ODUU FNN | HAGAYYA 2, 2023
Published Aug. 3, 2023, 4:08 a.m. by FNN
Oduu Hagayya 2, 23
Oduu harra FNN gaheen humnooti mootummaa Itiyoophiyaa fi humnoota Ertiraa irraa ijaaraman kaampii waraanaa G/W/L Gimbii jiruu fi beta mangist jedhamuun beekamutti lammiilee iddoo biroo irraa fiduun ajjeesanii gataa jiraachuun dhagahame. Qabiyyeen waraana kanaa gaafa ilaalamu Oromoo %20 akka hin caalleef fi irra guddaan isaanii afaan Tigiree kan haasa'an yeroo tahu Eritiraa akka dhufan keessa beektooti dubbachaa jiraachuu keessa beektooti FNN f gabaasan.
Baratooti Yunvarsiitii AMBO damee Maammoo Mazamir kan qormaata kutaa 12 fudhachuuf argaman nyaata faalameen summeeffamuu uummati dubbataniiru. Baratooti kun mana yaalaa guuramaa jiraachuun dhagahameera. Ballinni oduu kanaa akkuma nu gaheen gabaafna.
Ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddugaleessaa WBOn qabsoo jabaa gaggeessu cinaatti leenjisee bobbaasuu jabeesseee akka itti fufu hoogganaan zoonii sanaa Jaal Sanyii Nagaasaa beeksise.
Waraanni Bilisummaa Oromoo sirna Oromoo hacuucuu fi qabeenya Oromiyaa saamee dhaloota dararu qolachuutti kan jiru yoo tahu kana galmaan gahuufis qabsoo hidhannoo isaa jabeessee jira.
Ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo giddu galaa Jaal Sanyii Nagaasaa akka jedhanitti Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddugaleessaa mooraalee hedduurra kaadhimamtoota barnoota waraanaa fi siyaasa barsiisa ture eebbisiisee qabsoo hidhannootti kan bobbaase tahuu himuun Waraanni Bilisummaa Oromoo gola Oromiyaa maratti qabsoo jabaa adeemsisaa jiraachuu himaniiru.
Ajajaan Zoonii Giddugaleessaa jaal Sanyii Nagaasaa WBOn akeeka qabsoo qabate fiixaan baasuuf qabsoo adeemsisaa jiruun injifannoowwan hedduun gonfachuu ibsaniiti jiru.
WBOn tarkaanfii humnoota mootummaa irratti fudhatuun cinaatti gurmuu isaa jabeessuuf golee Oromiyaa hedduu keessatti qeerroowwan barnoota waraanaa fi Siyaasaan leenjisee bobbaasaa akka jirus eeraniiti jiru.
Haaluma kanaan WBOn ji'oota darbaniif barnoota Zoonii giddugalaa mooraalee leenjii garagaraa kaaba fi lixa Shaggar keessatti barsiisaa fi leenjisaa kan ture torbanoota darban kana keessa eebbisiise irbuu galchuun dirree qabsootti bobbaasaa jiraachuu eebba leenjifamtootaa kana irratti dubbateera.
WBOn uummata Oromoof gaachana ta'uu kan eeran qondaalonni Waraana Bilisummaa Oromoo, uummanni Oromoos waraanichaaf utubaa ta'uu dubbateera.
Qondaalonni Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddugaleessaa sirna eebbaa kana irratti argamuun haasaa godhaniin uummatni Oromoo waan hunda dursa tokkummaa isaa tiksee, gama maraan qabsoo saba isaa cinaa hiriiruu akka qabu dhaamaniiru.
Itti dabaluunis Hawaasa Oromoo biyya keessaa fi alaa haala kam keessattuu qabsoo WBOn gaggeessu cinaa dhaabbachuun tumsa godhanis galateeffachuun keessattuu hawaasa Waraana Bilisummaa Oromoof dawoo ta'ee gurmuu WBO jabeessa jiruuf galata guddaatu malaaf jedhan qondaalonni WBO eebba kana irratti dubbatan.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii giddugalaa bakkee garagaagaraatti eebbisiifame kun yeroo qabsoon Oromoo sadarkaa murteessa irra gahee jiruu fi uummanni Oromoo tokkummaa hin daddaaqne ijaarrachaa jirutti Miseensa WBO ta'uun marsaa seena qabeessaa fi adda kan isaan godhu yoo ta'u qondaalonni waraanichaa eeranii, bu'uuruma kanaan maqaan marsaa isaaniis ‘Marsaa Murtii Tokkummaa' jedhamuun moggaafamu qondaalonni eebba kanneen irratti hirmaatan himaniiru.
Oduuma walfakkaatuun WBO miseensota haarawwaa leenjii waraanummaa fi siyaasaa kennaafii ture zoonii bahaatti eebbisiisuun dhagahame.
