Waltajjii Marii Biyyoolessaarratti karoorri Oromiyaa fiiguuf deemaa jiru akka hubatan hirmaattonni dubbatan.

Published July 17, 2026, 3:28 p.m. by FNN Staff

63



Waltajjii Marii Biyyaalessaa Irraa Akeekni Oromiyaa Diiguu fi Finfinnee Oromiyaa Irraa Adda Kutuu Calaqqisaa Jira" jechuun Hirmaattonni Muraasni Marichaa Ibsan.

 

FNN. Adoolessa 17/2026. Waltajjii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa irratti ajandaaleen ka'an keessaa dhimmi Oromiyaa fi mootummaa magaalattii Finfinnee bal'inaan ka'aa jiraachuun ibsame. Hirmaattonni muraasni yaada isaanii maddoota odeeffannoof kennan akka jedhanitti, mariin adeemsifamaa jiru egeree Itoophiyaa irratti mari'achuu qofa osoo hin taane, dhimma Oromiyaa fi Finfinnee irratti xiyyeeffannaa olaanaa qaba.

Akka maddoonni odeeffannoo kunneen ibsanitti, akeekni fi hawwiin Oromiyaa diiguu fi Finfinnee Oromiyaa irraa adda kutuun baroota dheeraaf diinota uummata Oromoo biratti ka'aa ture, amma immoo Waltajjii Marii Biyyaalessaa irratti bifa ifa ta'een calaqqisaa jira jechuun isaanii dubbataniiru.

Hirmaattonni marichaa keessaa muraasni, ajandaan guddaan bakka marichi itti gaggeeffamaa jirutti ka'aa jiru dhimma Oromiyaa fi Finfinnee ta'uu ibsanii, namoonni hedduun achi irratti argaman waa'ee ijaarsa biyyaafi egeree Itoophiyaa irratti mari'achuuf osoo hin taane, dhimma Oromiyaa fi mootummaa magaalaa Finfinnee irratti yaada isaanii dhiyeessuuf akka dhufan isaanitti fakkaachuu himaniiru.

Akka yaada isaanii keessatti ibsanitti, mariin dhimma Finfinnee irratti taasifamaa jiru mootummaa magaalattii naannoo of danda'etti jijjiiruuf yaalii taasifamaa jiru akka ta'etti ilaalamaa jira. Kunis hirmaattota Oromiyaa irraa dhufan biratti yaaddoo fi mufannaa guddaa uumuu isaanii himaniiru.

Hirmaattonni muraasni Oromiyaa irraa maricharratti hirmaatan akka jedhanitti, miirri isaanii yeroo ammaa gaarii miti. Oromiyaan mootummaa naannoo guddaa biyyattii keessaa tokko ta'uu ishee fi Finfinneen akka mootummaa magaalattii keessa Oromiyaatti mirgi addaa seeraan kennameef jiru kabajamuu qaba jechuun yaada isaanii dhiyeessaniiru.

Kana malees, hirmaattonni kunneen badii guddaan Oromiyaa irratti aggaamamaa jira jechuun isaanii ibsanii, dhimmi kun dhimma siyaasaa qofa osoo hin taane dhimma seenaa, mootummaa fi mirga uummataa ta'uu dubbataniiru. Mariin bifa kanaan gaggeeffamaa jiru nageenya, walitti dhufeenyaa fi tokkummaa uummatoota biyyattii irratti dhiibbaa qabaachuu akka danda'us akeekkachiisaniiru.

Haata'u malee, yaadni kun yaada hirmaattota muraasaa fi maddoota odeeffannoo irraa dhiyaate ta'uu isaa hubachuun barbaachisaadha. Waltajjii Marii Biyyaalessaa fi mootummaa mootummaa Federaalaa irraa dhimma kana irratti ibsi bal'aan yoo kenname, yaadni isaanii qaama biraa irraa

 

 dhaggeeffachuunis barbaachisaa ta'a.

Dhimmi Oromiyaa fi Finfinnee dhimma seenaa fi seeraa walxaxaa ta'ee waan ta'eef, mariin bal'aan fi hirmaachisaan qaamolee dhimmi ilaallatu hunda hirmaachisuun furmaata waaraa fiduuf murteessaa ta'uun isaa ni amanan.


Similar posts:

Kaayyoo fi Akeekni Hiriira Boru PP waamtee maali?

Letenaal Jeneraal Taaddasaa Warradaa Hidhaa Manaa Jala Jiraachuu Maatiin Isaanii Dubbatan.

Ummanni Oromoo Guddichi Gaanfa Afrikaa baga Irreeccha bara 2025 geessaan.

NATOn Raashiyaaf Deebii Kennuuf Adeemsa Ba'amuu Qabu Cimsaa Jira Jedhame.