Gen. Tasfaayee Ayyaaleewu eenyu?

Published Nov. 29, 2024, 8:14 p.m. by FNN

2029



Dhaloonni isaa Darraa ta'ee Goojjamee dha.Yeroo OPDO' n galu oppireetara raadiyoo ta'ee Abbaa Duulaa jalatti hojjechaa ture. Yeroo caasaan paartii OPDO fi mootummaa adda bahu oppireetarii raadiyoo OPDO ta'ee ramadame. Yeroo sana Oromiffa dubbisuu fi barreessuu hin beeku ture. Kana booda raadio oppireetarummaa irraa gara ministeera ittisaa damee duulaatti jijjiirame. Yeroo fincilli Oromiyaa cimu si'a tokkotti Koloneel godhamee Lixa Oromiyaatti akka duulchisu ergame. Ajjeechaa bara 2008 ijoollee Aamboo fi Dambiidoollootti reeffa irra haati teessifamte suurri kaafame kan hooggane isa dha. Ajjeechaa inni raawwachiiseef akka oolmaatti Wayyaaneen gara Keeniyaatti, Yugaandaatti, Saawuz Afriikaatti, Saawuuz Sudaanitti, Laayibeeriyaatti yeroo 4 caalaa ergiteetti.Yeroo wayyaaneen ari'amte dafee warra aangootti dhufanitti maxxane. Diina Wayyaanee of-fakkeessee dhiyaate. Birgaadeer Jeneraalii ta'e. Duulli Wayyaanee irratti yeroo jalqabamu akka aafyaa'ii ministeera ittisaatti fi boobbaasaa waraanaa tahee dhiyaatee ibsa kennaa ture. Hooggantoota TPLF hiisisuu fi ajjeesisuu irratti fuuldura buhee waraana gaggeesse. Waggaa tokkotti Meejer Jeneraalii ta'e. Uummata Faannoo Darraa kan gurmeessee hidhachiise isa dha. Amma tessoon isaa Ficheedha jedhu keessa beektoti biyyarraa odeeffannoo nuuf ergan.


Similar posts:

NAGAA BOORESSAA NAGAA LABSUUN AKKAMIIN TA’A?

Diraamaa Bilxiginnaa (PP) fi Dararama Uummata Oromoo

MOOTUMMAA DHALOOTA NYAATU

Ajjeechaa Suukanneessaa Mootummaan Shimalis Abdiisaa fi Abiy Ahmad Raawwachaa Jiran