaarsummaa taahan keessaa tokko Uhuruu Keeniyaataan keessaa bahuun isaanii gabaafame.

Mariin gaaddisa Gamtaa Afrikaa - AU jalatti dhuma-torbee kanatti ni gaggeeffama jedhame sababoota 'lojistikiin' akka hin raawwanne maddi oduu Rooyitars maddeen dippilomaatii eeruun gabaaseera.

Rooyitars maddeen sadii maqaan hin dhahamne wabeeffachuun akka jedhetti, mariin kun sababoota lojistikiin hin qixaayin jiruun akka hafe gabaase.

Dabaluunis guyyaan haaraa mariin kun taa'amus amma yoonaatti akka hin baramne gabaaseera.

Gama kaaniin ammoo Pireezidantiin Keeniyaa duraanii Uhuruu Keeniyaataa marii nageenyaa karoorfamee ture kanarratti hirmaachuu akka hin dandeenye himuun isaanii gabaafameera.

Aab Keeniyaataan sagantaa kanarratti kan argamuu hin dandeenyeef 'sababa sagantaa biraa wajjin walirra bu'ef' tahuu miidiyaaleen Keeniyaa gabaasaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa fi Humnoonni Tigraay affeerraa Gamtaan Afrikaa mariif taasise fudhachuusaanii guyyaa Roobii beeksisuun isaanii ni yaadatama.

Haatahu malee dhimma dheereffamuu marii kanaarratti. Mootummaan Federaalaa Itoophiyaa, Humnoonni Tigraay fi Gamtaan Afrikaa haga ammaatti waanti jedhan hinjiru.

Dura ta’aan Komishinichaa Mahammat Musaa Faakii, ibsa Onkolooleessa 6, 2022 baaseen akka jedheetti, miseensoonni gumii olaanaa kunis namoota Afriikaa kanneen maqaa gaarii qabaniif beekamoo kan haammatee fi itti yaadamuun marii nagaa Itoophiyaa kana qofaaf kan walitti qabamaniidha jechuun ibsan.

Haaluma kanaanis, miseensoonni gumii jaarsummaa nagaa kanaa Gaanfa Afriikaatti Bakka Bu’aa olaanaa Gamataa Afriikaa fi pirezidaantii Naayijeeriyaa duraanii, Oluseeguun Obaasaanjoo dabalatee, pirezidaantii duraanii Keeniyaa, Uhuruu Keeniyaataa fi Ittaanaantuu pirezidaantii Afriikaa Kibbaa duranii fi miseensa gumii gamtichaa, Dr. Phumzile Mlaambo-Ngcuka fa’iin akka hogganamu ifa taasiseera.

Gamtaan Afriikaa xalayaa affeerraa marii guyyoota muraasaan dura mootummaa Itoophiyaatiifi aanga’ootta naannoo Tigraayiif erge hordofee, mootummaan Itoophiyaa fi humnootiin TPLF waamicha marii dhiyaateef simachuu ibsuun isaanii ni yaadatama.

Sanyii Aboomaa tu barreesse.

 

 


Similar posts:

Erga ABUT waliigaltee mallatteessee TDF ni hiikkataa?

The disarmament, demobilization and re-integration agreement between Prosperity Party and TPLF

Paul Bernard Henze, a CIA Operative and Journalist's Advice to Meles to Destroy OLF

Ethiopian Prime Minister Faces Internal Strife and fires Minister of Peace Taye Dande'a