TUMSA HUMNOOTA KAABAA fi PP

Published May 20, 2026, 10:33 p.m. by Birhaanuu Hundee

9



Gara dhimma ijootti osoo hin seenin dura dubbistoota barreeffama kanaa waa lama hubachiisuun barbaada. Tokko, waayee marii fi tumsa ijaaruu humnoota warra kaabaa ilaalchisee odeeffannoo Miidiyaa hawaasummaarraa argamuun ala wanta qabatamaa ta’e akkan hin qabne garuu waan Miidiyaa adda addaarratti mul’achaa jiru irraa ka’ee yaadan qabu ibsuuf. Lama, wanti ani asitti barreessu kun yaada fi ilaalcha dhuunfaa kootii ti malee jaarmayaas ta’e garee kamiiyyuu bakka bu’ee akkan hin barreessinee dha.

Akkuma miidiyaalee hawaasummaa fi kan dhuunfaa irraa hubatamaa jiru, humnootni kaabaa kan akka TPLF, Faannoo, Eertiraa fi mormitoota biroo kan sirna PP kuffisuu barbaadan Suudaan keessatti marii gaggeessaa akka turani fi tumsa ijaarrachuuf hojiirra akka jiran dhagahama. Dhimma kana ilaalchisee, waan uummata ykn saba Oromootti dhufuu maluf tilmaama tokko tokko ibsuun yaala. Akkuma armaan olitti ibsame, kun yaada dhuunfaa kiyyaa ti. Duraan dursee, mee diinota Oromoo gargar baasee ilaaluun yaala.

DIINNI OROMOO EENYU? HUMNOOTA KAABAA KANA MOO PP DHA?

Diina Oromoo yoo jennu maal jechuu dha? Akkamitti hiikni kennamaaf? Humni kamuu kan keessaas ta’e alaa kan uummata keenya miidhu, hidhu, dararu, ajjeesu, qayee fi lafa isaarraa buqisu, qabeenya isaa saamu, sanyii isaa duguuguu barbaadu hunduu diina Oromoo ti. Alagaas ta’ee firri uummata Oromoo kan gochaalee asitti tarreeffaman kana raawwatu hundi isaaniituu diinota saba kanaa ti. Garaagarummaan isaanii kan alaa ittidhufu fi kan uummata kana keessa taa’ee, maqaa uummata kanaa himatee, fira fakkaatee garuu diinummaa daangaa hin qabne raawwatuu dha. Wanti isaan tokko godhu (kaayyoon waloo – common objective isaanii) garuu qabeenya uummata kanaa saamuu, qirchachuu fi Oromiyaarratti abbaa biyyaa ta’uu hawwuu dha. Erga hanga tokko diinni Oromoo eenyu akka ta’e gabaabinaan ibsame booda mee diinota kana gargar baasnee haa ilaallu.

DIINOTA KAABAA

Diinotni kaabaa ykn humnootni Habashaa kaayyoon isaanii inni guddaan qabeenya Oromiyaa saamuu dha. Faannoon immoo addatti humnoota sanyii Oromuu duguuguuf karoorfatan, kan sirumaa Oromoon biyyi isaa asii miti Madagaskaarii dhufe, lafti Oromoo lafa keenya jedhanii hawwii kana bakkaan gahuuf carraaqanii dha. Isa kana qofaa miti; humnootni kun kan sirna durii dulloomaa sirna Miniliki fi mootota Habashaa deebisanii ijaaruu barbaadanii dha. Isaan kun diinota Oromoo lakkoofsa tokkoffaarratti argamanii dha (number one historical enmies of the Oromoo people/nation).

TPLF diina Oromoo ta’anis garuu kan isaan xiqqoo adda godhu Oromoon biyyi isaa asii miti hin jedhan. Garuu qabeenya Oromoo fi Oromiyaa saamuu barbaadu. Uummatni isaanii (uummatni Tigree) uummata Oromoo wajjin hiree walfakkaataa qabu. TPLF garuu mirga hiree mureeffannaa uummata isaanii mirkaneessuuf osoo hin taane, impaayara Itoophiyaa keessatti olaantummaa qabaatanii uummattoota saamuu dha. Eertiraanis biyya ofdandeesse fi birmadummaa qabdu haa taatu malee, TPLF wajjin kallattiidhaanis ta’e al-kallattiidhaan kaayyoodhuma walfakkaataa qabu.

