Komishiniin Gamtaa #Awurooppaa waliigaltee daldalaa Israa'el waliin qabu dhabuuf yaada dhiyeesse
Published Sept. 19, 2025, 7:01 a.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Komishiniin gamtaa Awurooppaa yaada daldala bilisaa Israa’el waliin dhaabuu fi ministeerota Israa’el lama irrattis qoqqobbii kaa’uuf yaada dhiheessera, kunis tarkaanfiiwwan hariiroo Israa’elii fi Gamtaa Awurooppaa irratti madaallii guddaa kan bakka bu’u ta'uun ibsame.
Pirezidaantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursuulaa voon deer Leyeen Roobii darbe yaada kan Mana Maree Gamtaa Awurooppaatti erga dhiyeessan booda, ''Taateewwan suukaneessaan guyyaa guyyaan Gaazaatti raawwatamaa jiran dhaabbachuu qabu,'' jedhaniru.
Itti dabaluunis "dhukaasa hatattamaan dhaabuu fi gargaarsi namoomaa danqaa tokko malee Gaazaa dhaqqabuu, booji'amtoota Hamaasii kan qabaman hunda haala duree tokko male gadhiifamuu akka qaban dhaameera"
Tarkaanfiin kun kan fudhatame humnoonni Israa’el magaalaa Gaazaa irratti haleellaa lafoo erga jalqabanii guyyaa tokko booda yoo ta’uu fi qorannoon Gamtaan Mootummootaa gaggeesse Israa’el duguuggaa sanyiitiin yakkamaa ta’uu ishee erga mirkaneessee boodadha.
Similar posts:
Namoonni nagaa mana hidhaa magaalaa Holotaatti dararamaa jiraachuun barame
Hidhaan Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi Xummurame.
Tuurkiin xiyyaarota waraanaa F-16 gara Soomaaliyaa Moqaadishootti bobbaafte
Gatiin boba'aa torbanoota dhufan keessatti sadarkaa ol'aanaa galmeessuu akka danda'u himame!