;

NAGAA BOORESSAA NAGAA LABSUUN AKKAMIIN TA’A?

Published Sept. 2, 2024, 8:59 p.m. by Birhaanuu Hundee

584



PP biratti nagaan maali? Nagaadhumaa beekuu?

Birhaanuu Hundeetiin

Erga namtichi Muummicha Ministeerotaa Bilxiginnaa (PP) jedhamu, Koloneel Abiyyi Ahimad aangootti dhufee kaasee biyyi Itoophiyaa jedhamtu tun akka waliigalaatti, addatti immoo Oromiyaan yeroo nagaa argatan waan jiru natti hin fakkaatu. Ani hamman yaadadhutti, tarii ji’oota muraasaaf yeroo inni arraba isaa damma dibatee (keessi garuu summii dha) waayee nagaa fi dhiifamaa lallabu sana yoo ta’ee ala yeroon nagaan itti mul’ate hin jiru. Seenaa biyyattii sanaa keessatti mul’atee kan hin beekne, badii guddaan kan dalagame fi keessattuu immoo lubbuun ilmaan namootaa lubbuu tiisisaa (tiitisaa) tii gadi kan ta’e bulchinsa nama kanaa jalatti dha.

Jarri silaa nagaa hin beekanii, maaliifan waayee nagaa kaasaa? Dhimmi Oromoo fi waayeen maafiyoota PP kun haa dhiisnu yoo jedhanis nama hin dhiisisu waan ta’eef, dhimma nagaa laalchisee waa jechuun barbaade. Sababni ani dhimma kana yeroo kanatti kaasuu barbaadeef immoo, burjaajii warri Bilxiginnaa uumaa jiranii fi uummata Oromoos gowwoomsuuf yaalaa jirantu obsa na dhoowwe (dhorke). Innis dhihoo kana uummata Oromoo Salaalee dirqiidhaanis haa ta’u burjaajessanii akka hiriira bahanii nagaa yaaman diraamaa hojjechuun PP hedduu nama ajaa’iba. Shirri fi diraamaan isaanii kanatti waan dhaabbatu hin fakkaatu. Waan walfakkaataa Oromiyaa guutuu keessatti godhuuf jiru. Sobaan nagaa afarsuu fi fakkeessuun nagaa waaraa hin fidu. Kutannoo fi murannoodhaan nagaaf hojjechuu feesisa. Dhugumatti nagaatti amanuu barbaachisa. Kuni hunduu PP bira hin jiru, jiraachuus hin danda’u.

Mee erguma PPn aangoo fudhattee kaasnee fakkeenyota tokko tokko akka gaafiitti haa kaasnu.

  • Weellistootni Oromoo kan akka Daadhii Galaan, Haacaaluu Hundeessaa fi kkf nagaa boorasaniitii kan ajjeefaman?
  • Yeroo hidhattootni Sumaalee uummata keenya Oromiyaa Bahaa fi Kibbaa fixaa turan sana, “nurraa dhoowwaa yaa Lammaa, nurraa dhoowwaa yaa Abiyyi…”jedhee bakkee guddoo isaaniif kennee, karaa nagaatiin isaanitti iyyate Haacaaluu hin turree? Haacaaluun dhaamsa kana dabarfate malee waayee nagaa booressu labsee? Maaliif isa ajjeesan ree?
  • Akka isaan jedhanitti, ragaan sobaa isaan irratti dhiheessan jiraachuu malullee Amaanu’el mucaa sabiyyi addabaabaayiitti haala sukkaneessaa ta’een ajjeesuun waan inni nagaa booresseefii laata?
  • Abbaan Seeraa Abdull Jabbaar nagaa booresseetii kan ajjeefame?
  • Hoggantootni ABO karaa nagaatiin qabsaawuuf biyyatti deebi’an, kan akka Jaal Abdii Raggaasaa fi kan biroo nagaa booressaniitii kan mana hidhaatti darbamanii har’allee achi keessatti dararamaa jiran?
  • Mana Qotee Bulaa Oromoo gubanii suuraa biratti ka’anii sooshaal miidiyaa irratti facaasan, uummatni nagaan jiraatu kun waan nagaa booressu hojjeteetii?
  • Namoota mana hidhaatii baasanii rashanuun mallattoo nagaa tii?
  • Meeshaalee gurguddoo fageenya irraa furguggeessuudhaan lubbuu ilmaan namoota qofaa osoo hin taane kan beelladootaallee balleessuun mallattoo nagaa tii?
  • Uummata beela fi dhukkubaan fixuun nagaa barbaaduufii?
  • Jaarsolee kaatanii jalaa bahuuf humna hin qabne fi dubartoota mana wajjin gubuun mallattoo nagaa tii?
  • Gama tokkoon uummata hallayyaarra dhaabanii rasaasaan fixaa, achumatti immoo deebi’anii uummata dirqisanii baasanii nagaa lallabaa jechuun waan waliin deemuu dhaa?
  • Kan dhagahamee fi argamee hin beekne, ilma namaa jiraatti ibiddaan gubuun bulchinsa PP jalattii mitii?
  • Saba tokko sanyii isaa lafarraa duguuguuf, taabota baasanii labsii waraanaa labsanii, faashistummaa dalaguun mallattoo nagaa tii?
  • Dhihoodhuma kana Jaal Battee Urgeessaa haala sukkaneessaa ta’een ajjessun waan inni nagaa booresseefii?

