ODUU FNN

Published Oct. 22, 2022, 4:43 a.m. by FNN

597



ODUU
Guyaa har’aa Mootummaan Itoophiyaa lixa shaggar Ona Meettaa Walqixxeetti lola WBO waliin godheen miidhaa isa irra gaheen mufatee ummata nagaa irratti haleellaa qilleensaa raawwatuun dhagahame

Akka maddeen naannicha irraa gabaasaa jiranitti gootichi irree fi gaachena saba Oromoo WBO Zoonii Kaaba Lixa Shaggar ona meettaa walqixxee keessatti lola jabaa humnoota mootummaa waliin taasisuun I njifannoo boonsaa galmeessuu isaa maddeen gabaasuu irratti argamu.
Waraanni Faashistii Mootummaa Lola kana irrattin injifatame Aariidhaan Humna Qilleensaa Xiyyaara nama malee(Drone)tiin  Magaalaa Minaaree rukutuun lammilee hedduu irratti miidhaa akka qaqqabsiise gabaafamuu irratti argama.
Hordoftoota keenya dhimma kana irratti akka odeessi bal’aan nu gaheen kan isiniif dhiheessinu ta’a.


𝐖𝐚𝐥𝐥𝐚𝐠𝐠𝐚 𝐁𝐚𝐡𝐚𝐚 𝐎𝐧𝐚 𝐊𝐢𝐢𝐫𝐚𝐦𝐮𝐮𝐭𝐭𝐢 𝐆𝐚𝐫𝐞𝐞𝐧 𝐅𝐢𝐧𝐱𝐚𝐚𝐥𝐞𝐲𝐲𝐢𝐢 𝐅𝐚𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 Waraana Mootummaa Waliin Sossohan 𝐍𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝟒𝟎 𝐎𝐥 𝐀𝐣𝐣𝐞𝐞𝐬𝐚𝐧

Finxaaleyyiin Amaaraa gareen goolessaa Faannoo jedhaman daangaa Oromiyaa cabsee seenuudhaan Godina Wallagga Bahaa Ona Kiiramuu keessatti haleellaa ummata meesha maleeyyii irratti geggeessan itti fufuun guyyoota afran darban kana keessatti haleellaa gandoota garagaraa irratti raawwataniin yo xiqqaate namoota 40 ol ajjeesuu isaanii maddeen keenya gabaasaniiru. Loon dabalatee horii baay’een kan saamamanii fi manneenii fi qabeenyis kan barbadeeffaman ta’uun hubatameera.

Onkoloolessa 15,2022 qofa humni finxaaleyyii fi goolessituun Faannoo bulchiinsa naannoo Amaaraa irraa hidhannoo guutuun Kiiramuu weeraraan seenan yo xiqqaate Oromoota 30 ol galaafachuu isaanii maddeen kan gabaasan yoo ta’u, ummatnis dhugaa kana mirkaneesseera.
Kanneen ajjeesamaa jiran keessatti jaaroleen ganna 95 olii keessatti argamuu kan gabaasan maddeen, reeffi dhiirota 29 fi dubartii tokkoo argamuu illee ifa godhu.

Onkoloolessa 15,2022 irraa qabee hanga guyyaa har’aatti Ona Kiiramuu gandoota garagaraa keessatti yo xiqqaate namootni 40 ol ta’an lubbuun isaanii darbuu maddeen ifa gochuun, guyyoota Sambataa fi Dilbata qofa gidduutti yo xiqqaate lammiileen Oromoo 10,000 caalan qe’ee isaanii irraa akka buqqa’an addeessan. Kanuma faanas horiin gaafaa 5,000 caalan saamamuunis ibsameera.

Keessumaa gareen shororkeessaa Faannoo Ona Kiiramuu gandoota Caffee Soorumaa, Burqaa Soorumaa, Nachinoo, Burqaa Dandaa, Guddina Jireenyaa fi kanneen biroo keessatti lammiilee Oromoo nagaan qe’ee isaanii irra jiraatan irratti waraana geggeessaniin namoota hedduu ajjeesuu isaanii maddeen keenya gabaasaniiru; maanguddootni umriin isaanii 85 fi 90 gidduu baay’een akka ajjeesamanis ibsameera.

Odeessi ummata irraa argame akka hubachiisutti humni shororkeessaa Faannoo kallattii gara Bahaa Ona Kiiramuu fi Amuruu bakkoota akka Liiban, Caffee Guddinaa, Gurraan Angooyyee, Caraanaa, Gulufa, Abbinee akkasumas kallattii biraan ammoo lafoota akka Booqaa, Woddeessaa fi Gommoola jedhaman faatti haleellaa akka raawwatanii ummata irraan miidhaa guddaa dhaqqabsiisanii jiran. Gandoota kana keessatti reeffi namoota 14 olii yoo argamu, kanneen bakki buuteen isaanii dhabames hedduu ta’uun gabaasameera.

