Pirezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Letenaal Jeneraal Taaddasaa Worradaa Mana Hidhaa Hin Beekkamneetti Fudhatamuu isaanii Gabaafame.

Published July 23, 2026, 11:38 a.m. by FNN Staff

32



ODPirezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Letenaal Jeneraal Taaddasaa Worradaa, hidhaa dhaabbii mana isaanii keessa turan irraa gara mana hidhaa iddoo isaa hin beekkamneetti hidhattoota TPLF'n fudhatamuu isaanii madda garaagaraarraa gabaafamaa jira.

Akka odeeffannoon hanga ammaatti argame agarsiisutti, Letenaal Jeneraal Taaddasaa Worradaa yeroo muraasaaf mana isaanii keessatti eegumsa cimaa jala turuun isaanii ni yaadatama. Haata'u malee, amma garuu iddoo isaanii irratti odeeffannoon ifaan mootummaa ykn qaamolee dhimmi ilaallatu irraa hin kenname.

 

Haalli kun mootummaa cehumsaa Naannoo Tigraay keessatti wal-dhabdeen siyaasaa yeroo dheeraaf adeemaa jiru daran hammaachuu isaa kan mul'isu ta'uu mala jechuun mootummaa fi qaamoleen siyaasaa dhimma kana hordofan ibsaa jiru.

 

 Addatti, wal-dhabdeen hooggantoota TPLF gidduutti uumame yeroo ammaa gara tarkaanfiiwwan nageenyaa fi hidhaatti ce'uu isaa irratti yaaddoon guddaan ka'aa jira.

 

Hidhamuun Letenaal Jeneraal Taaddasaa Worradaa nageenya isaanii irratti yaaddoo guddaa uumuu isaa keessaa maatiin isaanii fi namoonni dhimmicha hordofan ibsaa jiru. Haa ta'u malee, qaamni hidhattoota TPLF fi mootummaa federaalaa dhimma kana irratti ibsa mootummaa ifaa hanga ammaatti kennan hin jiru.

 

Dhimmi kun mootummaa cehumsaa Tigraay keessatti walitti bu'iinsi siyaasaa hanga maalitti akka geesse agarsiisuun, qaamoleen mirga namoomaa fi hawaasni mootummaa fi qaamoleen hidhattootaa nageenyaa fi mirga namoomaa isaanii akka kabajan jechuun waamicha isaanii dhiyeessaa jiru.


Similar posts:

ABUT humnoota bulchiinsa Muummee Ministiraa Abiy morman waliin tumsa uumuun murteessaa ta’uu ibse

Yaa'ii #Dhaddacha #Baldhaatti geggeeffamaa jiruun dhimma “#Gabbaraafi #Godaansa seeraan alaa” dabalateemurtiiwwan gurguddoon jaha lallabaman

Kaayyoo fi Akeekni Hiriira Boru PP waamtee maali?

Letenaal Jeneraal Taaddasaa Warradaa Hidhaa Manaa Jala Jiraachuu Maatiin Isaanii Dubbatan.