Oduu tarkaanfii waranaa WBO

Published May 19, 2023, 6:25 p.m. by FNN

6203



Gootichii waraannii bilisummaa Oromoo zoonii lixa keessa socho'uu mooraa diinaa buqqisuun godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessa aanoota afur dhuunfaachu fi bakkeewwan garagaarati tarkaanfii fudhaacha jiraachu beeksise .

Irree fi abdiin ummaata Oromoo waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii waraana faashistii Abiyii Ahmed irraatti fudhaatu itti fufuun ,waraannii bilisummaa Oromoo zoonii lixa keessa socho'uu Caamsaa 17 fi 18 ,2023 godina Horroo Wallagga keessatti tarkaanfii mooraa diinaa irraattii fudhaaten meeshaale waraana morteera dabalatee hedduu hiikuun waraana murniicha hedduu ajjeessuu ,madoon adabuu fi fayyaatti boojii'uun hanga gabaasni kun qindaa'eetti aanoota afur dhuunfachuu beksiise jira
aanootiin arfan to'aanno waraana Bilisummaa Oromoo jela jiran,aanaa Abaaboo Guduruu magaala Daduu , Kombolcha ,Commaan Guduruu fi Abbayyii Commaan gooticha waraana Bilisummaa Oromootin to'ataamun aanootiin kun irree gootichaatin bilisummaa isaanii labsaatanii jiru.

Dabalataaniis Tarkaanfii gootichii waraannii bilisummaa Oromoo Waraana faashistii irraatti fudhaatamu itti fufuun godina baha Wallagga aanaa Sassiigaa ganda Loomicaa bakka adda Walloo jedhamutti kaleessa Caamsaa 18,2023 sa'a waaree irraa egaale hanga galgaalati lolaa geggeeffamen humna diinaa irraa 72 ol ajjeessun ,40 madoo adabuu fi fayyaatti Afur booji'ee jira .
Gama meeshaatin shugguxii  turkii 12 , boombii harkaa 22 ,hidhaannoo , rasaasa kilaashii fi dishqa hedduu dugda diinaa irraa hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromootif galii godhee jira.
Haaluma  kanaan Lola dirree lolaa Harka guddaa zooni giddu galeessaa keessatti taasifameen) WBOn of ittisuu bira darbee, Humna waldubbii ofii cimsachuufu tarkaanfii dinqisiisaa fudhateera, fakkeenyaaf Haleellaa magaala #Bishooftuu Buufata Polisii qaxanaa sadaffaa (Dirree Jiituu) irratti taasiseen, Humna waraana 7 fi tika sirnichaa   3 sirnaan adabuu beeksiseera 

Lola haga kanaa irraa, Rasaasa haga mortarii, Radiyoo lolaa haga Gisaasaa, koddaa bishaanii haga Konkolaatota Waraanaa, Meeshaalee 21,315 hiikkateera. 
  
