ODUU FNN Guyyaa Harraa

Published Feb. 10, 2023, 5:21 p.m. by FNN

612



 

Jila Phaaphaasotaa, Abuuna Saawuroosiin durfaman gara kutaa lallaba Shawa Kibba Lixaatti imalaniif simannaan taasifame.

Sabbataa hanga Walisootti uummata kuma dhibbootaan lakkaa'amutu bahee akka simate barameera.

Guyyaa gaafa guraandhala 9 bara 2023 akkuma sinoodoosii haaraan karoorfatetti, Abuna Saawiiroos jila isaanii waliin gara kutaa lallaba isaaniitti imaluun uummata eebbisuuf karaa qabataniin magaalaa keessa qaxxaamuran hunda simannaan ho’aa taasifamuufiis barameera 

Hordoftoonni amantaa Ortodoksii tawaahidoo sinoodosii haaraa kanaaf deggersa qabanis, daandiitti ba'uun faaruufi galatootiin isaan simachuu kan eegalan, funyaan Finfinnee jalatti kan argamtu magaalaa Sabbataa Alamganaa Daalaattiitti.

Jiraattonni sabbataafi naannoshee hedduminaan simachuun bataskaanatti gorsiisanii eebba irraa fudhatan.

Abbaan Fardaa fardaan, kaan lafoon, faarfattoonni faaruun, hawaasni uffata adiitiin daandiitti ba'ee gammachuu Afaan dhalootaan waaqeffachuuf qabu ibsateeera.

Walittii qabaan sinoodoosii Oromiyaafii sabaafsablammootaa kan tahan Abuna Saawiiroos bakkeewwan haasaa taasisan hundattis, mirgi afaan ofiitiin waaqeffachuu kennaa Waaqayyooti jechuun dubbataa turan. 

Ammas sodaan akka hin jirree dhaamanii, duras Oromoon dhimmicha karaa nagaan xumuruu caalchifatee jaarraa ol akka eege ibsanii, kana booda garuu nagaan harka keenya keessa jira jenneetu murtee kana murteessinee jedhan.

Itti dabaluunis Yeroon amma nuuf kenname kun yeroo Waaqayyoo eebbisee nuuf kennedhaa jedhan Abuna Saawiiroos.

Kana malees Biyya keessan irratti angoo hin qabdan nuun jedhan. Biyya keenyatti afaan keenya akka hin dubbanne bara baayyee nu dhorkan, amma garuu sun seenaa ta'eera jedhan Abuna Saawiiroos.

Itti dabaluunis, kutannoon uummata Oromoo isaan boonsuu himanii, injifannoon kun kan saba cunqurfamoo hundaati jedhan.

Jilli abbootii amantaa Abuuna Saawiiroosiin durfamu guyyaa keessaa sa'a saddeetitti magaalaa Walisoo yeroo qaqqabetti, simannaan ho'aa jiraattota magaalittiifi naannoosheetiin taasifameeraaf.

Abuuna Saawuroosiifi phaaphaasotni garas imalan hunduu akkuma achi qaqqabaniin mana barumsaa hawaasaa olmaa daa'immaniifi sadarkaa 1ffaa ijaarsisuuf dhagaa bu'uraa ka'anii jiru.

Uummata Simannaaf bahes eebbisaniiru.

Mooraa Yuunivarsiitii Asoosaa keessatti deeggarsi sinodosii Oromiyaa fi sabaaf sablammoota oromiyaaf barattoota Oromoon geggeeffame.

Gaafa Gurraandhala 8, 2023 Sirna Habashoota durii ijaaruuf amantii da'oo godhatanii kan dhamaa'an leelliistootni sirna Minilik qabeenya uummaata Oromoo jaarraa oliif saamaa turan akkasumas aadaa, afaanii fi eenyummaa saba Oromoo hacucaan itti fufsiisuuf Oromoonni amantoota kiristaanaa Ortoodoksii sinoodosii afaan isaaniin hojjetu yeroo dhaabbatanitti inaaffaan mormii uffata gurraachaa waamuun gadi ba'anii jiru.

 Amantaa fakkeessuun impaayera Itoophiyaa tiksuu irratti hojjechaa kan jiran finxaaleyyiin yeroo itti Oromoon ni ga'a jedhetti biyya fi amantii diiguu dha jechuun impaayerattii keessaa hanga alaatti mormii dhageessisaa jiru.

 Haaluma kanaan barattootni Yuunivarsiitii Asoosaa kaleessa Guraandhala 7 ,2023 dhaadhannoo Oromoon Mirga afaansaatiin dubbachuu fi kadhachuu qaba jedhuun huccuu adii uffachuun mooraa Yuunivarsiitii Asoosaa keessatti mormii farra finxaaleyyii faallessuun Adii uffachuun gammachuu isaanii ibsataa laaqana nyaataniiru.