Egaa wantootni armaan olitti akka fakkeenyaa fi gaafiitti dhihaatan kun waanuma ijoo ta’anii fi muraasaa dha malee, akka waliigalaatti waan biyyattii sana keessatti godhamaa jiru Waaqayyo/Rabbi qofaatu beeka. Waan dhala namaatii hin malle godhaa, ofumaaf nagaa booressaa, nagaa lallabuun fakkeessuf malee dhugumatti nagaan barbaadameetii miti. Uummata dararamaa jiruufis nahaniitii miti.

Shirri yaamicha (waamicha) nagaa duuba jiru maali?

Akkuma beekamu fi hubatamu (dhugaan lafarra jirus mul’isu), WBO lolaan injifachuu dadhabnaan, ololaan waan dhabamsiisan isaanitti fakkaatee shira fi diraamaa adda addaa dalagu. Caffee OPDO keessa taa’anii waan nagaa lallabaa oolu; akka waan isaan nagaa barbaadanii fi WBOn dideetti uummata burjaajessuu yaalu. Karaa sanaan dadhabnaan amma immoo mala (shira) biraa uumanii; uummata kaan sobanii, kaan maallaqaaan gowwomsanii, kaan sodaachisanii akka hiriira bahanii nagaa lallaban taasisu. Kun kan godamuuf sababa gurguddoo lamaafi jedheen yaada.

  • Akka waan WBOn yaamicha nagaa didee godhanii uummataan walitti mufachiisuuf yoo danda’ame gargar baasuu barbaadu. Kunoo nuti Caffee keessatti yaamicha goone; uummatis gadi bahee kadhate; garuu WBOn owwaachuu dide jedhanii ololaan qalbii uummataa hawwachuufi. Uummatni garuu isaan caalaa qaroomaa dha. Bakkee/iddoo dhugaan jirtu beeka.
  • Kunoo nuti karaa hundaanuu nagaa yaalaa jirraa; uummatni of ifatee nagaa barbaaduuf gadi bahee iyyachaa jiraa; kan nagaa kana dide WBO waan ta’eef, humni kun shororkeessaa dha jedhanii Addunyaatti dhiheessuudhaafi. WBO irraa fira hiri’suu fi diina itti heddoomsuuf shira ykn/fi diraamaa hojjetamaa jiru dha.

Dhumarratti, wanti hubatamuu qabu garuu, qabsoo haqaa taankiinis, baankiinis, xayyaarri lolaas, Drooniinis humni kamuu dhaabuu hin danda’u. QBOnis ammaaf qormaatni itti baay’atus galii isaa gahuun waan hafuu miti. Injifannoon xumuraa kan uummata bal’aa ti. Kan qabsaa’ota haqaa ti. Oromiyaan ni walaboomti, uummatni Oromoos bilisummaa dhugaa argatee kan nagaan jiraatu fagoo hin ta’u. Nagaa Dhugaatu nagaa waaraa ti. Kan PPn labsitu fi ololtu fakkeessuuf malee isaan bira nagaan hin jiru, hin jiraatus. Waayee nagaa dubbachuufis hamilee hin qaban. Qbsoon ittifufa!!

Fulbaana 2024

 


Similar posts:

Diraamaa Bilxiginnaa (PP) fi Dararama Uummata Oromoo

MOOTUMMAA DHALOOTA NYAATU

Ajjeechaa Suukanneessaa Mootummaan Shimalis Abdiisaa fi Abiy Ahmad Raawwachaa Jiran

MOOTUMMAAN UUMMATA OROMOO AJJEESISAA JIRU, AKKAMITTI MOOTUMMAA OROMOO TA’A?