Oduu biraan Godina wllaggaa  bahaa  anoolee tokko tokko keessatti    humnootni  finxaaleyyiin  Amaaraa  halleellaa  bananiin  ilmaan oromoo Ajjeesaa jiraachhuun  dhagahame ,
Waallagga bahaa  Aaanaa  kiiramuu, H/G/W/  aanaa Amuuruu fi jaartee jaardagaa  gandoota  baadiyyaa  keessatti    humnootni faannoo Amaaraa  ofiin jedhan   ilmaan oromoo sababa oromoo tahaniif qaofaan  ajjeefamaa jiraachuun dhagahameera 
Haaluma  kanaan   goodina  horroo Guduruu wallagaaa aanaa Amuuruutti    Ganda conkortti kan dhalatee guddatee  darggaggoo Gaaddisaa Abarraa , achuma naannoo sanatti erga barnoota isaa xummureen booda Motoraafi baajaajii ofuun nama ofiif maatiisaa jiraachisaa ture humnoota  badii faannoo jedhamuun ajjeefameera
Dargaggoo  Gaaddisaaan   Erga waggoota muraasaa asii garuu hojii mechanics kan hojjeetuufi yeroo dhiyoo asittimmoo haala nageenya naannoo sanaarraa kan ka'e gara Godina wallaggaa bahaa Magaalaa Arjootti dhufuun kan hojjeeta jiru yoo ta'u, tibbana haatii manaa isaa da'umsa Jala waan geesseef ilaaluuf gara Magaalaa amuruu deemee akka ture  maatiin isaanii ergaa  barreeffamaan  kan nuuf ergan yoo . Ta'u  garuu turtii muraasaa booda qaama faannoo jedhee of waamuufi Oromoo balleessuuf qofa ijaarameen gaafa guyyaa 17/5/2023  naannoo  agamsaaf amuruu jedhamuu   gidduutti haala suukkanneessaa ta’een  ajjeefamuun dhagahameera .
 Gaaddisaan nama hojii hogummaa kana hojjechuun ofiif maatiisaa jiraachisudhaan halatti waan isa ajjeesisu hin goone ture. Qaamni Faannoo ofiin jechuun hojiisaa idilee kallattumaan oromoo balleessuu taasifate kun baroota lama(2) asitti achuma Amuru, Agamsa, Jaartee,Kiiramuufi Guttin dabalatee bakkoota hedduutti Oromoo kuma dhibbaan lakaaaman buqqaasuun kaanis ajjeesee kaan ammoo mana hidhaaatti dararaa jira
Oduuma walfakkaatuun Shaggar Lixaa aanaalee Midaa Qanyii fi Amboo gandoota adda addaa keessatti namoonni nagaan humnoota waraanaa mootummaatiin ajjeefamaa jiraachuun beekame.
Lolli  WBO fi waraana mootummaa gidduutti deemaa jirraachuun wal qabatee waraanni mootummaa tarkaanfii waraanni Bilisummaa Oromoo irratti fudhataa jiruun kan rifaatuu keessa seene ummata nagaa ajjeesuun aarii bahaa akka jiru jiraattotni naannichaa ni dubbatu.
Akka jiraattotni naannoo lolli Waraana Bilisummaa Oromoo fi waraana mootummaa gidduutti adeemaa jiran jedhanitti waraanni pp erga haleellaa cimaa waraanni Bilisummaa Oromoo irratti fudhatee jalaa baqachuun  ol deebi’anii Namoonni nagaa  ajjeesaa jiru.
Akka odeessi nu qaqqabe ifoomsutti namoota waraanni mootummaa ajjeese baay’inni isaanii shank an tahan  qe’ee isaanii keessatti kan ajjeefaman yoo tahu 4 immoo madaawanii waldhaansa argachaa akka jiran maddeen nuuf himaniiru.
Waraanni mootummaa erga WBO waliin araaraaf Taanzaniyaa odola Zaanzibaritti taa’ee booda duula hamaa Oromiyaa keessatti baneen bakkoota hedduutti namoota nagaa ajjeesaa fi hidhaatti guuraa jira.
Shawaa Bahaa Liiban Cuqqaalaatti Caasaan Bilxiginnaa qabeenya qonnaan bultoota mancaasuun dhaga'ame.
Godina Shawaa Bahaa Ona Liiban Cuqqaalaa ganda  Googoo bakka Naggaa Alamaayyoo jedhamutti caasaan mootummaa paartii Bilxiginnaa qabeenya nama Obbo Huseen Abdukadiir jedhamu jala barbadeessu maddeen  FNN tti himan. 
Obbo Huseen waggaa Afur dura ganda Googootti galun hojii qonnaa irratti bobba'uun hojjechaa jiru kan jedhan maddeen keenya, caasaan Mootummaa paartii Bilxiginnaa naannicha kashalaboota qindeessun qabeenya isaanii jala mancaasan jedhu.
