Cuunfa Injifannoo WBO

Published July 16, 2022, 5:12 a.m. by FNN

544



Tarkaanfii Adoolessa 15,2022 ganama barii eegaleen godina lixa Wallaggaa ona Mana Sibuu fi Qilxu Kaarraa gidduu gandaa Rigaa Sachii jedhamtu irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen 35 ajjeesee 15 madeessee jira.

Gama meeshaatiin qawwee 30, konkolaataa 3f lama fi rasaasa bireenii 1000 irraa booji'uun galii taasisanii jiru.

Magaalaa Gimbii keessattis mooraa lama kanneen akka mooraa tolchaa daandii guddaa keessaa ari'anii baasuun qawwee AKM 50 dugda ishee irraa hiikanii jiru.

Waraanni bilxiginnaa magaalaa Gimbii mooraa Caancoo fi hoteela Charuutti walitti qabamtee kan jirtu yoo ta'u waraanni ishee 112 du'anii 76 madaa'uu odeessi maddeen waraanaa keessaa nu qaqqabe ni ifoomsa.

Magaalaa Gimbiin alatti onoota akka Laaloo Assaabii fi Gullisoo keessatti tarkaanfii laalessaa fudhachuun tiksitoota barcuma Abiy Ahimed biyyee nyaachisanii jiru.

Tarkaanfii godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo fi naannoo isheetti fudhatameenis waraana weerartoota bilxiginnaa 50, qawwee AKM hedduu, Bireena 2 fi rasaasa AKM fi PKM hedduu irraa dhuunfachuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Lola humnoota waloo gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo fi adda bilisa baasaa uummata Gambeelaa waliin ta'uun magaalaa Gambeelaatti fudhataniin weerartuu PP 300 ajjeesuun 150 madeessee jira.

Gama meeshaan Bireena 2, afaan bireenaa 5, rasaasa AKm 5000, hidhannoo hedduu fi boombii harkaa 50 ol irraa hiikuun galii taasisee jira.


Similar posts:

Oduu tarkaanfii waranaa WBO

ODUU FNN

WBOn magaalota guguddaa seenuu jalqabe | Bilxiginnaan H Lixaa aanaa Habrootti qeerro guuraa jiraachuutu dhagahame

Cuunfaa Oduu Injifannoo WBO Zoonii Kibbaa Konyaa Gujii Bahaa