Ganda Guddinaa Jireenyaa keessatti bulchaa gandaa Taaddasaa Ayyaanaa jedhamu dabalatee abbootii amantaa fi maanguddoota waggaa 80 dabalatee namootni torba akka ajjeefaman ibsameera. 

Kana malees, naannoo Darrabbaa jedhamu keessaa walitti fufiinsaan guyyoota shaniif qabeenyi ummataa humna finxaaleyyii Amaaraa Faannoo kanaan saamamuu maddeen gabaasaniiru. Weerarri ummata kana irratti deemsisamu ammallee iddoo adda addaatti itti fufee jiraachuun bal’inaan gabaasamaa jira.

Walumaagala Godina Wallagga Bahaa Ona Kiiramuu fi naannoo sana keessatti duguuggaa sanyii humni finxaaleyyii fi shororkeessaa Faannoo fi hidhattootni mootummaa gamtaan ummata Oromoo meesha-maleeyyii irratti geggeessaa jiraniin, Oromootni dhibbootaan lakka’aman lubbuun isaanii darbaa kan jiru yoo ta’u, kumoota kudhanootaan qe’ee ofii irraa buqqa’aniiru. Qabeenyi tilmaamuun hin danda’amne yoo saamamu, manneen dabalatee gariin barbadeeffamaniiru. 

Walumaagalatti Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti duguuggaa sanyiitu garee finxaaleyyii Faannoo fi waraana goolessaa Bilxiginnaan ummata Oromoo irratti geggeessamaa jira. 

Duguuggaa kana dhaabsisuu fi ummata balaa ulfaataa irra bu’ee jiru kana dhaqqabuu fi dandamachiisuuf ammallee dirmatnaan lammii kan keessaa fi alaa akkaan barbaachisaa ta’uu walyaadachiisna.

Maqaan lammiilee Oromoo aanaa Kiiramuutti Shororkeessitoota Amaaraa Faannoon ajjeefaman hagi tokko akka kanaa gadiiti:

Lak. Maqaa Umurii Saala Yaada
1 Ragasa Gonfa 80 Dhi  
2 Tolera Dhugasa 80 Dhi  
3 Fantu Hulluqaa   Dha Maanguddoo
4 Mallasuu Nagarii   Dha  
5 Hawwinee Gammadaa   Dha  
6 Kachuu Nagarii   Dhi
Barattuu Kutaa 8
7 Jamaaraa Dassalaa   Dhi Barattuu kutaa 7
8 Ayyaantuu Dassalee   Dha Barattuu kutaa 8
9 Margaa Barii   Dhi Abbaa maatii
10 Mulgeetaa Abtaamuu   Dhi Abbaa maatii
11 Garramuu Margaa   Dhi Qeerroo
12 Dhugaasaa Dhufeeraa 73 Dhi  
13 Tarikee Hirkoo      
14 Disoo Gabul   Dha
Kan iji hin argine
15 Nagaraa Abdiisaa 80 Dhi Abbaa maatii
16 Tasfaayee Morkaa   Dhi Qeerroo
17 Silashii Balayi   Dhi Abbaa maatii
18 Beenyaa Margaa   Dhi Abbaa maatii

 

 

Hidhattoonni Mootummaa abbaa irree Abiy Ahmadiin durfamu miseensa tuuta Gadaa Michillee Karrayyuu Booruu Roobaa ajjeesuun dhagahame.