Oromoon xumura jaarraa 19ffaatti gita bittaa habashootaan koloneeffatamus fincila diddaa garbummaa kaasee hanga qabsoo bilisummmaaf jaarmiyaa tokko jalatti hiriiree lolutti ilmaan qaqqaalii hedduu hiriirsuun aarsaa godhee jira.
Aarsaa ilmaan isaa qaqqaaliin taasisan kana milkiin xumuruuf jajjabeewwan roorroo hin sarmine jaarmiyaan WBO mooraa isaatti fudhachuun leenjii waraanummaa fi siyaasaa kennuufiin diina saba isaanii irraa akka lolaniif bobbaasuu itti fufee jira.
Torbee darbe xumura baatii Adoolessaa keessa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii bahaatti miseensota haaraawwaa leenjii ga'umsaa fi qulqullina qabu ilmaan Oromoo saba isaaniif lubbuu tokkittii kennanii bilisummmaa sabichaa dhugoomsuu barbaadaniif kennuun sirna hoo'aa fi hawwataa ta'een eebbisiisee jira.
Eebba sana irratti ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii bahaa Jaal Hambisaa Seenaa argamuun eebbifamtootaaf haasaa kan taasisan yoo ta'u, hadhaa leenjii dandamachuun ilmaan Oromoo WBO ta'uun garbummaa saba isaanii irraa qolachuuf dhufan jajjabeessuun, haala sabni Oromoo keessa jiruu fi kallattii qabsoon Oromoo irra deemuu qabdu irratti yaada kennanii jiru.
Qabsoon hidhannoo galma bilisummmaa keenyaaf murteessaa dha jechuun fuula durattis gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii bahaa kana keessatti jabaachuun lafa seenaa kana irratti lafee isaan imaanaa goototaa galmaan ni ga'a jechuun ibsaniiru.
Kun kanaan osoo jiruu Baha Oromiyaa Harargee Mi'eessootti WBOn moonaa diinaa cabsee ittii seenuun hedduu fixee 20 ol madoo tolcheera. Akkasumas meeshaa waraanaa hedduu booji'uus odeeffanneera .
Cibraan Odaa Adoolee, Cibraan Laga Dambii fi Birgeediin Gannaalee Siidaa Gurraachaa waloon torbee 2 oliif diina tumaa jiru. Injifannoo gurguddoos gonfataniiru.
Oduuma baha Oromiyaa keessaa osoo hin isin baasiin Godina Harargee bahaa aanaa Malkaa Bal'oo keessatti nyaata daa'immaniif dhufu mootummaan pp gurgurachaa jiraachuun barame.
Murni faashistii PP karaa caasaa fi waraana isaa gargaarsa namoomaa sababoota adda addaan uummataaf dhufu, qamadii, daakuu, zayita, xaa'oo akkasumas nyaata daa'immanii osoo hin hambisin dhoksaan gurgurachuun uummata rakkatee jiru biraan osoo hin ga'in hanqisaa jiraachuun barameera.
Oduun kun kan dhagahame Godina Baha Harargee aanaa Malkaa Bal'oo keessatti nyaata daa'immaniif dhufu caasaan bilxiginnaa aanichaa abbootii gandaa akkasumas warreen dukkaanaa waliin ta'uun gurguranii dantaa ofii isaaniif oolchaa jiraachudha kan barame.
Akka jiraattonni Aanaa Malkaa Bal'oo araddaa Dhagaa Bal'oo Dirree Iliyyee fi Dirree Bal'oo nuuf himanitti nyaanni daa'immanii kaadiroota mootummaan akka malee gurguramuun hawwaasni aanichaa gargaarsa namoomaa dhabuun akka malee rakkataa jiraachuu himaniiru
Mootummaan bilxiginnaa golee oromiyaa hunda keessaatti duulaa jabaa ilmaan oromoo sababa sabboonummaa isaaniif qofi hiraarsee hidhaa jiraachuun barame.
Haala kanaan magaalaa finfinneefii Finfinnee fi Naannawaa Finfinnee keessatti humni waraanaa mootummaapp dargaggoota bakka isaan baay’inaan taa’anii jiran ykn dhaabbatanii argamanitti humnaan ukkaamsuun mana hidhaa impaayerittiitti hiraarasaa jiraachuu maddeen himaniiru.
Keessumaa Mootummaan pp dargaggoota Finfinnee fi naannawaa adda addaatti bakka bashannaaa, bakka buna dhuganii fi manneen Tapha puulii dargaggootni oolan irraa humnaan qabee ukkaamsee gara hin beekamnetti geessaa jiraachuus maddeen FNNtti himaniiru.
Torban dabarsaa jirru kana keessa Finfinnee naannoon gullalleetti fi bakkoota adda addaa tti darggaggoota oromoo sabboontota tahan humnoota waraanaan ukkaamsamanii fudhataman hanga ammaa bakka geeffaman hin beekaman
Haaluma walfakkaatuun lixa oromiyaa Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessatti hidhaan Hagayya 1,2023 Waraanni fi caasaaleen murna faashistii PP qe'ee uummata Oromoo hunda keessatti dararaa hamtuu raawwachuu itti fufanii jiru.
