Dhaabbanni Gargaarsa Kaatoolikii gargaarsa Doolaara Miiliyoona 200fi Miiliyoona 35 ta’u tumsa namoomaa Itoophiyaafi Sudaan keessatti taasisuuf argate
Published July 16, 2026, 3:45 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Dhaabbanni gargaarsaa Kaatoolikii, Kaatoliik Riliif Serviis (Catholic Relief Services) Ministeera Qonnaa Yuunaayitid Isteetis irraa gargaarsa midhaan nyaataafi deeggarsa nyaata madaalawaa ariifachiisaa hanga doolara miiliyoona 200fi miiliyoona 35 ga’u tumsa namoomaa Itoophiyaafi Sudaan keessatti dhiyeessuuf bifa walii galteetiin argachuu isaa Ministeerri Qonnaa Ameerikaa beeksise.
Walii galteen Adoolessa 14, 2026 ibsame kun, oomishaalee qonnaa Ameerikaatti oomishaman meetrik toonii kuma 100fi kuma 10 ol biyyoota Afriikaa Bahaa lamaan (Itoophiyaa fi Sudaaniif) kan dhiyeessuuf kan oolu yoo ta’u, biyyoota kanneen keessatti sababa waraanaa, buqqa’iinsa namootaafi rakkoolee namoomaa birootiin namoonni miiliyonatti lakkaa’aman ammas hanqina nyaataa hamaan keessatti argamu.
Akka Ministeerri Qonnaa Ameerikaa ibsetti, gargaarsi kun Seera Nyaata Nageenyaa keeyyata lammaffaa jalatti kan eeyyamame yoo ta’u, sagantaa gargaarsaa kan dhaabbanni Kaatoolikii naannichatti kanaan dura qabu “Piroojektii Ariifachiisaa Sudaan” fi “Hojii Raawwii Ariifachiisaa Qindoomina Itoophiyaa” keessa jiraniin hojiirra kan ooludha.
Itti Aantuu Ministiraa Dhimmoota Daldalaa fi Qonna Alaa kan Ministeera Qonnaa Ameerikaa, MichIlle Bekkering, ibsa kennaniin, inishatiiviin kun fedhii gargaarsa namoomaa ariifachiisaa ta’e (Itoophiyaa fi Sudaan keessatti) deebisuu bira darbee, oomishtoota qonnaa Ameerikaa qotee-bulaa isaanii irraa midhaan bituun deeggaruufi dhiyeessii gargaarsaa keessatti to’annoo malaammaltummaafi qisaasama ittisu cimsuuf kan kaayyeffatedha jedhaniiru.
Pireezidaantiifi Hoogganaa Ol’aanaa dhaabbatichaa ‘Catholic Relief Services’ Siin Kallahan, walii galteen kun “yeroo rakkisaa keessatti maatiiwwan Itoophiyaa fi Sudaanitti rakkachaa jiraniif kan dhiyaate” jedhaniiru.
Tajaajila Oduu EWTN (EWTN News) waliin yeroo, Callahan waliin turtii taasise akka jedhanitti, dhaabbanni CRS sirna hordoffii, mirkaneessii fi to’annoo faayinaansii dhiyeessii gargaarsaa dhimma sirriitti akka gahuuf diriireen fayyadamee, midhaan nyaataa gargaarsaa hamma harka namoota qe’ee dhumaa irratti argamanii gahuu isaa ni hordofa. Dabalataanis, dhaabbanni isaanii qondaaltota naannoo waliin dhiyeenyatti qindaa’ee hojjechaa, haala nageenyaa gamaaggamuufi haala deemsa hojii isaa mijeessuu akka jiru eeraniiru.
Walii galteen kun kan dhufe erga sagantaa gargaarsa namoomaa Ameerikaa keessatti erga jijjiiramni guddaan taasifamee boodadha. Gabaasa dhaabbata oduu Kaatoolikiitti (Catholic News Agency), deeggarsi maallaqaa mootummaa federaalaa Ameerikaa irraa argamu erga bulchiinsi Tiraamp bara 2025 keessa hojiilee fayyaafi namoomaa addunyaa kan Dhaabbata Gargaarsa Idil-addunyaa Ameerikaa (USAID) gara Ministeera Alaa Ameerikaatti dabarseen booda baay’ee hira’ateera. Kanaan dura USAID bajata waggaa dhaabbatichaa (CRS) doolara biiliyoona 1.5 keessaa walakkaaa isaa dhiyeessaa ture.