Abbaa Gadaa Ajeesuun safuu Oromoo cabsuun kan beekkamu Sirni nama nyaataa Itoophiyaa kun Onkoloolessa 16/2022 Miseensansa tuuta Gadaa  Michillee Karrayyuu kan ta’an  Boruu Roobaa ke’ee isaaniitti rasaasa humnoota hidhatanii mootummaadhaan naannichatti bobbaafamaniin ajjeefamuu odeessaleen bahaa jiran ni Mirkaneessu.
Hidhattoonni mootummaa kunneen “guyyaa Sanbata duraa [Onkolooleessa 15] ganama naannoo sa’aatii afurii gara iddoo mana jireenyaa Booruu Roobaa bakka addaa Boommisaa ganda Xuxxuuxii keessatti argamu akka dhufan ibsu jiraattonni. Sanaan booda mana jireenya isaanitii humnaan fuudhanii baasanii ajjeesan akka ajjeesan midiyaaleen adda addaa gabaasaniiru. Iddoon itti ajjeesan manasaarraa baay’ee fagoo mitii kan jedhan maddeen, Akka taa’u erga ajajanii booda achiitti utuu namni argu sammuusaarra rasaasaan rukutanii akka ajjeesan namoonni ijaan argan ni dubbatu. Innis battaluma sana du’e,” jedha jiraataan naannichaa maqaan isaa akka hin eeramne gaafata Addis standerd waliin turtii taasisan. Nani addis satanderd dubbise akka jedhetti erga Boruu Roobaa ajjeesanii booda  Obboleessaa fi Obboleettii isaa fi namoota biro lama ukkaamsanii fudhatanii akka gara mooraa waraanaa naannoo san ganda Gidaaraa keessatti argamutti akka geessan namni kun dubbatee jira.
Gamtaan humnoota nageenyaa mootummaa kan humna addaa Oromiyaa, raayyaa ittisa biyyaa fi milishaa of keessatti qabu gandoota Gidaaraa, Xuxxuuxii fi Tooroo Baddannoo keessa socho’aa jirachuu jiraattonni ni himu. 
Akka isaan jedhanitti gandoota kanneen keessatti manneen jireenyaa gubataniiru, loonii fi qabeenyi saamameera, namoonni maanguddoo dabalatee dhaanamaniiru.
Humnoonni mootummaa kana dura Abbaa Gadaa dabalatee tuuta Gadaa Karraayyuu fi gaggeessitoota hawaasa biroo sirna Waaqa kadhannaarra turan guyyaa Muddee 1, 2021 naannoodhuma ammaa kanatti haala sukaneessa ta’een ajjeesuunsaa ni yaadatama.
Mootummaan jalqaba ajjeechaa kana kan raawwate hidhattoota WBO ta’uu himullee, booda Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ”ajjeechaa jumlaa” kana kan raawwate humnoota nageenyaa mootummaa akka ta’an ”ragaan amansiisaan ni mul’isa” jechuun gabaasuun ni yaadatama

 

Mariin nageenyaa itoophiyaa fi Humnoota Tigray gidduutti hooggansa  Gamtaa Afrikaan geggeeffamuu Onkololessa 24tti siquun ibsame

Gorsaan Muummicha Ministeeraa Redwaan Huseen, “Koomishiniin Gamtaa Afrikaa mariin nageenyaa Onkololessa 24 Afrikaa Kibbaatti akka taasifamuuf murteessusaa nu beeksisee jira,” jechuun ibsan.
Yaaliiwwan dhaabbanni ardichaa marii nageenyaa Kaaba Afrikaatti qindeessuuf torbanoota lamaan darban keessa taasise keessaa inni kuni isa lammaaffaa ta’uun beekkamadha.
Xalayaa Onkololessa 01 Pirezidaantii Mootummaa Naannno Tigraay Dr. Dabra Tsiyoon Gabramikaa’eeliif ergameen “marii nageenyaa” Onkololessa 8, 2022 irraa eegalee godhamuuf murameetti akka hirmaatu affeeramee ture. Mootummaan naannoo Tigraayii fi mootummaan Federaalaa Itoophiyaa affeericha fudhatuun isaanii ni yaadatama.
Haata’uu malee, oduun haaraa sababa rakkina loojistikiitiin maricha gochuun hin danda’amne jedhu himamee akka tures ni yaadatama.
Battaluma “gaggeessaa adeemsa marii nageenyaa” lamaan keessaa tokko kan ta’e pirezidaantiin Keeniyaa duraa Uhuuruu Keeniyaataan haala caaseeffamaa fi adeemsa marichaarratti ibsi dabalataa akka laatamuuf gaafachuun maricharratti argamuu akka hin dandeenye ibseen, adeemsifamuun marichaa shakkii keessa galu himu namoonni dhimmicha itti dhiheenyaan hordofaa jiran.
Obbo Reedwaan Huseen akka jedhetti, mootummaan Feederaalaa “hirmaachuudhaaf murannoo akka qabu irra deebi’ee ibseera jechuun addeessan.
Gamtaan Afrikaa garuu  haala adeemsa marichaarratti ibsa bal’aa hin laanne jechuun addis satanderd gabaaseera.

 

 

Koreen Fannoo Diimaa Idil-addunyaa Itoophiyaa Horroo Guduruu Wallaggaatti namoota qe’ee isaanii irraa buqqa’aniif meeshaalee manaa raabse

Koreen Fannoo Diimaa Idil-addunyaa Itoophiyaa, torban darbe meeshaalee manaa barbaachisoo ta’an maatii 3,310 (Namoota 16,550) magaalaa Shaambuu qubataniif raabsuu beeksise.

