MOOTUMMAAN UUMMATA OROMOO AJJEESISAA JIRU, AKKAMITTI MOOTUMMAA OROMOO TA’A?

Published Oct. 31, 2023, 6:55 p.m. by Birhaanuu Hundee

1121



Gaafatamni mootummaa tokkoo maali?

Gaafatamni mootummaan biyya tokkoo qabu keessaa inni ijoon nagaa fi nageenya uummata biyya sanaa eeguu fi eegsisuu dha. Karaa siyaasaa fi diimookraasiitiin yoo ilaalame immoo, mootummaan uummataa yoo uummata biyya sanaatiin karaa diimookraasii fi haqaatiin uummataan filatame dha. Egaa, mootummaan gabaabinaan akkanatti yoo ibsamu, mootummaan PP akkuma waliigalaattuu mootummaa uummataa ti jechuun ni danda’amaa? Mootummaan kun karaa diimookrassii fi haqa ta’een kan filatamee dhaa? Nagaa fi nageenya uummatchiaa eggaa fi eegsisaa jiraa? Deebii gaafiilee kanaa dubbistootaaf dhiisee, mee gara mata duree barreeffama kanaatti deebi’ee, waanan hubadhe tokko tokko ibsuun yaala.

Mootummaan PP ykn Badhaadhinaa ofiin jedhu mootummaa Oromoo ti jedhanii dhaadhessu. Addunyaallee afaanfaajjessuu yaalu. Haa ta’u malee, mee wanti mootummaa Oromoo ti isa jechisiisu maali? Aangoo siyaasaa fi dhaabbatoota (institutions) mootummaa keessatti iddoo/bakkee furtuu ta’an kan qabate OPDO waan ta’eef jedhamuu mala. Mee gara mootummaa Oromoo kan jedhamutti osoo hin dhufne, dura jaarmayaadhuma OPDO jedhamu kana haa ilaallu; asirraa haa calqabnu. OPDOn calqabumarraa kaasee kan ijaarame diinaani. Jaarmayaa uummataa, kan kaayyoo fi mul’ata qabu; kan fedhii biyyoolessaa Oromootiif dursa kennu fi dhimmamu; kan qabsaa’ota haqaatiin uumame osoo hin taane, fedhii diinaa guutuuf; tooftaa fi tarsiimoo diinaa milkeessuuf; wanti hin dagatamne immoo Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)tti gufuu ta’uuf kan hundeeffamee dha.

Jaarmayaa maqaa Oromootiin ijaaramee, garuu diinaaf ykn alagaadhaaf addatti Wayyaanotaaf tajaajila kennaa kan ture; waggoota 27 ol Oromiyaa keessatti bakkabu’aa Wayyeenee ta’ee qabeenya Oromoo fi Oromiyaa saamaa fi saamsisaa kan ture dha yoo jedhame dhara hin ta’u. Asirratti wanti hubatamuu qabu, jaarmayaa kana keessa ilmaan Oromoo kan quuqama saba Oromoo qaban hin turre jechuun hin danda’amu. Dhiibbaa diinaa dandamatanii, uummata kanaaf waa hojjechuu kan yaalan akka turan hin haalamu. Haa ta’u malee, OPDOn akka dhaabaatti jaarmayaa walaba ta’ee, dhiibbaa alagaatii ala murtii mataa isaa godhatu, kan mul’ata qabu, kan kaayyoo sabaa qabu, kan uummata Oromootiif quuqamu, kan uummata kana bakka bu’ee uummata kanaaf hojjetu hin turre. Kuni olola osoo hin taane, kan seenaan ragaa bahu dha.

