ODUU FNN | CAAMSAA 8, 2023

Published May 9, 2023, 4:37 a.m. by FNN

392



Waraanni raayyaa ittisa impaayerattii  sadii sirna bilxiginnaa ganuun godina Lixa Wallaggaa keessatti gooticha waraana bilisummaa Oromootti harka kennatan.

Sirni cubbamaa fi balfamaan guyyaadhaa gara guyyaatti fooniif lafee ilmaan Oromoo bineensa sooraa oolu bilxiginnaan, humnaa fi goyyoomsaan ijoollee Oromoo dirree waraanaatti guuree meeshaa itti hidhee saba  isaanii akka lafa irraa dhabamsiisaniif bobbaasus, warreen dhugaan sabaa  isaaniif gale  mooraa waraana PP bakkoota  garaa garaa keessaa hidhannoo guutuu waliin miliquun qabsoo saba isaanii ABO-WBOn geggeeffamaa jirutti harka kennachuu itti fufanii jiraachuu Midiyaan Arrata Biyyoolessa Oromiyaa gabaaseera.

Haala kanaanis dheengadda Caamsaa 5,2023 waraanni raayyaa ittisa impaayerattii 3 Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu mooraa Qeelaa Daabbus jiru keessaa meeshaa fi hidhannoo guutuu waliin waraana bilisummaa Oromootti makamaniiru.

Miseensonni waraana bilxiginnaa kunneenis meeshaa Isinaayipera 1, qawwee  AKM Turkii 2, dachaatu 1, gumbii 6, fi rasaasa 562 qabatanii mooraa diinaa onsuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo  gabbisaniiru.

Loltoonni sirna dabaa PP ganuun WBOtti makaman kunniin sirna nama nyaataa yeroodhaa gara yerootti uummata Oromoo hiraarsaa jiru meeshaa baatanii tajaajilaa turuu isaaniitti saba isaanii dhiifama gaafachuun, ilmaan Oromoo achi keessatti hafanii jireenya lammiilee isaanii mancaasaa jiran qawwee fi hidhannoo isaanii waliin qabsoo haqaa saba isaanii ABO-WBOn geggeeffamaa jirutti akka makaman dhaamsa dabarfataniiru.

Mootummaan PP waraanaa isaa Godina w/lixaatti bobbaasee ummanni akka darabeen nyaachisu dirqisiisaa jiraachuu maddeen gabaasan.

Akka maddeen FNN gabaasanitti mootummaan PP Waraana Raayyaa Ittisa biyyaa jedhaman Godina Wallaggaa Lixaa mandii fi naannoo isheetti baayyinaan guuraa jiraachuu kan ibsan maddeen, waraana kana ammo ummanni akka sooruu qabu dirqisiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Bakkoota akka :-Waamaa, shimal tokkee, Caalaa, Ashunfaa fi Harawwee jedhamanitti waraana lakkoofsaan 200-300 ta’an qubachiisuun ummanni naannicha ammoo darabeen nyaataa fi dhugaatii waraana kanaa akka danda’u irratti murteessanii hiraarsaa jiraachuutu ibsame. Ummata waggoota 4 oliif waraana Kanaan saamamaa fi qabeenyaan isaa ibiddaan duraa barbadeeffamaa ture ofiifuu rakkoo hamaa jala jiru murni rifaatuu  ummataa hin qabne kun rakkoo biraaf saaxilaa jiraachuu maddeen dabaluun ibsaniiru.

KFOn walga'ii koree gidduu dhaabichaa guyyaa lamaaf  geggeeffamaa ture booda miidiyaaleef ibsa kenneen mootummaan waloo hunda hirmaachise akka hundeeffamu gaafate.

Dhaabichi ibsa isaa kanaan marii araaraa WBO fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti geggeeffamaa ture akka deeggaru erga ibsee booda, "mootummaan waloo hunda hirmaachise akka hundeeffamu" jechuudhaan gaafatee jira.

Yaadicha irratti ibsa dabalataa kan kennan hogganaan dhaabichaa Prof. Mararaa Guddinaa, "mootummaan kun 'mootummaa ce'umsaa' yommuu jedhamu waan jibbuuf ykn sodaatuuf, mootummaan waloo hunda hirmaachise akka hundeeffamu gaafanna" jedhan.

ABOn waggaa lama dura Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa labsee turuun ni yaadatama. Waraanni Bilisummaa Oromoos marii araaraa tibbanaa irratti mootummaan ce'umsaa akka hundeeffamu gaafateera.

Dabalataanis miseensa Caffee mootummaa itoophiyaa kan ta’an kabajamoon Obbo Hangaasaa Ibraahim haasaa tibbana fuula Midiyaa hawaasummaa dhuunfaa isaanii irratti dubbataniin Mootummaan Cehumsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa nageenya Oromiyaaf murteessaa ta’uu dubbatuun isaanii kan yaadatamuudha.

