GABAASA HAALA NAGEENYAA GODINA WALLAGGAA.
Published Aug. 14, 2026, 3:55 p.m. by FNN Staff
FNN.Hagayya 14/2026.
Haalli nageenyaa Godinaalee Wallaggaa keessatti, keessumaa Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa, ammallee yaaddessaa ta’uu gabaasoonni adda addaa ni mul’isu. Rakkoon nageenyaa naannichaa waggoota dheeraaf walitti bu’iinsa hidhattootaa, haleellaa sivilii, butamuu, buqqaatii fi sochii humnoota nageenyaa waliin walqabatee itti fufaa jira.
Haaluma kanaan.
1. Wallagga Bahaa
Wallagga Bahaa keessatti rakkoon nageenyaa yeroo adda addaatti mul’achaa jira. Aanaa Giddaa Ayyaanaa fi naannawa isaa keessatti imaltoonni fi jiraattonni sochii karaa tokko tokko irratti rakkoo nageenyaa akka mudatu gabaasanii jiru. Gabaasota duraanii keessattis namoonni karaa irratti butamuu fi sochiin isaanii daangeffamuu gabaafamee jira.
Gama biraatiin, humnoota hidhatanii fi humnoota mootummaa gidduutti walitti bu’iinsi jiraachuu ilaalchisee gabaasoonni ba’aniiru.
2. Horroo Guduruu Wallaggaa.
Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti rakkoon nageenyaa cimee jiraachuu gabaasoonni bara 2026 ba’an ni agarsiisu.
Adoolessa 2026 keessa, Aanaa Uummuruu, magaalaa Agamsaa keessatti qaamni hidhatanii socho'an haleellaa raawwataniin yoo xiqqaate namoonni 13 ajjeefamuu gabaafameera. Gabaasni kun jiraattota naannichaa waabeffatee akka ibsetti haleellaa sana Finxaaleyyii Faannootiin akka raawwatame Ibsee jira.
Haaluma kanaan, Aanaa Abee Dongoro keessattis waggoota darban keessa haleellaa hidhattootaa fi ajjeechaa sivilii ilaalchisee gabaasoonni hedduun ba’aniiru.
3. Rakkoon nageenyaa Wallaggaa maal irraa dhufa?
Haalli nageenyaa Wallaggaa sababoota hedduu waliin walqabata jechuunis yaada dhiyeessee jira.
Isaanis 1.Walitti bu’iinsa mootummaa fi gareewwan hidhatanii;
2.Sochii gareewwan hidhatanii naannawa baadiyyaa keessatti;
3.Walitti bu’iinsa daangaa fi sabaa;
4.Butamuu fi saamicha;
5.Buqqaatii jiraattotaa;
6.Karaa geejjibaa tokko tokko irratti nageenya dhabuu;
7.Humnoota adda addaa naannicha keessatti socho’an yoo ta'u, Qorannoowwan walabaas rakkoon nageenyaa Wallaggaa Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaa, Qellem Wallaggaa fi Horroo Guduruu keessatti yeroo dheeraaf jiraachuu agarsiisu.
4. Haala namoota nagaa
Miidhaan guddaan rakkoo nageenya kanaa uummata nagaa irra ga’aa jiraachaas ifoomsee jira. Namoonni qe’ee isaanii irraa buqqa’uu, hojii fi barnoota addaan kutuu, akkasumas sochii isaanii daangeffachuun akka muuddate gabaasoonni mirkanaa’an ni mul’isu. Gabaasni Protection Cluster illee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu keessatti rakkoo nageenyaa fi buqqaatii hamaan jiraachuu ibsee ture.
5. Haala waliigalaa
Hanga Hagayya 14, 2026tti, Wallaggaa keessatti haalli nageenyaa hamaan akka muuddates gabaasni Kunneen ifoomsanii jiru. Keessumaa naannolee baadiyyaa fi daangaa naannolee birootti dhihoo ta’an keessatti balaan walitti bu’iinsaa fi jeequmsi ammallee jiraachuu gabaasonni kunneen ifoomsanii jiru
Kanaan wal-qabatees Mootummoonni alaa fi dhaabbileen adda addaa gara Horroo Guduruu, Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaa fi Qellem Wallaggaa keessatti balaa walitti bu’iinsa hidhannoo fi jeequmsaa jiru sababeeffachuun imala irraa of qusachuu ifoomsanii jiru.
XUMURA
Haalli nageenyaa Wallaggaa ammallee xiyyeeffannoo guddaa barbaada. Rakkoon kun garee tokko qofaan ibsamuu kan hin dandeenye yoo ta’u, walitti bu’iinsa hidhatanii, tarkaanfii humnoota mootummaa, butamuu, buqqaatii fi rakkoo nageenya hawaasaa walitti makamuun haala ulfaataa uumee jiraachuus mirkanaa'ee jira.
Similar posts:
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Abee Dongoroo keessatti humni finxaalessi Faannoo guddaan walitti qabamee jiraachuu odeessi maddeen dhaqqabe ni mul’isa.
Tigray: Reeffi Loltoota TPLF 15 Laga Satiit Keessatti Argamuu Gabaafame; Walitti Bu'iinsi Daangaa Hammaachaa Jira
Beeksisa Fnn
Pirezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Letenaal Jeneraal Taaddasaa Worradaa Mana Hidhaa Hin Beekkamneetti Fudhatamuu isaanii Gabaafame.