Bakka WBO'n keessa socho'uutti caasaan Bilxiginnaa maqaa WBO gurracheesuuf yeroo adda addatti hojii daba uummata irratti hojjechuun WBOfi uummata walitti buusuf yaaluus kan hin milkoofne ta'un beekamadha.
Waraanni mootummaa paartii Bilxiginnaa Oromiyaa keessatti ilman Oromoo oromummaan yakkuun ajjeessu jabeesse itti fufee jira. 
Haala kanaan  Godina Matakkal, Ona Dibaaxii ganda Qorqaa jedhamutti Waraanni Bilxiginnaa nama Obbo Waaqtolee Hayiluu jedhamu badii tokko malee rasaasaan reebanii ajjeesu maddeen FNN tti himan.
Oduma Walfakkaatun Godina Harargee Lixa Ona Xuulloo araddaa tarkaanfataa ganda Waleensuu jedhamutti waraanni murni biltsiginnaa  kan maqaa  Milishaa jedhanii  uummata hiraarsaaniin  nama maqaan isaa  mishaa Muusii Muusaa Giingee jedhamu nama Yaasin Amadoo jedhamu osoo inni maasii qonnaa isaa keessa hojii hojjetu rasaasaan rukkute ajjeesu maddeen nutti himan.
Obbo Yaasin fudhanni abbaa ijoollee Shanii yoo ta'an siyaasa keessa qooda kan hin qabne ta'u  odeeffateera.
 Ittuma fufuun Godina Shawaa Kaaba Ona Warra Jaarsoo ganda Lattuu Walargii jedhamutti caamsaa 18,2023 Waraanni murna Bilxiginnaa manguddoo biyya Obbo Abbayyoo Margee jedhaman badii tokko malee rasaasaa laman rukkutanii ajjeessu maddeen  nuuf himan.
Obbo Abbayyoon abbaa maatii 7 yoo ta'an hojii qonnaa irratti bobba'uun maatii isaanii jiraachiifacha turan, jedhu maddeen .
Bifuma  walfakkaatuun  Dargaggoo hawwaasaa irratti  dhageettiifi jaallattummaa guddaa qabuufi kan nama  bohaarsuun  beekamu   dargaaggoon  Taarikuu Dhaabaa guyyaa kaleessaa taorbanuma kana keessa  magaalaa Buraayyuu keessatti haala hamaan reebamuun qaroo ija  isaa haala yaaddessaa keessa jiraachuun  dhagameerara .
Yeroo ammaa kana qaroon ykn Iji dargaggoo Taarikuun immimmaan dhiigaan makame booyaa akka jiru   karaa toora miidiyaa haawasaa kanaraan nanneeffamaa jiraachun baramera 
.Buraayyuu keessatti ilmi namaa akka deebi'ee hin jiraannetti iji isaa hin arginetti humnoota mootummaan badii tokko malee reebamaa jiru.
Oduu  xumuraan Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa  Giddugaleessaa Konyaa Sulultaa Galma Waaqeffannaa Tulluu Buubaa magaalaa Caancootti argamuutti  gaafa  caamsaa 16  2023halkan sa'aati 3:00-4:00  humnootni nageenya  mootummaa pp itti ol   seenuun Waaqeffattoota sagantaa Waaqeffannaa irraa baay'inaan 17 ta'an hidhuun  dhagahame . Kana malees qabeenya Galmaa sanadootafi Galmeewwaan dabalatee saamanii deemuun dhagaheera 
Namootni  sirna waaqeeffannaarra jiran  humnoota mootumaa  pp ukkamfafamanifi  dureewwaa amantaa waaqeffannafi miseensota  isaa keessa  
1.Jabeessaa Badhaasaa gaggeessaa Kutaa Odiitiifi Too'annoo Galmichaa
2. Tasfaayee Kabbadaa 
3. Kaasuu Baqqalaa ... 4. Abarraa Asaffaafii  . 
5. Bilisummaa Getaachoo yoo  ta’an  miseensota waldichaa keessaa ammo 
6. Masfin Addunyaa ... miseensa
7. Addeessaa Axinaafuu miseensa
8. Darajjee Margaa 
9. Asheetee Hinsarmuu 
10. Galaanaa Kabbadaa
11. Dassuu Olaanaa 
12. Guutaa Kabbee 
13 Wabii Fullaasaa 
14. Feenet Fullaasaa 
15. Waanofii Fullaasaa 
16. Gammachuu Axinaafuu  
17. Balaachoo Fullaasaa miseensa yoo tahan 
Kana malees Taappeellaa akeektuu fi agarsiiftuu Galmaa; qixa mul'atu kanaan kanneen jibba amantichaa qabanifi miidhaan kun akka dhaqqabu taasisaniin cabsani diinummaa isaan uummata oromoo irratti  agarsiisaniiru.


Similar posts:

ODUU FNN

Cuunfa Injifannoo WBO

WBOn magaalota guguddaa seenuu jalqabe | Bilxiginnaan H Lixaa aanaa Habrootti qeerro guuraa jiraachuutu dhagahame

Cuunfaa Oduu Injifannoo WBO Zoonii Kibbaa Konyaa Gujii Bahaa