 Mormii finxaaleyyiin Amaaraa maqaa Ortodoksiitu tuqameen uffatni gurraachi akka uffatamu labsaniin magaalota,manneen hojii fi dhaabbilee barnootaa keessatti geggeessaa kan jiran yoo ta'u, barattootni Oromoo faallaa kanaa dhaabbachuun uffata adii uffatanii phaaphasota haaraa mudaman bira dhaabbachuu fi hojii eenyummaa Oromoo kabachiisu irratti daran akka hirmaatan barattootni Oromoo yuuniversitii Asoosaa hiriira mormii ba'aniin agarsiisanii jiru.

 Hiriirri kun dhaadannoolee Oromummaa jabeessuu dhageessisuun fuuldurattis warreen jibbiinsa Oromummaa qabanii fi sirna Oromoo cabsuuf hojjechaa jiru irratti jabaatanii akka qabsaa'an ibsaniiru.

Oduu biraan Yuunivarsitii Dirree Dhawaa keessatti okkora finxaaleyyiin Amaaraa kaasaniin dhukaasni geggeeffamaa turuu barattootni dubbatan.

Gaafa Gurraandhala 8, 2023 Barattootni finxaaleyyii Amaaraa guyyaa dheengaddaa Guraandhala 7,2023 qabuun mormii garaa arguing turan. 

 Mormii isaanii gara okkoraatti halkan guyyaa kaleessaa Guraandhala 8 deebisuun barattoota Oromoo loluu eegalan. 

 Erga manni amantaa Ortodoksii sinoodosii Oromiyaa afaan dhalootaan barnoota amantii isaatii haa barsiifatu jechuun dhaabbatee finxaaleyyiin Amaaraa mormii gama hundaan agarsiisuu itti fufaniin dhaabbilee barnootaa olaanaa keessattis jibbiinsa Oromummaaf qaban akka mul'ifatan taasisanii jiru.

 Barattootni finxaaleyyii Amaaraa kun uffata gurraachaa uffachuun barattoota Oromoo irratti guyyaa roorrisaa oolaniin galgala irraa gara walitti bu'iinsaatti ce'ee ture.

 Walitti bu'iinsa kana irraan kan ka'e dhukaasni hedduun mooricha keessatti kan dhukaafame yoo ta'u gareen Saatanaaw jedhaman mooricha keessa dhoksaan seenuun miidhaa barattoota Oromoo irraan geessisuuf hojjechaa akka jiran barameera. 

 

Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti maqaa ijaarsa magaalaa Shaggar jedhuun manneen namootaa hedduun jalaa diigamaa jirachuun dhagahame 

Murni magaalaan ijaara jechaa manneen ilmaan Oromoo diiguun bakkeetti facaasaa jiru bilxiginnaan hojii isaa kana bifa qindaa'aa ta'een geggeessuun namoota hedduu mana maleeyyii gochaa jiraachuun barameera .

 Akka maddeen keenyi nuuf himanitti torbanoota kana guutuu godina addaa Oromiyaa naannowaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu naannoo Qeeraa jedhamuun beekamu keessatti manneen namootaa maqaa ijaarsa magaalaa Shaggar jedhuun diigaa jirachuun barameera .

 Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessaa manneen abbaa warraa 15,000 diiguuf karoorfataniin hanga ammaatti manneen abbaa warraa 6000 diiguun maatii daa'ima waliin daandiitti facaasanii jiru.

Murni bilxiginnaa yeroo finxaaleyyiin itti hammaattutti lafti keessanii, kaartaa fi pilaanii itti isiniif kenninee seera qabeessa goonaa, akkasumas warreen seera qabeessa taatan tajaajila bishaan dhugaatii, ibsaa fi telekoomikeeshinii isiniif galchina jechuun goyomsaa turanii yeroo uummatni qaala'insa jireenyaan waadamaa jirutti tarkaanfii kana fiduun uummata Oromoo harka namaaf saaxiluu dha jechuun jiraattonni yaada isaanii ibsataniiru . 

 Oduu biraan waraannii mootummaa pp ilmaan oromoo nagaa ajjeessuu hidhee hiraarsuu itti fufee jiraachuun barameera 

Haaluma kanaan Giddu galeessa Oromiyaa Baha Shaggar, aanaa Liiban Cuqqaalaa ganda Ilmoo Cuqqaalaa iddoo addaa Waaccuu jedhamuun beekamutti, qeerroo maqaan isaa Hawwaasoo Odaa jedhamu ajjeesanii gatanii deemuu dhagahame .

