Balaa Sigiga Lafaa Suudanitti Muuddateen Namoonni hedduun du'an.
Published Sept. 2, 2025, 2:46 p.m. by FNN Staff
Balaa Sigiga Lafaa Suudanitti muuddateen namoonni 1000 ol du'uun beekkame.
Akka midiyaaleen adda addaa ibsanitti Suuudaan Lixaa Naannoo tulluu maarraa jedhamutti balaa sigiga lafaa tasa muuddateen lubbuun namootabkanneennii darbuutu gabaafame.
Balaa hamaan kun kan uummames naannawa Taaraasii jedhamutti yoo ta'u Rooba cimaa Dilbata darbe Roobeen balaan kun kan uummameedha jedhan maddeen.
Jiraattonni naannawa balaa kanaaf saaxilamanii kanaan duras Lola waraana Suudanii fi Humna Dafee dhaqqabaa (RSF)tiin hedduu miidhamuudhaan buqqa'anii gara kaaba daarfuriitti godaanuu isaanii maddeen ibsanii jiru.
Lola kanaaniis wal-qabatee bara 2023 keessa 150,000 ajjeeffamuufi miliyoononni qe'eerraa buqqa'uun kan yaadatamuudha.
Similar posts:
MARII BIYYAALLESSAA FI GAAFFII UUMMATA OROMOO.
GABAASA HAALA NAGEENYAA GODINA WALLAGGAA.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Abee Dongoroo keessatti humni finxaalessi Faannoo guddaan walitti qabamee jiraachuu odeessi maddeen dhaqqabe ni mul’isa.
Tigray: Reeffi Loltoota TPLF 15 Laga Satiit Keessatti Argamuu Gabaafame; Walitti Bu'iinsi Daangaa Hammaachaa Jira