Arsii lixaa ona Arsii Nageellee keessatti Mootummaan PP maqaa Buusaa Gonofaa jedhuun miindaa barsiisotaa irraa kutaa jiraachuun himame.

Kibba baha Oromiyaa godina  Arsii lixaa aanaa Arsii Nageellee keessatti maqaa waldaa wal gargaarsaa Buusaa Gonofaa jedhuun biltsiginnaan miindaa barsiisota irraa   maallaqa muruun saamicha geggeessaa jiraachuu madden ifoomsan. Madden Barsiisota naannicha wabeeffachuun akka ibsanitti  rakkoo qaalayiinsa jireenyaa yeroo ammaa akka biyyaattii mudetee jiru yaada keessa osoo hin galchin miindaa barsiisotaa silumaa jireenya yeroo kanaa waliin hindeemne irraa maallaqa muruun hiraara hamaaf saacxilaa jiraachuu madden ibsaniiru.

Caamsaa 4,2023 dhimma miindaa irraa maallaqa kutuun wal qabatee onicha keessatti hoggantotaa fi barsiisota mana barnootaa kan walitti qaban yoo ta'u, Barsiisotnii fi hoggantootni miseensa paartichaa ta'an itti waliif galuun mallatteessanii ba'aanis, barsiisonni dhimma kana balaaleffatan garuu ejjennoon dhimmicha dura kan dhaabbatan ta'uun beekameera.

Murni Biltsiginnaa onichaa barsiisota dhimma kana balaaleffachuun mormii kaasan miindaa guutummaatti jalaa kan ugguran hoggaa ta'u, barsiisotni miindaan jalaa uggurames rakkoo jabaa keessa jiraachuu maddeen dubbataniiru.

Ittii dabalees namoonni adda durummaan dhimma kana adeemsisuun barsiisota rakkoof saaxilaa jiran, itti gaafatamaa waajjira barnootaa aanichaa obboo Dastaa Butuchaa fi Kantiibaa magaalaa Nageellee obbo Huseen Hammuu ta'uun gabaafameera.

Oduudhuma walfakkaatuun Godina baha Harargee aanaa Malkaa Bal'oo keessatti maqaa liigii dargaggoo fi dubartootaan kaadiroonni PP uummata saamaa jiraachuun beekame.

Murni fedhii dhuunfaa isaaf malee dantaa ummataa hin qabne PPn maqaa gargaarsaa dahoo godhachuun  kufaatii diinagdee isa mudate suphachuuf jecha ummata saamaa akka jiru maddeen naannicha FNNf ibsaniiru.

Haaluma kanaanis godina baha Harargee  aanaa Malkaa Baldhoo keessatti maqaa Liigii dargaggoo fi dubartootaa jedhuun  gandooti hundi maallaqa Kuma digdamii shan shan akka kaffalaniif kaadiroonni sirnichaa jiraattota  dirqisiisuun ummata  qaala’insi jireenyaa hube gara laafina tokko malee dirqisiisanii saamaa jiraachuutu ibsame.

Aanaa Malkaa Bal'oo araddaa Makkanniisaa keessatti dararaan kun akkaan hammaataa ta'uu kan dubbatan jiraattotni, kaabinoonni PP araddichatti bobba'aan uummatni maallaqa isaan jedhan yeroon akka kaffalaniif itti himuun, yeroon kan hin kaffalan yoo ta'e rakkoo isaan irra ga'u itti himuun akeekkachiisaa jiraachuu  maddeen dabaluun  ibsaniiru.

Godina  Kaaba Shaggar ona Wucaalee keessatti manni namootaa waraana PPn kan gubate yoo ta'u,  Ona Dagam keessatti ammoo loon namootaa saamamaniiru.

Gochi faashistummaa waraana Biltsiginnaatiin golee Oromiyaa mara keessatti raawwatamaa jiru oolee bulee  jabaachaa kan jiru yoo ta'u, saamicha dabalatee mancaatiin qabeenya namootaa irratti gaggeeffamaa jiru dinagdee uummataa hubuun hiyyummaa hadhooftuuf saaxilaa jira jedhu maddeen.

Oduuma wqalfakkaatuun  godina  kaaba Shaggar aanaa Wucaalee ganda Bachoo Faalanii keessatti waraanni Biltsiginnaa mana namoota dhuunfaatti ibidda kaa'ee barbadeessuu maddeen FNN naannicha irraa gabaasaniiru.

Nama Xibabuu Dabalee fi Daamxee Addunyaa jedhaman jalaa caamsaa 6,2023, nama Girmaa Qananii jedhamu jalaa ammoo caamsaa 7,2023 waraana sirnichaatiin manni jireenyaa qabeenya mana keessaa jiru waliin guutummaatti ibiddaan barbadaa'uun himameera.