SIRNA PP

OPDOn kaleessaa fi akka ofiin jedhanitti Paartii Badhaadhinaa (PPn) har’aa maqaa Oromoo himachaa mootummaan keenya mootummaa Oromoo ti haa jedhan malee, isaanis warra diinota Oromoo lakkoofsa tokkoffaa sana irraa adda hin ta’an. Kaayyoon isaanii kan waloos sirna Minilik sana deebisanii ijaaruu dha. Maali amma diina walgodhatanii wal haa fixan malee, hogganaan PP Kolonel Abiyyi Ahimad Faannoo dhaadhessaa hin turree? Faannoon hanga Jigjigaatti deemuu danda’a jechaa hin turree? Aangoorratti waldhaban ta’a malee kaayyoon isaanii tokkuma. OPDOn/PPn tajaajiltoota TPLF kaleessaa kan Nafxanyoota har’aa mitii? Yoom uummata Oromootiif quuqamanii beeku? Kan caalu fi seenaa uummata Oromoo keessatti mul’atee kan hin beekne badiin daangaa hin qabne kan uummata Oromoorra gahaa jiru OPDO/PPdhaanii mitii? Kan haadhaa fi abbaa fuulduratti ilma ajjeesan, intala gudeedan, kan dubartii fi jaarsaafillee naatoo hin qabne humnoota PPtii mitti? Maarree, humnoota kaabaa irraa kan isaan adda taasisu PPn mootummaa ta’e jarri kuun garuu isa kana kuffisuuf walirratti duuluu isaanii qofa dha. Aangoorratti diina walitti ta’u malee kaayyoodhuma tokko qabu jechuun ni danda’ama.

RAKKOON UUMMATA OROMOOTTI DHUFUU MALU MAALI?

Akka waliigalaatti, uummatni Oromoo kan rakkoo keessa gale erga gabrummaa Habashaa jalatti kufee kaasee ti. Haa ta’u malee, rakkoo uummatni keenya bittaa PP jalatti argaa jiru seenaa biyya sanaa keessatti yoomiyyuu argamee kan hin beeknee dha. Oromoon yoo makmaaku, “Osoo udaan dheessuu albaatiirra bu’e” jedha. Rakkoo uummatni keenya har’a sirna PP jalatti argaa jiru hamaa ta’us, humnootni kaabaa addatti immoo Faannoon injifattee Oromiyaa yoo seene badii hanga kana hin jedhamnetu dhufuuf jira. Abbootiin isaanii harkaa fi harma muran; Faannoon garuu injifattee Finfinnee qabattee jennaan, morma muraa Oromootu godhamuuf jira. Yoon akkana jedhu PP wayya jechaa akkan hin jirra hubatamuu qaba. Lamaanuu diinota hamaa dha.

BU’AAN PPN TUMSA HUMNOOTA KAABAA KANARRAA ARAGATTU JIRAA?

Eeyyen, tumsi humnoota kaabaa kun isaan sodaachisus, bu’aa OPDOn/PPn argattu jirachuu mala. Innis yeroofis ta’u warri kaabaa isinitti deebi’uufi jedhanii uummata burjaajessuu fi deeggarsa uummata Oromoo argachuuf carraa kanatti fayyadamuu malu. Yoo PPn lola kana keessatti injifatan, sana booda rakkoo dhuma hin qabne uummata Oromoo irraan gahuu fi Oromiyaas diiguuf carraa guddaatu uumamaaf. Yoo injifataman immoo, akkuma baddaatti ibsame, humnootni kaabaa kun tumsa cimaa uumanii impaayara tana harkatti galfannaan, waan ta’uuf deemu tilmaamuun nama hin dhibu. Egaa, injannoon humnoota hundaatuu kan PPs ta’ee kan humnoota kaabaa Oromoodhaaf balaa guddaa dha.

AS KEESSATTI ABO/WBOn AKKAMITTI LAALAMA?

