GABAASA TAATEE TORBAN KANAA.

Published Aug. 15, 2026, 2:04 p.m. by FNN Staff

192



FNN QOPHII ADDAA TAATEE TORBAN KANA

     GABAASA TAATEE TORBAN KANAA.

 

Akkam jirtu hordoftoota keenya kabajamoo? Qophii keenya taatee torban kanaatiin SIYAASA, NAGEENYA, DIINAGDEE FI TAATEEWWAN BIROO QABANNEE JIRRAA IITI DHIYADHAA.

 

Torban Hagayya 10 irraa kaasee hanga Hagayya 15, 2026tti, Itoophiyaa keessatti dhimmoonni siyaasaa fi nageenyaa kan yeroo kaanii caalaa xiyyeeffannoo guddaa argatanii jiru.

 

Keessumaa, haalli nageenyaa naannoolee Oromiyaa fi Tigraay keessatti hammaachuu, hariiroon mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay gidduu jiru dadhabuu, akkasumas Oromiyaafi Wallaggaa keessatti itti fufinsaan rakkoo nageenyaa jiraachuun torban kana keessa dhimma ijoo ta'aniitii jiru.

 

Gama biraatiin, Marii Biyyaalessaa, dhimma daangaa Finfinnee fi Oromiyaa, rakkoo nageenyaa fi mirga namoomaa, akkasumas sochii siyaasaa gara garaa irratti mariin bal'aan itti fufee jiraachuus kan ilaallu taati.

 

Torban kana keessa odeeffannoowwan Wallaggaa irraa dhufan keessattis, haleellaalee hidhattootaa fi rakkoo nageenyaa irratti yaaddoon jiraachuu jiraattonni dubbachuun dhiimoota ijoo torban kanaati.

 

Har'a gabaasa keenya keessatti, taateewwan torban kana keessaa kanneen ijoo ta'an, akkasumas buqqaatii fi ajjeecha uummata wallaggaa kan Angar Guutee duuba jiru waa'ee Magarsaa Qoraas Goobanaa fi Faannoo Bizaamoo irratti gabaabseen isiniif dhiheessaa na faana turan affeeraa kooti.

 

  1. TIGRAAY: HAALLI NAGEENYAA IRRA DEEBI'EE HAMMAACHAA AKKA JIRU RAGALEEN BA’AN NI AGARSIISAA.

 

Torban kana keessa dhimma Itoophiyaa keessatti xiyyeeffannoo guddaa argate keessaa tokko haala nageenyaa naannoo Tigraay ti.

 

Guyyaa Hagayya 11, gabaasni tokko akka ibsetti, hooggantoonni Tigraay mootummaa federaalaa haleellaa xiyyaara waraanaa ykn dironiin raawwachuu himachuun, naannichatti lolli irra deebiin ka'uun kan beekkamuudha.

 

Haleellaan kun, akka gabaasni Al Jazeera fi Africanews irraa bahaa turetti, naannoo Tigray kibbaa, daangaa naannoo Amaaraa bira jiru keessatti raawwatame jechuuniis gabaaseti jira.

 

Amnesty Internationalis, walitti bu'iinsi naannoo Tigraay keessatti Hagayya 1 irraa eegalee uumamaa jiru, jiraattota nagaa balaa mirga namoomaa irra deebiin mudachuu danda'amuuf saaxiluu akka danda'u akeekkachiiseera.

 

Kunis, Waraana Tigraay waggoota muraasa dura Itoophiyaa keessatti balaa guddaa geessisee ture yaadachiisa.

 

Waraanni sun waliigaltee nagaa Piritoriyaan xumuramee ture.

 

Garuu, torbanoota fi ji'oota darban keessa, hariiroon mootummaa federaalaa, humnoota Tigraay fi Eritire'aa gidduu jiru dadhabaa dhufuu bira darbee haleellaan waraanaa gaggeffamaa jiraachuu gabaasni adda addaa ni mul'isa. Kanaanis wal qabatee mootummaan federaalaa maqaa humnooa raayyaa ittisa biyyaa ijaaruu jedhuun namoota nagaha uukkaamsee gara mooraa leenjii waraanatti guuraa jiraachuun haalaan mul’achaa kan jiruudha. Akka gabaasaaleen ba’an mul’isanitti dargaggoonni hedduun erga gara mooraa waraanatti guuramanii boodalle qarshii guddaa kaffalanii gadhiifamaa akka jiranis beekkameeti jira. Yaaddoo kanaan biyyatti keessatti dargaggoonni ba’anii galuun sodaa guddaa keessa akka jiranillee beekameeti jira.