Dabalataanis aanaa Dagam ganda Yaayyaa Haroo keessaa waraanni PP horii uummataa 10 ol walitti qabuun ooffatanii deemuu kan dubbatan maddeen, miidhaa fi dararaa murna faashistii Itoophiyaan aanicha keessatti raawwataa jiruun qorqalbii fi dinagdeen hawaasaa akka malee miidhamaa jiraachuutu gabaafame.

Sadarkaa addunyaatti gatiin Sukkaaraa fi Foonii irra deebiin daballii agarsiisuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksise.

Akka ragaan Dhaabbata Qonnaa fi Nyaataa Addunyaa agarsiisutti Baatii Eeblaa darbe kana keessa gatiin Sukkaaraa fi Foonii sadarkaa addunyaatti daballii agarsiiseera.

Baatii kana keessa Sukkaaraa fi bu’aalee Foonirratti daballiin gatii kan mul’ate yoo ta’uu,gatiin Midhaan Dheedhii, bu’aalee Aannanii, Zayitaa fi Kuduraa fi muduraa ammoo hanga tokko hir’isuu RT gabaaseera.

Gatiin Sukkaaraa % 17.6 daballii kan agarsiise oggaa ta’u, Daballiin kun Bara Faranjootaa 2011 as isa olaanaa ta’uu eerameera.

Bifuma walfakkaatuun daballiin Foonii % 1.3 argasiisuu dhaabbatichi gabaasa isaan himeera.

Baatiwwan shanan  darbaniifi walitti aansuun Gatiin Aannanii fi bu’aalee aannanii % 1.7 hir’isuu fi Zayinnii fi Kuduraaleen % 1.3 hari’isuu dhabbatichi beeksiseera.

Gamtaan Awurooppaan tumsa tarsiimawaa Ityoophiyaa waliin qabu gara boqonnaa haaraatti ceesisuuf hojjechaa jiraachuu ibse.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Gamtaa Awurooppaa Roonaald Koobiyaan, gamtichi tumsa Ityoophiyaa waliin qabu cimsuuf hojii hojjechaa jiru ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Ityoophiyaafi Gamtaan Awurooppaa hariiroo seena qabeessa kan qaban ta’uufi tumsasaanii daran cimsuuf waliigaltee istraateejikaalaa raawwachuun hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Ministiroonni Dhimma Alaa gamtichaa 27 walga’ii Eebla 16, 2015 gaggeessummaa Mana Maree Dhimma Alaa gamtichaan gaggeessaniin hariiroo gamtichi Ityoophiyaa waliin qabu cimsuuf kallattiiwwan haaraa sagalee guutuun raggaasisuu yaadachiisaniiru.

Murtoon kunis tumsa Ityoophiyaafi gamtichaa keessatti boqonnaa haaraa kan bane ta’uu kaasaniiru.

Gamtichi tattaaffii Ityoophiyaan nageenya waaraa fiduuf taasistu deeggaruuf qophii ta’uuibsuun ; kunis hariiroo gamtichi Ityoophiyaa waliin qabu cimsuu keessatti faayidaa olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Gamtichi yeroo ammaa tumsa tarsiimawaa Ityoophiyaa waliin qabu gara boqonnaa haaraatti ceesisuuf mootummaa Ityoophiyaa waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Magaalaa Shaggar Kutaa Bulchinsa Magaalaa Buraayyuutti, Dubartiin Tokko, Daa'imman Haadha Buddeenaa Taatuuf, Lama Ajjeeste.

Magaalaa Shaggar Kutaa Bulchinsa Magaalaa Buraayyuutti, dubartiin Tigist jedhamtu, daa'imman Haadha Buddeenaa taatuuf, lama ajjeesuun ishii gabaafame.

Qajeelchi Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Naannoo Buraayyuu, bakka Kattaa jedhamutti obboleessi fi obboleettiin umuriin isaanii waggaa 12 fi 4 ta’an murtee gara jabinaa haati buddeenaa isaanii fudhatteen ajjeefamuu gabaase.

Magaala Shaggaritti, Qajeelcha Poolisii Buraayyuutti gargaaraa Koomishiikara Olaanaa Komishinar Shittuu Likkisaa akka jedhanitti, dubartiin kun yakka suukkanneessaa kana kan raawwatte, Jimaata galgala toora sa’aa 9:30 irratti ta’uu ibsan.

Aadde Tigist, yakka kana erga raawwattee booda, naannoo sana baqachuun baduu isheetu himame. Abbaa warraa Ijoollee ajjeefamaniifi haadha buddeenaa isaanii kana gidduu lolli dhuunfaa akka tureefi ji’a sadii dura wal lolanii araaramuu, gargaaraan koomishineraa kun ibsaniiru.