Mee gara ABO/WBOtti osoo hin dhufin dura, waan tokko jechuun barbaada. Kun ammas ilaalcha fi hubannoo koo ti. Akkuma miidiyaalee gara garaa irraa dhagahamaa jiru, bakkee/iddoo mariin humnoota kaabaa ittigodhame sanatti alaabaan Adda Bilisummaa Oromoo waan mul’ate fakkaata. ABO/WBOnis keessatti hirmaachuu hin oolu jedhanii warri dubbatanis jiru. Namootni muraasni ykn gareen Oromoo tokko alaabaa kana fudhatee achitti argamuus mala. Haa ta’u malee, wanti ifa ta’e hin jiru. ABO/WBOnis waan kanarratti ibsi inni kenne hin jiru. Waan kana hoggansa jaarmayichaatiif dhiisee, mee lola PP fi humnoota kaabaa kana keessatti WBOn akkamitti ilaalmuu mala waan jedhurratti yaada gabaabaa dhiheessuun barbaada.

Carraa gaariin uumamuu malus, garuu lola humnoota kaabaa fi PP kana jidduutti ABO/WBOn miidhamuun isaa waan hafu hin fakkaatu. Gama tokkoon PPn burjaajii fi olola oofuudhaan kunoo ABO/WBOn warra kaabaa kana wajjin tumsa ijaarrachuufi jedhanii uummata Oromoo burjaajessuu fi akka tokkummaan Oromoo hin uumamne godhuuf carraa argatu. Gama biraatiin immoo, warri kaabaa tumsa cimaa uumanii lolaan PP injifatanii gara Oromiyaatti yoo dhufan tokkoffaa WBOn kan PPtti dabalatee humnoota haaraa kanaan lola keessa galuuf deema; miidhamni uumamuu danda’a. Carraa (opportunity) gaariin uumamuuf deemu hoo maali? Burjaajii fi olola PP irra aananuudhaan dargaggoonni baay’inaan gara WBOtti makamuu danda’u. Karaa kanaan immoo humni WBO dabalaa deema jechuu dha. Uummatni Oromoo bal’aanis akkasuma burjaajii PPn gootuun yoo injifatamuu baate, WBOdhaaf kan dur caalaa gargaarsa guddaa godha. Kana milkeessuuf garuu hoggansi ABO/WBO tokkummaa fi ciminaan hojjechuun yoomiyyuu caalaa barbaachisaa dha.

FALLI ykn MALLI OROMOON ITTIN DIINA ISAA DURA DHAABBATU fi INJIFATU MAALI?

Egaa, rakkoo qofaa kaasanii osoo mala/fala/furmaata hin akeekin bira dabruun faayidaa waan hin qabneef, xiqqaattus guddattus furnmaata jedhanii waa lafa kaahuun barbaachisaa dha. Furmaatni maali? Diinota Oromoo kan keessaas ta’ee kan alaa dura dhaabbachuu fi injifachuuf hunda caalaa inni guddaa fi ijoon kaayyoo fi galii tokkotti amananii tokkummaa Oromoo ijaaruu fi cimsuu dha. Projaktiin impaayara diimookraatessuu yeroo baay’ee yaalamee garuu osoo hin milkaahin hafee jira. Kanaafuu, ammas yaada kana qabatanii waan hin milkoofne irratti yeroo, beekumsa, dandeettii fi humna Oromoo balleessuurra kaayyoo tokko irratti waliigaluudhaan abbaa biyyummaa Oromoo mirkaneessuu dha. Akka Oromootti hiree tokko qabna; akka biyyaatti Oromiyaas waliin qabna waan ta’eef, Oromoo fi Oromiyaa badiirraa baraaruuf yoomiyyuu caalaa tokkummaan Oromoo yeroon isaa amma. Tokkummaan keenya humna keenya dha. Injifannoon tokkummaa malee hin dhufu. Oromoon wal malee fira hin qabu. Yoo tokkummaa qabaanne, injifannoon keenya shakkii hin qabu.

Caamsaa 2026  

 

 

  

 

 


Similar posts:

Rising Tensions and Human Rights Concerns in Ethiopia's Abee-Dongoroo and Wollo Regions

Escalating Human Rights Concerns Amid Rising Tensions in Fantaallee and Boosat

Defection of Two Soldiers to Oromo Liberation Army Highlights Growing Discontent within Ethiopian Imperial Forces

Ongoing Struggle for Oromo Freedom: Recent Developments and Challenges