Galatni ilmaan Oromoo, kan sochii Qeerroo fi Qarree keessatti wareegamaniif haa ta’uu, wareegama ulfaataa fi qabsoo hadhooftuu ijoolleen Oromoo kaffalaniin bara 2018 OPDOdhaaf carraan uumamee; warri OPDO sochii Qeerroo fi Qarree kanas butanii (hijacking the movement), aangoo olaanaa dhuunfatan. Aanga’ootni OPDO tokko tokko gooftaan keenya uummata Oromoo ti jechuudhaan uummata kana gowwoomsuu fi burjaajessuu eegalan. OPDOn akka waan ofhaaromsee, jaarmayaa uummataa ta’ee tokkootti of dhaadhessuudhaan maqaa Wayyaaneen baafteefillee gatanii ODPtti (Oromo Democratic Party)tti jijjiirratan. Sabboonaa Sabboontuu fi akkasumas ilmaan Abbaa Gadaa jedhanii walyaamuu fi ofdhaadhessuu calqaban. Osoo baay’ee hin turin, maqaa Oromoo sanallee gatanii Paartii Badhaadhina moggaafatan. Fakkeessuuf ta’us maqaa Oromoo himachaa turanillee, wanti Oromoo jedhu asirratti dhumate. Badhaadhinni isaan labsanis badhaadhina uummataa fi sabaa osoo hin taane badhaadina namoota dhuunfaa fi garee muraasaa akka ta’e ragaalee hedduutu jiru.

Bara 2018 booda, OPDOn maqaa Oromoo ofirraa gatee Paartii Badhaadhinaa (PP) moggaafachuu qofaatti osoo hin hafin, hoggantootni jaarmayaa kanaa suuta suuta diinummaa uummata Oromootiif qaban agarsiisuu calqaban. Mootummaa PP jalatti, waan ta’an ykn gochaalee tokko tokko yaadachuuf.

  • OROMARA uumanii gooftolee isaanii haaraa (Nafxanyoota) gammachiisuuf jecha, seenaa Oromoo fakkeenyaaf waayee Aanolee fi Calanqoo faa xureessanii dubbachuu eegalan;

  • Naannoo Amaaraa deemanii Sabboonummaa Oromoo xiqqeessuu fi sadarkaa gandaatti gadibuusanii olola irratti oofuu calqaban.

  • Sababa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) dhabamsiisuutiin Naannolee Orommiyaa tokko tokko keessatti Komaandi Poostii ijaaranii, ergasii uummata Oromoo dararaa jiru.

  • Hidhattotni PP, WBO balleessuuf Oromiyaa keessan deeman, manaa fi qabeenya Oromoo ibiddaan gubanii barbadeessanii, manoota gubachaa jiran biratti suuraa ka’anii miidiyaa hawaasaa irratti maxxansanii akka gootummaatti agarsiisan.

  • Gama tokkoon ilmaan Abbaa Gadaa jechaa, Abbootii Gadaa Karrayyuu jumlaadhaan bakkee/iddoo tokkootti rashansiisan.

  • Haacaaluu Hundeessaa, kan Araat Kiilootti situ aana jedhe isaan onnachiisee aangootti akka dhufan isaan taasise, ajjeesisan.

  • Osoo uummatni Oromoo Boorana keessatti beelaan akka baala mukaa harca’aa jiruu,isaaniif gargaarsa gochuu dhiisanii Birrii miliyoonota Naannoo Amaaraatiif gumaachan. Gumaachi sun ijaarsa Faannoo keessatti gahee hin taphannee?

  • Jaarmayoota Oromoo kan uummataaf dhaabbatani fi uummatnis isaan jaalatu kan akka ABO fi KFO waajjiraalee isaanii cufanii,miseensota fi deeggartoota isaanii mana hidhaatti guuranii hojii ala taasisan. Hidhamtootni kun harki caalaan har’allee mana hidhaa akka jiran himama.

  • Hoggantoota ABO olaanoo kan karaa nagaatiin qabsoofna jedhanii biyyatti deebi’an mana hidhaatti naqanii,isaan kun har’allee mana hidhaa keessatti darararamaa jiru.

  •  Diinummaa uummata Oromoof qaban osoo hin dhoksin, uummata kana lafarraa duguuguuf akka karoorfatan ifaa ifatti dubbatan. Waan hogganaan PPFiqaaduu tasammaa jedhamu WBO balleessuuf akka fakkeenyaatti “Qurxummii balleessuuf, galaana gogsuu dha” jedhee dubbate olola osso hin taane ragaa qabatamaa dha. Qurxummiin WBO yoo ta’u, galaanni uummata Oromoo ti.
  • Humni finxaaleyyii Amaaraa “Faannoo” jedhamu, yeroo daangaa Oromiyaa dabree uummata keenya kaan fixee, kaan qayee isaaniirraa buqqisu; yeroo qabeenya uummata Oromoo kaan saamee kaan barbadeessu uummata kanaaf hin mirmanne (dirmanne).

