Hayyu-Dureen ABO Jaal Dawud Ibsaa fi Dura-Taa'aan KFO Prof. Marara Guddinaa Bakkabu'oota Mootummaa Ameerikaa Waliin Finfifinneetti walarguun mariyachuu ABOn beeksise

Published July 29, 2022, 6:17 p.m. by FNN

321



 
HDn ABO Jaal Daawud Ibsaa fi Dura Taa’aan KFO Prof. Maraaraa Guddinaa Hayyat Regency Hotel magaalaa Finfinneetti argamutti argamuun Mootummaa Ameeriikaatti jiila bakka bu’oota dipoomaasii gaanfa Afriikaa kan ta’an waliin Marii geggeessan.
==================================
Hayyu Dureen ABO fi Dura Ta’aan KFO Profeesser Mararaa Guddinaa guyyaa Har’aa kana waaree booda sa’aa 4 irraa hanga sa’aa 5:30tti, bu’uura bellama imbaasiin biyya Ameeriikaa magaalaa Finfinnee qindeesseen "Hayyat Regency Hotel" itti argamuun mootummaa Ameeriikaatti bakka bu’aa addaa dhimma diploomaasii gaanfa Afriikaa kan ta’an kan yeroo ammaa jiila isaanii waliin Itoophiyaa daawwatan jiran Mr. Mike Hammer waliin dhimma biyyattii fi ajandaa garaagaraa irratti marii bal’aa geeggeessanii jiru. Marii kana irrattis jila diploomaatii gaanfa Afriikaa kana dabalatee, Ms. Valerie Parry imbaasii Ameeriikaa Itoophiyaatti argamutti diploomaatii fi gaafatamtuu dhimma siyaasaa fi dinagdee akkasumaas “state department “ Ameeriikaatti gaafatamummaa kan qabduu qooda fudhattee jirti.
 
Marii yeroo dheeraa godhame kanaan hoggantoonni paartiilee lachuu dhimmoota jajjaboo ta’an irratti lolaa fi nageenyaa, dinagdee, marii siyaasaa waliigalaa, hidhamtoota siyaasaa fi addatti haala Oromiyaa keessaa, haala haasawa nagaa hammatu irratti mariin godhame jira.
 
Kanaan wal maddittis dhiibbaa addatti paartiilee kanneen kana irratti paartii aangoo qabatee biyya bulchaa jiruun godhamaa jiru dhabbatuu qaba kan jedhus ijoo marii kanaa ture. Haal duree tokko malees hidhamtootni siyaasaa hiikamuu, mootummaan lola kallattii garaagaraan geggessaa jiru dhaabuu, wajjirootni partilee cufaman banamuu fi paariileen siyaasaa kun sochii bilisaan akka taasisan gafataniiru.
 
Hoggantoonni ABO fi KFO nagaa waaraa Oromiyaa fi biyyatti waliigalaa keessatti fiduun kan danda’amu humnaan akka itti paartiin biyya bulchu godhaa jiru osoo hin taane nagaan bu’ee karaa nagaan marii hunda hammateen rakkoon siyaasaa bu’uura ta’ee deebi’i argate qofaa dha jechuunis hubachiisan. Keessattu marii biyyooleessaa jechuun akka nagaa barbaadutti fakkessee paartiin biyya bulchu ABO fi KFO qophxeessuu dhaan sochiin godhamu bu’aa kan hin fidne ta’uu akka hawaasni addunya hubatuu jechuun partileen lachuu kaasan.
 
Diploomaatonni kunis nagaa gaanfa Afriikaa, biyyaa Itoophiyaas ta’ee addatti Oromiyaa keessatti dhaleessuuf shoorri paartiileen kun qaban himuun gama isaaniin nagaan akka bu’ee lammileen nagaan jiraataniif waan irraa eegamu kan godhan ta’uus himanii jiru. ABO fi KFOn miseensonni isaanii danuun hidhaatti gidirfamaanii sochii dhorkamanis akka jaarmiyaatti hojiilee gurguddoo mirga ummata qabsa’aniif hojjeechaa jiraachuu kan himan hoggantooti kun gama isaaniin gaaffii sabni Oromoo fi lammileen biyyatti qaban karaa nagaa akka furmaata argatan qaama kam waliinuu akka hojjechuuf qophii ta’anii fi falli tokkichi biyyatti daandii nagaatti geessu marii siyaasaa hunda haammate qofaa akka ta’e dhaammachuun marii isaanii golabataniiru.
Madda : sabqunnamtii ABO irraa |Facebook ABO irraa 
Finfinnee, Adooleessa 29/2022
 
 
 
 
 
 

Similar posts:

Paul Bernard Henze, a CIA Operative and Journalist's Advice to Meles to Destroy OLF

๐Œ๐ข๐ซ๐ ๐จ๐จ๐ง๐ง๐ข ๐๐ฎโ€™๐ฎ๐ฎ๐ซ๐š๐š ๐๐š๐ค๐ค๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐˜๐ž๐ซ๐จ๐จ ๐Š๐š๐ฆ๐ข๐ญ๐ญ๐ฎ๐ฎ ๐Š๐š๐›๐š๐ฃ๐š๐ฆ๐ฎ๐ฎ ๐๐š๐›๐ฎ.

OLF operations & drone attack in Oromia

Oromo Liberation Front (OLF) Press release on drone and aerial attack on civilians in Oromiaโ€“ January 1, 2022