Yaa'ii #Dhaddacha #Baldhaatti geggeeffamaa jiruun dhimma “#Gabbaraafi #Godaansa seeraan alaa” dabalateemurtiiwwan gurguddoon jaha lallabaman
Published July 21, 2026, 2:51 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN.
Yaa'ii #Dhaddacha #Baldhaatti geggeeffamaa jiruun dhimma “#Gabbaraafi #Godaansa seeraan alaa” dabalateemurtiiwwan gurguddoon jaha lallabaman
Finfinnee, A Yaa'iin Gadaa Sikkoo Mandoo Godina Baalee Bahaa Aanaa Raayituu, Dhaddacha Baldhaatti geggeeffamaa jiruun dhaddachi Baldhaan deebi'ee banamuu hordofee luba Gadaa shanan Dhaddachatti deebisuun murtiiwwan gurguddoo ja'a lallabe.
Murtiwwaan gurguddoon lallabaman kunis, Dhaddachi Baldhaan deebi'ee akka banamu akkasumas dhaddachoota Sikkoo Mandoo hunda deebisuu, fuudhaaf heeruma ilaalchisee gabbarri hafuu akka qabuufi kanneen biroos lallabameera.
Kanamalees, godaansa seeraan alaa ilaalchisee; karaa seeraan alaa dargaggoonni abdii egeree ta'an faddaalaan gowwomfamanii biyyaa bahaa jiran akka hafuufi xiyyeeffannoon irratti hojjatamuu akka qabu ergaan darbe.
Uumanni Oromoo Arsii uummata safuu, safaffannaa aadaafi duudhaa mataa ofi qabu waan ta'een seenaafi eenyumaa isaa ganamaa eeggatee jiraachuu akka qabu lallabamee jira.
Nageenyaan walqabatee; nageenya waaraa lafa qabsisuuf hunduu nagaaf dursaa kennee, Waamichaa abbootii Gadaafi Abbootii Siinqeetti dhagahee garaa nagaatti dhufuu akka qabu lallabameera.
Gama eegumsaa qabeenya uumatiin immoo biqiltoowwaan akka dhabamaniifi kan dhaabaman immoo akka kunuufaman lallabamee jira.
Walumaagalatti Yaa'ii Gadaa Sikkoo Mandoo yeroo amma Baalee Bahaa,Aanaa Raayituutti gaggaeeffame jiru murtiiwwaan gurguddoon Aadaafi Duudha Oromoo cimsan kan dabarsee yoo ta'u murtiwwaan kunneen aadaafi duudha Oromoota Sikkoo Mandoo biratti waggoota saddeetiif kan tajaajiluudha.
Similar posts:
MARII BIYYAALLESSAA FI GAAFFII UUMMATA OROMOO.
GABAASA HAALA NAGEENYAA GODINA WALLAGGAA.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Abee Dongoroo keessatti humni finxaalessi Faannoo guddaan walitti qabamee jiraachuu odeessi maddeen dhaqqabe ni mul’isa.
Tigray: Reeffi Loltoota TPLF 15 Laga Satiit Keessatti Argamuu Gabaafame; Walitti Bu'iinsi Daangaa Hammaachaa Jira