 Akka maatiin mucaa jalaa ajjeefamee ibsanitti Qeerroo Hawwaasoon waraana faashistii PPn halkan manaa gadi baafamee hidhata waraana bilisummaa Oromoo qabda jedhamuun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii deeman jechuun ibsaniiru 

 Dabalataanis Dargaggoon kun tuttuqaa siyaasa kam irraayyuu bilisa kan ta'ee fi hawaasaa biratti nama fudhatama guddaa qabu ta'us, murni ilmaan Oromoo qaroo ajjeesuun Oromoo jaamsuu irratti hojjechaa jiru badii tokko malee irbaata rasaasa taasisanii jiru jechuun ibsaniiru

Gama oduu hidhaan ammo Obboleessa Miseensa Shanee Gumii Gumii Sabaa ABO Jaal Jabeessaa Gabbisaa kan tahan Obbo Shiggoo Gabbisaa hidhattooti mootummaa mana jireenyaa isaatii qabuun mana hidhaatti darbuun dhagahameera .

Akka odeessi nu dhaqqabe addeesutti guyyaa gaafa Gurraandhala 08, 2023 hidhattootni mootummaa PP Lixa Oromiyaa Godina Qeellam Wallaggaa Ona Sayyoo irraa Obboleessa J/Jabeessaa Gabbisaa Obbo Shiggoo Gabbisaa sababa tokkoon ala mana jireenyaa isaa keessaa fuudhuun waajiira Poolisii magaalaa Dambi-Doollootti hidhanii hiraarsaa jirachuun barameera .

Murni bilxiginnaa duula haaraa kibba Oromiyaatti banuuf loltoota hedduu magaalaa Awaasaatti buusuun barame.

Gurraandhala 8, 2023 Murni barcuma siyaasa impaayerattii loltoota hedduu lolaaf bobbaasee tikfachuu barbaadu bilxiginnaan loltoota kaaba impaayerittii irraa deebisee Oromiyaa keessa qubsiisuun miidhaa geessisuu itti fufeen, ammas bifa haaraan kibba Oromiyaatti fe'uuf waraana isaa garas fe'ee jiraachuu jiraattonni nutti himanii .

Akka odeessi waraanaa magaalaa Awaasaa irraa nu qaqqabe ifoomsutti giddu kana loltoota kutaa waraanaa 6 ta'an lola Tigraay irraa deebisuun magaalaa Awaasaa qubsiisee jira.

 Loltootni magaalaa Awaasaa qubatan kun xumura torbee kanaa irraa eegaluun gara kibba Oromiyaatti bobbaafamuu isaanii barameera 

Murni bilxiginnaa gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Oromiyaa keessaa rukuteen baasa jechuun karoora abjui baafatee itti seenus WBO baay'inaa fi ga'umsaan dabalaa, humna waraana bilxiginnaa haleeluun injifannoo boonsaa galmeessaa waan jiru, tarkaanfiin WBO kun irriba dhorkachuun duula bifa haaraan kibba Oromiyaatti geggeessuuf karoorfatee jira.

 

Oduuu injifannootiin ammo WBOn lixa Shaggar aanaa Cobii keessatti diina ummata oromoo gooltu irratti tarkaanfii fudhatuun dhagahame 

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn godina Lixa Shaggar aanaa Cobii ganda Dirree Qabbanaa Lafa addaa Qixxisaa jedhamuun beekamtu keessatti har'a Guraandhala 10,2023 waraana PP sakatta'a WBOf bobba'an haxxee itti hidhuun du'aa fi madoon adabe jiraachuun beekame.

WBOn tarkaanfii haxxee fudhate kanaan loltoota murna pp kan ummata gooltu 8 du'aan yoo adabu 12 madeessuun humna diinaa tamsaasuun of duuba deebiseera.

Bifuma walfakkaatuun Abdiif Gaachanni Uummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa, Cibraa Soddom Booroo, Godina Gujii Bahaa Aanaa Liiban ganda Dhakaaqallaatti bakka addaa Irreessageeddi jedhamutti humna diinaa maqaa Sakatta'iinsa WBO jedhuun dhokattee halkan Socho'aa turteetti haxxee hidhuun lola halkan 8/2/2023 sa'aati 08:30 irra kaasee hanga ganama Sa'a 05:00tti lola hadhaawaaf jajjabaa taasiseen loltoota Faashistii Abiyi Ahimad 105 ol ajjeessee,140 madeessuun Injifannoolee gugurdoo Galmesseera. 

Lola kanaanis meeshalee waraanaa qawweee AKM( 58)Bireena( 2),Snayperii (2)fi Rasaasa diishqaa 1000, boombii 15, rasaasa AKM 5025,  rasaasa BKM 4562, Dugda diinaa Irraa hiikuun dantaa galii qabsoo bilisummaa Oromoof oolchuu ajajaan WBO zoonichaa ibsee jira.


Similar posts:

Ethiopian government's aerial attack kills hundreds of Oromo civilians

Araara: Eenyu wajjin? Akkamitti?

Dararri Baha Oromiyaatti Hammaate Jedhu Uummanni

Strategies for OLA Success: Overthrowing Ethiopian Dictators - Unveiling Brutality and Igniting Change