Oduu Injifannoo WBO fi Duula Imala Gara Finfinnee
Published Dec. 19, 2021, 5:54 p.m. by FNN
DUULA IMALA GARA Finfinnee
Oduu Injifannoo WBO Zoonii Kibbaa
Irreef gaachanni ummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa konyaa Gujii Bahaaaa keessa socho'u Cibraan Odaa Adoola tarkaanfii duula imala gara Finfinnee cimee itti fufee jira.
Guyyaa 17/12/2021 godina Gujii Bahaa aanaa Waadaraa keessatti tarkaanfii woraana garboonfataa PP irratti fudhateen loltuu PP 4 battalatti yoo ajjeesu 8 ammoo madoo dandammii hin qabneen adabee jira.
Haaluma kanaan Cibraan Odaa Adoolaa guyyaa 18/12/2021 aanaa Gooroo Doolaa keessatti waarana PP kan aanaa gooroo doolaa irraa kaatee gara ganda Qaraaroo Sochootu karatti rukutuun loltuu PP 7 battalatti ajjeesuun 11 madeessee facaasuudhan gara aanaatti deebisee jira.
Ammasi itti fufuun guyyuma 18/12/2021 Cibraan Odaa Adoolaa aanaa Waadaraa fi Gooroo Doolaa giddutti ganda Daraaraa keessatti tarkaanfii fudhateen loltuu PP 5 battalatti yoo ajjeesu 6 madeessee jira. Duulli imala gara Finfinnee cimee ka itti fufu ta'a!
Oduu Injifannoo WBO Zoonii Kibbaa
Irreef gaachanni ummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa konyaa Gujii Bahaa Cibraa Odaa Adoolaa tarkaanfii haleellaa fudhachuu ammas itti fufee jira.
Guyyaa 18/12/2021 ammas Cibraan Odaa Adoolaa godina Gujii Bahaa aanaa Adoolaa fi Waadaraa giddutti woraanni PP kallattii hundaa wal guurtee gara tarkaanfii ganamaa meeshaalee gurguddaa baazuqaa fi dishiqaalleen guurrattee deemaa turte irratti galgala kana sa'aatii 10:00 hanga sa'aatii 11:00 tti lola guddaa gaggeesseen loltuu PP 10 battalatti ajjeesee 12 madeessuun guutumaan guututti ari'uudhan bakka isiin irraa dhuftetti deebisee jira.
Gama meeshaatiin kilaashii AKM 2 irraa hiikuun galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromootiif godhee jira. Duulli imala gara Finfinnee itti fufa jechuun dhaadatee jira.
Injifannoo WBO Zoonii Bahaaa Godina harargee Bahaaa Ona Kombolchaa Araddaa Sarkamaa fi Laga Haamaa Gidduutti lola guyyaa har'aa WBO fi tiksitoota imphaayera Ithiyophiyaa gidduutti geggeeffameen WBOn tiksitoota sirna nafxanyaa sakatta'aaf bobbaate hedduu du'aafi madoon adabuu beeksise!
Oduu Injifannoo Muddee 19/2021
Abdii fi Gaachanni Saba Oromoo WBOn Zooni Kibbaa Cibraa Soddom Booroo Muddee 18/2021 humna diina kan lafa Waraanni Bilisummaa Oromoo dhuunfate keesa baafna jechuun humna Godina Gujii Baha Aanaa Liiban Ganda Dhakaa Qallaa keessa sochoote irratti WBOn Cibraa Soddom Booroo tarkaanfi fudhateen diina irraa 7 ajjessuun 8 madoon adabeeraa. Ittuma fufuun ammas humna madoo fuute gara magaala Nageelleetti socho'aa jirtu irrattis tarkaanfi haxxee cimaa fudhachuun 3 ajjeese, madoo 5 irratti dabaluun ari'ee lafaa balleesse jira. Lollii hanga xummura gabrummaatti kan itti fufu ta'aa.
Oduu Injifannoo WBO Zoonii Kibbaa
Oduu injifannoo WBO Zoonii Kibbaa koonyaa Gujii Bahaa Ciibraa Odaa Adoolaa muddee 19/12/2021 Godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaa iddoo addaa Qararruu jedhamuti tarkaanfii fudhateen looltu sirna nafxanye 17 madoon yoo adabuu 12 ajjeese jira.
Haaluma kanaaan ittii fufuun Godina Gujii Bahaa lolaa guyyaa hardhaa keessati marsaa sadii adeemsisen injifannoo bonsaa galmeese jira.
Godina Gujii Bahaa Aanaa Waadaraa gandaa Adaamaa Soodduu jadhamuti ganama hardhaa sa'aati 3:20 irrati lolaa taasiseen injifannoo boonsa galmeese jira.
Bifumaa kanaan wal fakkaatun sa'aatii 7:00 irraati Aanaa Waadaraa ganda Adaamaa Soodduu iddoo addaa magaalaa Soodduu keessati tarkaanfii fudhatee jira.
Ittii fufuun Adaamaa Soodduu irraa baqattee Aanaa Adoolaa keessattii gootichii Waraanaa Bilisummaa Oromoo WBOn haxxee hidhuudhaan sa'aatii 10:30 irrati ganda Zambabaa iddoo addaa Qoroonee jedhamutis heedduu ishee du'aaf madoon adabee jira.
Gootichii Waraanaa Bilisummaa Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa koonyaa Gujii Bahaa guyyaa hardhaa wal duraa dubaan lolaa oleen injifannoo boonsaa galmeesse jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!
ABO/WBO
Similar posts:
Strategies for OLA Success: Overthrowing Ethiopian Dictators - Unveiling Brutality and Igniting Change
ODUU FNN | HAGAYYA 2, 2023
๐๐ข๐ซ๐ ๐จ๐จ๐ง๐ง๐ข ๐๐ฎโ๐ฎ๐ฎ๐ซ๐๐ ๐๐๐ค๐ค๐๐ ๐๐ข ๐๐๐ซ๐จ๐จ ๐๐๐ฆ๐ข๐ญ๐ญ๐ฎ๐ฎ ๐๐๐๐๐ฃ๐๐ฆ๐ฎ๐ฎ ๐๐๐๐ฎ.
Deadly Amhara Attack on Wallo Oromos Sparks Criticism, Oromo Clergy Split from Ethiopian Orthodox Synod