Yakkamtuun kun yeroo ammaa kanatti miliqxee kan jirtu ta’uufi eeruu hawaasaatiin barbaadamaa jiraachuun himameera.

 

Naannoo Amaaraatti “heera mootummaa diiguun, fiinxaaleeyyii wajjiin tumsuu fi gochaa shororkeessummaa raawwachuutiin” yakkamuun humnoota nageenyaatiin barbaadamaa kan  ture namni Goobazee Sisaay jedhamu too’annoo jala ooluu humni waloo nageenyaa  itoophiyaa beeksise.

Akka ibsa humna waloo kanaatti, Goobazeen kan qabame isaa gara Jibuutii ce’ee achiirraa gara biyya biraa imaluuf jiruu poolisii idiladdunyaa (interpole) fi poolisi Jibuutiitiin qabamee Itoophiyaadhaaf dabarfamee kennamuuti ibsame.

Kanaan dura Humni waloo kun ibsa baaseen Yakkamtoota gochaa walfakkaatuun yakkaman 47 too’annoo jala oolchuu ibsuun kanneen biroo seeraan barbaadaman qabee seeraaf dhiyeessuuuf humni waloo nageenyaa hojjechaa jiraachuu ibsuun isaa kan yaadatamuudha.

Buqqaatoonni Sudaan kuma tokko ol ta’an gaaga’ama siyaasaa biyyattii mudate dheessuun gara Itoophiyaa galaa jiraachuu dhaabbanni idiladdunyaa baqattootaa (International Migration Organization (IOM)) jedhamu beeksise.

 Erga waraanni Sudaan eegalee Itoophiyaanonni Sudaan keessa jiraachaa turanii fi lammiilee biyya biroo dimshaashaan 12,000 ol ta’an gara Itoophiyaa dheessuu dhaabbatichi addeesseera.

Buqqaatoota gara itoophiyaatti baqataa jiran kana dhaabbatichi gargaaraa jiraachuu kan ibse oggaa ta’u, hanga yoonaatti lammiilee Ugaandaa 200 fi Somaaliyaa 800 ta’aniif geejjiba dhiyeessuun daangaa Sudaanitti gara Gondarii fi Gondarii gara Finfinnee akka imalan taasisuu IOM ibseera.

Gaaga’ama Siyaasaa Sudaan keessatti mudate hordofuun dhaabbatichi baqattoota karaa Matammaatiin seenan keessaa dhibbeentaan 39 lammiilee Itiyoophiyaa, dhibbeentaan 17 lammii Sudaan fi dhibbeentaan 13 ammoo lammii Turkii ta’uu addeesseera.

Buqqaattoota kana keessa dhibbeentaa digdama kan ta’an  ammoo daa’imman ta’uu isaanii beeksiseera.

Instituutiin qorannoo aadaa Oromoo fi Akkaadaamiin afaanota Tigraay haala waliin hojjechuu danda’an irratti waliigaltee mallatteessaniiru.

Marii Giddugala Aadaa Oromoo keessatti gaggeeffame  kana irratti meeshaaleen aadaa Oromoo fi barruuleen Afaan Oromoo barreeffamaan Akkaadaamii Afaan Tigraayiif arjoomamaniiru.

Itti aanaan Daarektarri Olaanaa instituutii qo’annoo fi qorannoo aadaa Oromoo Zinaabuu Asraat akka jedhanitti, gargaarsa qo’annoo fi qorannoon gargaaramuun afaanota, aadaa fi seenaa naannolee lamaanii guddisuuf ni hojjenna jedhaniiru.

Marii kana irratti daayreektarri olaanaa instituutichaa kan ta’aan obbo Dirribaa Tefera kan argaman yoo ta’u, ogeeyyiin dhabbatichaa waraqaa marii Afaan, aadaa fi seenaa Oromoo irratti dhiheessaniiru.

Itti gaafatamaan Akaadaamii Afaan Tigraay Daani’eel Takluu (PhD)  akaadamiichi bara 2008 ALI kan hundeeffame ta’uu ibsuun afaanota Tigraay afaan saayinsii fi teeknoolojii taassisuuf hojii qorannoo adeesmifamaa turuu himaniiru.

Obbolumaa fi tokkummaa sab-daneessummaa uummata Oromoo wajjiin qabnu cimsuuf dhaabbata qorannoo Oromiyaa wajjiin tumsuun hojjanna jechuun dubbataniiru.


Similar posts:

OLA foils PP troops planned attack in Negele Borana, Guji, Oromia

Tumsa Finfinne News Network

Abiy Ahmed's last ditch effort to retake towns and cities from OLA and TDF fails

Why is Batte Urgessa assassinated? Who is behind the assassination?