Cuunfaa Oduu Injifannoo WBO Zoonii Kibbaa Konyaa Gujii Bahaa

Published June 8, 2022, 4:30 a.m. by FNN

655



Cuunfaa Oduu Injifannoo WBO Zoonii Kibbaa Konyaa Gujii Bahaa

Cibraa Odaa Adoolaa 

 

Guyyaa Waxabajjii 6, 2022

Abdii fi  wonteen ummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa Konyaa Gujii Bahaa keessaa socho'u Cibraan Odaa Adoolaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Daraara iddoo addaa Hara Galmaatti lola cimaa woraana PP irratti gaggeessee fi humna birmannaa aanaa irraa dhuftu dabalatee tarkaanfii cimtuu yeroo dheeraf fudhateen loltu PP 12 battalumatti du'aan yoo gaggeessu 8 ammoo madeessuun ari'ee bakka irraa dhuftetti  galchee jira. 

 

Akkasumas cibraan Odaa Adoolaa aanaa Waadara magaalaa Waadaraa halkan seenuun tarkaanfii fudhateen loltu PP 6 battalatti yoo ajjeesu 4 ol  madeesse jira. 

 

Ammas guyyuma kana cibraan Odaa Adoolaa aanaa Adoolaa Reeddee ganda  Abulloo iddoo addaa Sangoota jedhamuttis tarkaanfii woraana PP irratti fudhateen loltu PP 8 battalatti ajjeesuun 7 ammoo madeessuun bakka hundattuu injifannoo boonsaa galmeessee jira. 



Waxabajjii 6/2022 

Cibraan Soddom Booroo Weerartuu PP irratti dhukaasa Jajjabaa banuun daara botoroo godheera!

 

Abdiif Gaachanni Uummata Oromoo WOBn Zooni Kibbaa Cibraa Soddom Booroo Godina Gujii Bahaa Aanaa Gumii Eeldalloo Ganda Malkaa Gubaa bakka Addaa Garba Dhakaagurraacha jedhamutti Weerartuu Waraana Bilxiginnaa kan Maqaa sakatta'iinsa jedhuun bobbaate irratti dhukaasa Jajjabaa banuun Ganama sa'aati 03:00 irra hanga sa'aati 05:00tti lola taasiseen bakakkaa itti buuse hedduu duhaaf madoon burkuteessuun madoo isii hedduun hospitaala Yaabeellion yo bahu hanga ganama hari'atti du'aa isii kaafachuuf yaalii godhaa yoo jirtu lolli guyyaa lammafaa Waxabajjii 7, 2022 reeffa kaafachuuf dhufite ganama barraaqaa irraa kan eegale hanga sa'aa boodaa itti fufee oolee jira. Bali'ina isaa walitti deebuna.

IUOf!


Similar posts:

Oduu tarkaanfii waranaa WBO

ODUU FNN

Cuunfa Injifannoo WBO

WBOn magaalota guguddaa seenuu jalqabe | Bilxiginnaan H Lixaa aanaa Habrootti qeerro guuraa jiraachuutu dhagahame