  • Yeroo humni finxaaleyyii kun lola isaanirratti banu fi aangoo OPDOtiif sodaachisaa ta’u garuu, gargaarsa uummata Oromoo barbaadanii ijoollee Oromoo meeqa waraana kana keessatti ficcisiisan.

  • Sababa WBO gargaartu ykn deeggartu jedhuun guyyaa guyyadhaan dargaggootni Oromoo manaa baafamanii haala sukkaneessaa ta’een ajjeefamaa jiru. Meeqatu mana hidhaatti guuramaas jiru, achi keessaa illee baafamanii rashanamaa jiru.

  • Umriin isaaniillee kan baay’ee ijoollee ta’an dabalatee dubartoota meeqatu gudeedamaa turan ammas itti jiru.Maanguddoota meeqatu qayee isaaniirratti kabaja dhabanii, salphachaa fi kana birallee dabre ajjeefamaa jiru.

  • Loltootni PP, WBO lolaan fuuldura dhaabbachuu dadhabanii,yeroo ofduuba deebi’aa jiran meeshaalee gurguddoo fageenyarraa dhukaasuudhaan ykn furguggeessuudhaan uummata nagaa fixaa jiru; qabeenyas barbadeessaa jiru. Qurxummii balleessuuf,…. kan jedhame fi akka imaammataatti lafa kaawame sun hojiirra oolaa jira jechuu dha.

Wantootni armaan olitti tarreeffaman kun kan muraasa fi ijoo ta’anii dha malee, dararama uummatni Oromoo keessa jiru hangam akka ta’e uummata kanaa fi Waaqayyoo/Rabbi qofaatu arga beekas. Kuni olola osoo hin taane, waan lafarratti mul’ate ykn mul’achaa jiruu dha. Egaa, isa kanaa Mootummaa Oromoo ti kan jedhamu?

Wanti Mootummaa Oromoo jedhamu kun balaa akkamii qaba?

Mootummaan PP mootummaa Oromoo ti jedhamee dhaadheffamuun isaa kun (akkuma armaan olitti ibsame fi fakkeenyotni garga garaa tarreeffaman) dhara ta’uu qofaa osoo hin taane, balaa hedduus qaba. Balaan inni qabu maali?

Namootni Oromoo ta’an ykn uummata Oromoo keessaa bahn mootummaa kana keessatti aangoo fi taayitaa olaanoo qabaataniif mootummaan kun kan Oromoo ti jedhamuu hin danda’u. Akka nam-tokkeettis ta’ee akka gareetti ykn akka jaarmayaatti aangoo fi taayitaa adda addaa qabaataniifis yeroon ykn dabareen kan Oromoo ti wanti jedhamus dhugaa hin ta’u. Karaa biraatiin immoo, namootni ykn gareeleen muraasa ta’an karaadhuma kamiinuu (hojjetaniis, saamaniis, hataniis, fi kkf) haa ta’uu duroomuun ykn badhaadhuun isaanii akka uummatni Oromoo bu’aa argateetti ilaalamuu gonkumaa hin danda’u. Balaan inni qabu garuu Saboota fi Sablammoota akkasumas hawaasota Addunyaa burjaajessuu fi akka isaan uummata Oromoo karaa hin taaneen hubatan taasisuu dha. Miidhaa dhimmi kun fidu kan akka laayyootti laalamuu miti. Gabaabaadhumatti, uummata Oromootti diina horuu dha malee faayidaa hin qabu.