 

  1. GAMA MARII BIYYOOLESSAA FI GAFFII DAANGAA FINFINNEE YOO ILAALLU,

 

Gama siyaasaan, dhimma torban kana keessa xiyyeeffannoo argate keessaa tokko Marii Biyyaalessaa fi gaaffii haala bulchiinsaa Finfinnee ti.

 

Gabaasni dhiheenya kana bahaa jiru akka ibsutti, dhimma siyaasaa fi seeraa Finfinnee, akkasumas daangaa bulchiinsaa Finfinnee fi Oromiyaa, marii biyyalessaarratti falmii guddaan akka ka’ellee gabaafameetii jira.

 

Akka yaadota hirmaattota irra ka’eetti, Finfinneen magaalaa mootummaa qofa osoo hin taane, seenaa, eenyummaa fi lafa Oromoo waliin walitti hidhata cimaa qabdi waan ta’eef Oromiyaa jalatti deebi’uu qabdiin yaanni jedhu gama hirmaattota sabaan Oromoo ta’anirra yoo ka’u, gama biraatiin garuu faallaa kanaa Finfinneen kan Oromoo mitii, of dandeessee nannoo ta’uu qabdi yaannu jedhu ka’uun falmii guddaa akka uume ragaan argame ni ifoomsa. Kanaanis wal qabatee mootummaan PP keessumaa warra Oromiyaa biratti yaaddoo guddoon akka uummames beekkameeti jira.

 

 

  1. GAMA OROMIYAATTI GAAFA DEEBINU RAKKOON NAGEENYAA ITTI FUFEE JIRAACHUUN BEEKKAMEETI JIRA.

 

Oromiyaa keessatti rakkoon nageenyaa waggoota dheeraaf itti fufee jiraachuun kan beekkamuudha.

 

Keessumaa, lolli mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduu jiru, Ajeechaa Humnoonni Faannoo daangaa iiratti geessisan, akkasumas walitti bu'iinsa gareewwan hidhatanii fi jiraattota gidduutti uumamu, jireenya uummataa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jiraachuun kan beekkamuudha. Kunis buqqaatii, beela, manca’uu qabeenyaa fi kanneen biroof uummata saaxilee jiraachuun kan beekkamuudha.

 

Gabaasni dhaabbata mirga namoomaa Human Rights Watch bara 2026 keessatti baaseen, walitti bu'iinsi hidhannoo naannoo Oromiyaa keessaa itti fufuu fi jiraattonni rakkoo namoomaa keessa jiraachuu ibseetii jira.

 

Torban kana keessas, gabaasni Addis Standard baase, Oromiyaan rakkoo dirqamaan loltoota galchuu ykn namoota humnaan waraana keessatti galchuu irratti haalli dirqiin jiraachuu fi ummanni sodaa nageenyaa guddaa keessa jiraachuu ifoomseti jira.

 

 

  1. MEE HAALA NAGEENYA GODINA WALLAGGAA FI SODAA UUMMATAA YAA ILAALLU.

 

Wallaggaa keessatti rakkoon nageenyaa haaraa miti.

 

Godinoota Wallaggaa Bahaa, Wallaggaa Lixaa fi Horroo Guduruu keessatti waggoota darban keessa haleellaan hidhattootaa, ajjeechaan, saamichi fi buqqaatiin yeroo adda addaatti gabaafamaa turuun kan beekkamuudha.

 

Maddoonni dhimmi ilaallatuu fi miidiyaalee adda addaa irraa bahaa ture rakkoo kana bifa adda addaatiin ibsaatii turanii jiru.

 

Fakkeenyaaf, gabaasni Addis Standard irraa bahe akka mul’isutti, Abee Dongooroo, Angar Guutee, Giddaa Ayyaanaa fi naannawa Horroo Guduruu keessatti haleellaa hidhattoota Finxaaleyyii Faannoo kan mootumma federaalatiin deeggaramuun lubbuu namootaa darbuu, Namoonni hedduun qa’ee isaanii irra buqqa’uu fi Qabeenyi hedduun manca’uu gabaasee jira.

 

KANAAN WALQABATEE MAGARSAA QORAAS GOOBANAA FI FAANNOO BIZAAMOO YAA ILAALLU.

 

Akka gabaasa nu qaqqabeetti, Magarsaa Qoraas Goobanaa Godina Wallaggaa Bahaa, Aanaa Giddaa Ayyaanaa, Ganda Guutee Guddinaa keessatti dhalate kan guddate yoo ta’u, bara 2019 , Waraana Bilisummaa Oromoo naannawa sana keessatti socho'aa turetti makamee ture.

