Puutiin Raashiyaan Awurooppaaf balaa taatee hin beeytu, har’as yaaddoo miti jedhan.
Published May 30, 2026, 1:10 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin himannaa Raashiyaan Awurooppaaf balaadha jedhu kuffisaniiru.
Yaadni pireezidaantichaa kun kan dubbatan haleellaa dirooniin dhiheenna kana Rumaaniyaa keessatti raawwatameen booda Moskoo fi miseensa NATO jidduutti waldhabdee dippilomaasii uume.
Puutiin walgahii yaa’ii Kaazaakistaan irratti haasawa taasisaniin, Raashiyaan biyyoota Awurooppaa doorsiftee ykn haleeluuf karoorfattee hin beeytu, Moskoonis ardii kanaaf balaa akka hin geessisne cimsanii dubbataniiru.
Puutiin akkasumas mootummoonni Awurooppaa baasii waraanaa isaanii guddisuuf jecha itti yaadanii waa’ee Raashiyaa sodaa kaasan jechuun himataniiru, kaffaltoonni gibiraa Moskoo waliin waldhabdee hin barbaachifne maallaqaan gargaaruuf dirqamaniiru jedhan.
Ibsi Puutiin kan bahe; Rumaaniyaan dippilomaatii Raashiyaa tokko erga dirooniin gamoo mana jireennaa magaalaa Galați naannoo daangaa Yukireenitti argamu irratti haleellaa raawwachuun ari'achuu labsitee booda.
Qondaaltonni Rumaaniyaa fi Awurooppaa dirooniin kun sochii waraanaa Raashiyaa waliin hidhata qaba jedhanii kan himan yoo ta’u, Moskoo garuu himannaa kana cimsitee haaltee jirti.
Pireezidaant Puutiin dirooniin kun kan Raashiyaa ta’uu isaa ragaan quubsaa ta’e akka hin jirre ibsuun, qondaaltonni Awurooppaa ragaa qabna jedhan akka gadhiisan gaafataniiru.
Gama biraatiin ammoo waldhabdeen Yukireen keessatti uumame daangaa biyyattiin ala dhiibbaa dhangala’uu danda’u yaaddoo uumuu isaatiin waldhabdeen dippilomaasii Raashiyaa fi NATO jidduu jiru dabalaa dhufeera.
Haalli hin baratamnee fi yaaddessaa Baha Awurooppaa keessatti mul’atu itti fufee jira.
Similar posts:
Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame
Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan
Humnoonni Finciltootaa Raappid Saapporti Foorsis #RSF #Sudaan keessatti yakka duguuggaa sanyii raawwachuun ibsame
ODUU TORBAN KANAA.