 Deeggarsi kun, lixa Oromiyaa, godina Horroo Guduruu Wallaggaa, aanaa Jaardagaa Jaartee fi Amuruu gandoota 14 irraa buqqa’aniif kan raabsame ta’uun ibsameera.
Yeroo adda addaatti hidhattoota finxaaleyyii naannoo amaaraa Faannoo jedhamuun lola lammilee Oromoo irratti raawwataniin lammileen  Oromoo hedduun onoota kanneen irraa buqqa’anii akka jiranyeroo adda addaa gabaasuun keenya ni yaadatama.


Dhaabbati Mirga Namaa Hiiwuman Raaytis Waach Itiyoophiyaa Irra Uggurri Meeshaa Waraanaa Akka Kaa’amu Gaafate
Dhaabbati Mirga Namaa Hiiwuman Raaytis Waach wal waraansi hamaan Tigraay keessatte hammaatee ennaa jiru kanatti siivilootaaf eegumsa gochuuf jecha Itiyophiyaa irra uggurri meeshaa waraanaa akka kaa’amu gaafatee jira.
Haleellaan sun himamee kan hin dhumne lubbuu namoota nagaa baduuf sababaa ta’eera jedha ibsi kun. Kanneen keessaas hojjettoonni gargaarsaa midhaan ennaa dhiyeessan qabeenyaa mancaasuu fi uummanni hedduun qe’ee irraa buqqa’uu dhaqqabsiisee jira jechu dhaan dhaabbaticha mirga namaatti daayriketerri naannoo latiishiyaa Baader ibsa kennaniin beeksisaniiru.
Itiyoophiyaan michuu ishee Eertraa qofa utuu hin taane, walitti bu’iinsa sana keessatti amala agarsiisteef uggurri sadarkaa addunyaa irra kaa’amuun barbaachisaa jedhan Baader.
Yunaayitid Isteetis, gamtaa Awrooppaa akkasumas golli naga eegumsaa uggura barbaachisu kan meeshaa waraanaa dabalatee siiviloota balaa irraa eeguuf waan barbaachise mara fayyadmuu qau jedha ibsi Human Rights Watch kun.
Maqaa faayidaa siyaasaatiin kana booda dararaan namoota nagaa Itiyoophiyaa keessaa callisee bira darbamuu hin qabu jedhan.


Magaalaan Koram to’annoo humnoota Tigiraay jala akka jirtu qondaaloonni TPLF himan

 
Qondaalli olaanaa TPLF Pirofeesar Kindayyaa Gabra-hiwoot, magaalichi ammayyu to’annoo isaanii jala akka jirtu dubbatan.

Mootummaan Itoophiyaa garuu Kibxata darbe akka beeksisetti, magaalaa Koram dabalatee magaalota akka Shiree fi Allaamaaxaa qabanneerra jechuun isa ani yaadatama.

 ‘’mootummaan Koram to’adheera jechuun dhara,’’kan jedhan Pirofeesar Kindayyaan,"humnoota keenyatu ammallee Koram jira," jechuun naannoo magaalichatti dhiyaatutti garuu lolli cimaan gaggeeffamaa jiraachuu BBc Afaan Tigree waliin Roobii darbe turtii taasisaniin ibsanii turan.
Humnoonni Tigiraay Wixata darbe ibsa baasaniin Shireen humnoota mootummaa federaalaatiin to’atamuu ibsanii turan.

Barreessaa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereez, waraannii Itoophiyaa keessatti deemaa jiru yaddeessaa ta’uu eeruun, waraana  kana durayyuu namooota miliyoona 13 naannolee Tigraay, Amaaraa fi Affaaritti deeggarsa namoomatu barbachisa ture jedhan.
Gartuuwwan wal-waraanuutti jiran deeggarsa namoomaatti danqaa ta’uu akka hin qabne gorsan.
Guutereez kana dubbachuu  isaanii guyyaa tokko dura toora tiwitarasaanirratti haallii Itoophiyaa keessa jiru sadarkaa yaaddeessarra gahe jedhanii turan.
Qaamoleen wal waraanan saffisaan marii akka eegalan Guutereez  akeekkachisaa turan.
Jenevaatti bakka bu’aan Itoophiyaa ibsa kaleessa baasaniin, Komishiiniin Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii du’a namoota nagaa ilaalchisuun ibsa baasan qeequun, waraanni Itoophiyaa namoota nagaaf eegumsa taasisa jedhanii haalan.

 


Similar posts:

Oduu tarkaanfii waranaa WBO

Erga ABUT waliigaltee mallatteessee TDF ni hiikkataa?

Cuunfa Injifannoo WBO

WBOn magaalota guguddaa seenuu jalqabe | Bilxiginnaan H Lixaa aanaa Habrootti qeerro guuraa jiraachuutu dhagahame