Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)- Amajjii 1, 2022

Published Jan. 4, 2022, 3:39 a.m. by FNN

327



Mootummaan Paartii Bilxiginnaa Haleellaa Diroonii fi Humna Qileensaa kutaalee
Oromiyaa addaa addaa keessatti raawwateen namoota nagaa hedduu ajjeesee kaan

ammoo madeessee jira.

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)- Amajjii 1, 2022

Paartiin Bilxiginnaa Oromiyaa fi guutummaa biyyattii keessatti waraana babal’isuu jabeessee itti fufee
jira. Yeroo ammaa kanatti kutaaleen Oromiyaa waraana irraa walaba ta’an hin jiran. Haaluma kanaan
mootummaan bakkoota gaaraaagaraatti diroonii fi xayyaaraan haleellaa raawwachuudhaan namoota
nagaa baay’inaan ajjeesaa jira. Humnoonni paartiin Bilxiginnaa hidhachiisee bobbaasee fi deggertoonni
isaanii loltoonni Ertiriyaa uummata nagaa qe’ee irraa buqqaasuu fi mana jireenyaa isaanii gubuu itti
fufanii jiru. Kun ammoo haala yaaddessaa irra ga’ee jira.
Guyoota muraasa darban keessatti, humnootni Paartii Bilxiginnaa araddaalee fi magaalota addaa addaa
keessatti haleellaa diroonii fi humna qilleensaa raawwachaa akka turan gabaasaleen nu qaqqabanii jiru.
Kanaanis Godina Shawaa Bahaa naannoo Kaarrayyuu, Harargee (naannoo magaalaa Mi’eessoo fi
Machaaraa), lafa Baddaa fi gammoojji Gindabarat, Salaalee, Meettaa Walqixxee fi Kiiramuun bakkoota
tibbana Paartiin Bilxiginnaan Diroonii fi Humna Qilleensaan haleeleedha.
Gabaasaaleen naannolee kanneenii nu qaqqaban akka mirkaneessanitti haleellaan kun kan
raawwatame naannoo manneen jireenyaa uummataatti waan ta’eef, kan miidhame uummata nagaadha.
Paartii Bilxiginnaa jedhee of dirooniidhaan uummata nagaa haleeluun isaa kun kan jalqabaa osoo hin
taane ammaan duras Walloo fi kutaalee godinaa Wallaggaa addaa addaa keessatti raawwatamee jira.
Paartiin Bilxiginnaa uummatichi waraana isaaa deggeruu waan dideef qofa uummata nagaa dirooniin
haleelee jira.
Haleellaa Diroonii fi Humna Qilleensaa Paartiin Bilxiginnaa naannoo mana jireenyaa fi uummata nagaa
irratti raawwatu kana, ABOn yeroo baaya’ee irra deddeebi’ee balaaleffachaa ture. Bilxiginnaan gocha
isaa kanaan yakka sarbiinsa mirga namummaa raawwacha jira jennee amanna. Waan kana ta’eef ABOn,

hawaasi idil-addunyaa dhimma kana walaba ta’ee akka qoratu gaafata. Akkasumas hawaasi idil-
addunyaa fi mootummoonni addunyaa, Gareen Paartii Bilxiginnaa fi deggertoonni isaa araddaalee fi

magaalota Oromoiyaa uummanni nagaan baay’inaan jiraatutti haleellaa diroonii fi humna qilleensaa akka
hin raawwanneef dhiibbaa akka godhan iyyanna.
Dhumarratti, gaaffiin siyaasaa, wal qixxummaa fi kabajaa mirga dhala namaa Itoophiyaa kallattiin maraan
muddaa jiru kun waraana dhaabuudhaan, marii qaamolee siyaasaa mara hirmaachise
gaggeessuudhaan furama malee haleellaa diroonii fi humna qilleensaatiin gonkumaa hin furamu jennee
amanna.
Injifannoo Uummata bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Amajjii 1, 2022
Finfinnee


Similar posts:

๐Œ๐ข๐ซ๐ ๐จ๐จ๐ง๐ง๐ข ๐๐ฎโ€™๐ฎ๐ฎ๐ซ๐š๐š ๐๐š๐ค๐ค๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐˜๐ž๐ซ๐จ๐จ ๐Š๐š๐ฆ๐ข๐ญ๐ญ๐ฎ๐ฎ ๐Š๐š๐›๐š๐ฃ๐š๐ฆ๐ฎ๐ฎ ๐๐š๐›๐ฎ.

Hayyu-Dureen ABO Jaal Dawud Ibsaa fi Dura-Taa'aan KFO Prof. Marara Guddinaa Bakkabu'oota Mootummaa Ameerikaa Waliin Finfifinneetti walarguun mariyachuu ABOn beeksise

OLF operations & drone attack in Oromia

Oromo Liberation Front (OLF) Press release on drone and aerial attack on civilians in Oromiaโ€“ January 1, 2022