Qondaalli kanaan dura waajjira Sudaaniifi Sudaan Kibbaa hoogganaa turan tokko akka akeekkataniitti, CRS-n akkuma michuu amanamaa hojiirra oolchituu ta’ee kan ittufufi ta’us, hirmaannaan Ameerikaa gargaarsa namoomaa keessatti gadi bu’uun isaa to’annoo dhiyeessii laafisu danda’a.
Iddoo hojiitti dhiyeenyatti argamanii hordoffii gochuuf humni Ameerikaa jiraachuu dhabuun isaa, gargaarsa taasifamu kamiyyuu caalaatti malaammaltummaa, qisaasamaafi dhimma saaxilamummaa akka saaxilu taasisa. keessattuu naannoo waraanaa keessatti. To’annoofi qindoominni deeggarsa hawaasa baay’ee rakkate biraan gahuuf murteessaadha.
Gabaasni ‘Catholic News Agency’ yeroo qophaa’etti, Ministeerri Qonnaa Ameerikaa (USDA) gaaffii deebii dabalataa argachuuf dhiyaateef deebii hin kennine.
Ministeerri Qonnaa Ameerikaa (USDA) gargaarsa nyaataatiin piroojektota misoomaafi namoomaa Itoophiyaa keessa jiran kan deeggaru yeroo jalqabaa miti. Gabaasni Addis Standard Amajjii 2026 irratti baase akka agarsiisutti, ministeerichi tonii meetrikii 183,700 kan ta’u qamadii gosa “hard red winter wheat” jedhamu Sagantaa”Food for Progress” (Nyaata Misoomaaf) jedhuun Itoophiyaafi Keeniyaatti piroojektota qonnaaf dhiyeese ture.
Qondaalli kanaan dura waajjira Sudaanii fi Sudaan Kibbaa hoogganaa turan tokko akka akeekkataniitti, hirmaannaan Ameerikaa gargaarsa namoomaa keessatti gadi bu’uun isaa, to’annoo dhiyeessii laafisu danda’a; ta’us dhaabbanni kun (CRS) ammas akka michuu amanamaatti hojjechaa jira.
Iddoo gargaarsi sun itti raabsamutti hordoffii gochuuf humnoonni Ameerikaa dhiyeenyatti argamuu dhabuun isaanii, gargaarsa taasifamu kamiyyuu caalaatti malaammaltummaa , qisaasamaafi deeggarsa jalaa daddarbuu akka saaxilamu taasisa. keessattuu naannoo waraanaa keessatti. To’annoo fi qindoominni jabaan deeggarsa gargaarsaa hawaasa baay’ee rakkate biraan haala bu’a qabeessa ta’een gahuuf murteessaadha.
Qamadiin Tajaajila Qonna Alaa kan Ministeera Qonnaa Ameerikaa (USDA) tiin bitame kun, dhaabbata misooma idil-addunyaa kanneen kaayyoonsanii wabii nyaataa mirkaneessuu, oomishtummaa qonnaa fooyyessuu fi jireenya hawaasa baadiyyaa babal’isuu irratti xiyyeeffatanii hojjetaniif dhiyaate. Sagaantichi gabaa naannichaa keessatti fayyadama qamadii Ameerikaa jajjabeessuudhaan, michummaa daldalaa yeroo dheeraa cimsuufis kan kaayyeffatedha.
Kanaan dura, Onkololeessa 2024 keessa, Addis Standard akka gabaasetti, Ministeerri Qonnaa Ameerikaa (USDA) Sgantaaa “McGovern-Dole International Food for Education and Child Nutrition” jedhamu jalatti, gargaarsa nyaata manneen barnootaa Itoophiyaa, Baangilaadeesh, Laawos fi Ruwaandaa keessa jiraniif kan oolu doolara miiliyoona 110 Dhaabbata Nyaata Addunyaa (WFP) tiif kennee ture.
hojiin jalqabame kuni waggaa shan fudhatu yoo ta’u, sirna nyaataa, fayyaafi carraa barnootaa daai’mmanii fooyyessuuf kan qophaa’edha. Akkasumas manneen barnootaa 1,600 ol keessatti barattoota dhiyeenyatti kuma 500 ta’aniif faayidamoo ni taasisa. Akkasumas, midhaan gargaarsaa Ameerikaa irraa fidu sana cinaatti, midhaan nyaataa naannichatti oomishamu bituun itti dabalanii fayyadamuufis bajatni qabameera.
Similar posts:
Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame
Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan
Humnoonni Finciltootaa Raappid Saapporti Foorsis #RSF #Sudaan keessatti yakka duguuggaa sanyii raawwachuun ibsame
ODUU TORBAN KANAA.