Akkuma armaan olitti tuqame, namootni ykn gareeleen uummata Oromoo keessaa bahan waan aangoo olaanoo qabaniif; mootummaa PP kana keessatti dhaabbatoota (institutions) furtuu ta’an keessatti Oromoon tokko tokko aangoo waan qabuuf; kana wajjin walqabatee, mootummaa Oromoo ti jedhanii dhaadhessuun, hawaasotni Addunyaa burjaajii keessa galanii; dharri dhugaa ittifakkaatee; dhimma Oromoo fi gaafii saba kanaa kan haqa ta’e akka hin hubanne waan taasisuuf, kunis uummata keenyaaf balaa dha. Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBO)n akka deeggarsa hin arganne taasisa. Qabsaa’otni dhugaa kan mirgaa fi gaafii uummata Oromootiif falmatanis akka dagataman taasisa. Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n kan dirqamee lola kana keessa seene, kan abbaa biyyummaa fi hiree murteeffannaa Oromootiif lolaa jiru, mootummaan PP akka shororkeessaatti waan labseef, Sabaa fi Sab-lammootni Impaayara Itoophiyaa keessa jiranis ta’ee hawaasoni Addunyaa waan kana akka sirrii ta’etti dogoggoraan hubachuu danda’u.

Barreeffama kana xumuruuf, akkan hubachaa turee fi ammas itti jirutti, akka dhugaan lafarra jirus agarsiisutti fi ragaaleen adda addaa mirkaneessanitti, osoo uummatni keenya beelaan, dhukkubaan, waraanaan dhumaa jiruu; mootummaan PP kun mootummaa Oromoo ti jechuun gonkumaa dhugaa hin ta’u, hin fakkaatus. Wanti guddaan tokko kan dagatamuu hin qabne, seenaa biyyattii Itoophiyaa jedhamtu tana keessatti uummatni Oromoo akka uummataattis ta’ee walumaagalatti akka sabaatti, yoomiyyuu caalaa kan arrabsame, abaarame fi salphate waggoota shanan jahan dabran kana keessatti. Dhumaatiin hanag kana hin jedhamnellee kan irra gahe waggootuma jahan kana keessatti. Kuni hunduu kan ta’e fi ta’aas jiru immoo mootummaa PP, kan ani Mootummaa Oromoo ti ofiin jedhu fi/ykn deeggartootni isaa jedhaniin kana keessatti. Egaa mee ofis, walis haa gaafannu: Isa kanaa Mootummaan Oromoo? Waan inni Oromoo godhaa turee fi jiru malee, mee wanti inni Oromoof godhe fakkeenyi takkallee dhihaachuu danda’aa?

Wanti nama gaddisiisu, namootni QBO keessatti umrii isaanii fixan, kan OPDO illee balaaleffachaa fi akka diinaatti ilaalaa turan, har’a sababa kamiinuu haa ta’uu, OPDO wajjin michoomanii, darara uummata keenya osoo arganuu callisanii bu’aa fi fedhii dhuunfaa isaaniitiif diina wajjin hojjechuun hedduu nama gaddisiisa. Seenaa keessatti illee isaan gaafachiisa. Kan nama dinqu, namoota akkanaa kanatu mootummaa PP akka inni mootummaa Oromoo ta’eetti dhaadhessu. Bilisoomnee jirra, jaalattanis jibbitanis mootummaan kun mootummaa OPDO ti; kana booda qabsoon Oromoo xumuramee jira jedhanii warri haasa’aa turanillee hin hirraanfatamnee bar. Kana hundatu walitti dabalamee, mootummaa diina Oromoo ta’e kana, akka waan mootummaa Oromoo ta’eetti himamaa fi burjaajii uumaa jira.

Qabsoon ittifufa! Dararamni, beelli, fi ajjeechaan baay’atus guyyaa uummatni Oromoo kana hundaa hobbaafatus hinuma dhufa. Qabsoon haqaa akka injifattus shakkiin hin jiru.

Injifannoon xumuraa kan uummata Oromoo ti!!!

Onkoloolessa bara 2023.


Similar posts:

MOOTUMMAA DHALOOTA NYAATU

Ajjeechaa Suukanneessaa Mootummaan Shimalis Abdiisaa fi Abiy Ahmad Raawwachaa Jiran

Dararri Baha Oromiyaatti Hammaate Jedhu Uummanni

Sabboontota fi diina Oromoo