Torban darbee kaasee godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Shimal Tokkee jedhamu keessatti waraanni fPP halkan deemuun namoota nagaa mana keessaa baasanii reebicha erga irraan ga'aniin booda gara mana hidhaatti guuraa jiraachuun maddeen nuuf himaniiru.
Kanaan walqabates onicha keessatti murni kun namoota sadii hidhanii jiru.
Namootni sadan sababa itti hidhaman yeroo jiraattonnii naannoo sanaa ibsan maqaa Waraana Bilisummaa Oromootiin hawaasa dammaqsitanii mootummaa irratti kakaasaa jirtu jedhamuun reebamanii qabamuun hidhamanii dararamaa jiraachuu maddeenirraa odeeffanneera
Namoota sababab kanaan hidhamanii hiraarfamaa jiran keessaa jaarsa waggaa 65 Ibraahim Hassan, ilma isaanii Badhaasaa Ibraahimiifi fi hiriyaa isaanii Kadir Usmaan kanneen jedhaman akka tahe qulqulleeffanneera .Aanaa Cawwaaqaa keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu, ni nyaachiftuu fi waantota garaagaraa ni dhiyeessituuf jedhuun namoota doorsisuu, reebuu fi qabeenya isaanii saamuun jabaatee itti fufuu maddeeniiru.
Oduu biraan Finxaaleyyiin Amaaraa Faannoo jechuun kan of waaman godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuuruu keessatti ilman oromoo hiraarsaafi ajjeesaa jiraachuu dhagahame.
Warreen jiraachuu fi sabboonummaa uummata Oromoo hin jaallanne finxaaleyyiin Amaaraa qaamota nageenyaa mootummaa naanichaatiin deeggaramuun tooftaa koloneeffattootaa fi daandii abbaa isaanii Minilik hordofuun daangaa Oromiyaa seenanii ilmaan Oromoo irratti gochoota gara jabeenyaa fi duguuggaa sanyii saba tokko qofa irratti xiyyeeffate raawwachuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan sababa rakkoo networkiin odeessi bulee nudhaqqabe akka ifoomsutti Godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Amuuruu magaalaa Agamsaa keessatti gaafa Adoolessa 30,2023 nama maqaan isaa Indaashaa Galataa jedhamu humnootni badii finxaaleyyii Amaaraa Faannoo jedhanii of waamaniin ajjeeffamuu jiraattootni himan.
Ajjeechaa kana cinaattis humnootni kunneen manneen jireenyaa barbadeessuu fi qabeenya uummata Oromoo ona Amuuruu saamuun qe'ee Oromoota hedduu diigaa jiraachuu itti fifaniiru
Oduu balaa traafikaatiin Maagaalaa Buraayyuu Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujeetti balaa tiraafikaa har’a mudateen lubbuun namoota 6 darbuun barame
Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujeetti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 6 darbuu Poolisiin magaalichaa beeksiise.
Konkolaataan fe’umsaa Ujommoo ijaarsaa fe’ee Buraayyuurrraa gara Keellatti imalaa ture
Konkolaataa deddeebisa Uummataa Minii Baasii jedhamu Konkolaachisaa fi gargaaraa dabalatee namoota 15 fe’ee Keellaarraa gara Buraayyuu imalaa tureen iddoo addaa Gafarsaa jedhamutti walitti bu’uun lubbuu namoota 6 galaafachuun gabaafameera.
Balaa dheengadda naannoo Sa’aatii 6:00tti mudate kanaan konkolaachisaa fi gargaraa dabalatee lubbuun dhiira 5 fi durba 1 darbuu ibsameera.
Namoota 6 irra miidhaan qaamaa cimaa fi namoota 3 irra ammoo miidhaan qaamaa salphaan qaqqabuunis himameera.
Mootuumman pp tajaajila bu’uraalee misomaa oromiyaa keessatti hirmannaafi xiyyeeffannoo gahaa laatuu dhabuudhaan yeroo hedduu lammiileen nagaa hedduun akka baalaatti harcaafamaa ooluun isaa ummata biratti komii Guddaa kaaseera.
Finfinnee News Network ilmaan oromoo warreen balaa konkolaataan lubbuun isaanii darbee waan lubbuu isaanii haa jannachiisuu jechaa maatii firoottan warra balaa sanaan boqotanii f jajjabina hawwa.
Oduu kana Oromiyaarraa Gamteessaa Sabaa fi Ameerikaa irraa Daani'eel Dibaabaatu gabaase.
Similar posts:
Strategies for OLA Success: Overthrowing Ethiopian Dictators - Unveiling Brutality and Igniting Change
Ethiopian government's aerial attack kills hundreds of Oromo civilians
The Shinniga Oath: Oromo Martyrs' Day
Harassment continued in Oromia| OLF-OLA Leaders Reveal Causes of Failure in Peace Deal