 

Boodarra garuu, haalli isaa jijjiiramee, garee hidhataa maqaa Faannoo Bizaamoo jedhuun beekamu ijaaruu fi leenjisuun Uummata Oromootti boobbaasaa akka jiru ragaaleen argaman ni ifoomsu.

 

Akka gabaasa kanaatti, obboleessi isaa Girmaa Qoraas Goobanaa, Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti bulchaa ganda tokkoo ta'ee hojjechaa akka tures ragaaleen ni mul’isu.

 

Naannawichi daangaa aanaalee hedduu waan tuquuf, sochii waraanaa fi tarsiimoo nageenyaa keessatti bakka murteessaa wan ta’eef, Haaluma kanaan, Magarsaan leenjisaa, Attinkuut Minaalee immoo qindeessaa ta'uun humna hidhataa leenjisanii bobbaasaa akka turan beekkameetii jira.

 

Gareen kun booda gandoota Wallaggaa Bahaa fi Horroo Guduruu keessatti haleellaa raawwachaa, qabeenya saamuu fi jiraattota qe'ee irraa buqqisuu keessatti shoora ol aanaa akka qabanis beekkamee jira. kanaaf taatee torban kana godinoota wallaggaatti ta’aa jiru duubaanis ta’ee kallattin qindeessee kan bobbaasuu jara kana ta’uu ragaaleen argaman ni ifoomsu jechuudha.

 

 

 

 

 

 

5.QOPHII KEENYA ADDAA TAATEE TORBAN KANAATIIN DINAGDEE FI HAWAASUMMAAS ILAALLEE JIRRA NU CAQASAA.

 

Rakkoo siyaasaa fi waraanaa bira darbee, rakkoon diinagdee fi jireenyaa uummataa dhimma guddaa ta’uun kan beekkamuudha.

 

IOM gabaasa Hagayya 14, 2026 baaseen, rakkoo diinagdee, tasgabbii dhabuu nageenyaa fi dhiibbaa haala qilleensaa irraa kan ka'e, godaansi seeraan alaa Itoophiyaa irraa gara fuulduraatti dabalaa deemuu danda'a jedhee akeekkachiiseera.

 

Kunis rakkoon nageenyaa fi rakkoon diinagdee wal irraa adda akka hin cinne agarsiisa. Keessumaa naannoo Oromiyaatti Namni hojii dhabee, qabeenya dhabee fi nageenya dhabee yoo jiraate, gara biyya biraatti godaanuuf dirqama. Inumaayyuu yeroo kanatti ummanni rakkoo diinagdeef saaxilamee waan jiruuf namoonni waan nyatan, waan uffatanii fi bakka jireenyaa waan dhabaniif rakkoo hamaa keessa jiraachuun yeroodha gara yerootti dabala dhufeeti jira.

 

 

  1. XUMURA TAATEE TORBAN KANAATIIN……

 

Torban Hagayya 10 hanga 15, 2026, Itoophiyaa keessatti dhimmoonni ijoo hedduun mul'ataniiru.

 

Tigraay keessatti, lolli irra deebiin ka'uu danda'a jedhuun sodaan dabaleera.

 

Oromiyaa keessatti, rakkoon nageenyaa fi komiin mirga namoomaa itti fufeera.

 

Wallaggaa keessatti, jiraattonni rakkoo nageenyaa fi haleellaa hidhattootaa irratti yaaddoon isaanii dabalee jira.

 

Gama diinagdeen ammoo, rakkoon jireenyaa fi godaansi yaaddoo ta'ee itti fufee jira.

Walumaa galatti haalli oromiya rakkoo nageenyaan wal qabatee ummanni ajjeeffamaa jira, buqqa’aa jira, beelaan miidhamaatii jira. kana hundaa mootummaan biyya bulchaa jiru beekaa callise jechuun jiraattonnis himatanii jiru. Kanaaf rakkoo kanaaf furmaanni waaraan akka barbaachisuus qaamonni dhiimi ilaallatu gafataa akka jiranis beekkamee jira.

Hirdoftoota keenya kabajamoo, qophii keenya har’aaf jenne asirratti goolabnee jirra. Qophii keenya addaa taatee torbanii itti aanuun haga walitti deebinutti turtii gaarii isiniin jenna. Qophii kana qopheessee kan isiniif dhiyeesse an ejersa abdiiti.

 

 


Similar posts:

GABAASA TORBAN KANAA

Dhaabbanni Gargaarsa Kaatoolikii gargaarsa Doolaara Miiliyoona 200fi Miiliyoona 35 ta’u tumsa namoomaa Itoophiyaafi Sudaan keessatti taasisuuf argate

Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame

Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan