Hooggantootni Orthodoksii Itiyoophiyaa mootummaan isaan deggeruu diduu isaa mormuun hookkara kaasuuf yaalaa jiru

Published Feb. 2, 2023, 5:49 a.m. by FNN

346



 

Erga hooggantootni Amantaa Orthodoksii Oromiyaa hooggansa haaraa gaafa Amajjii 22, 2023 uumanii kaasee Orthodoksiin Itiyoophiyaa hookkara cimaa keessa seenee jira. Abbootiin Amantaa Orthodoksii Oromiyaa baroota dheeraatiif qabsoo keessoo gochaa erga turaniin booda ji'a darbe labsii baasuun phaaphaasota 26 lammiilee Oromoo fi sabaa fi sablammii irraa muuduun hojiitti bobbaasaniiru. Warra muudama haaraa argatan keessaa namni 17 Oromiyaa irraa namni 9 immoo sabaa fi sablammii irraa tahuun beekamee jira. Sababni muudama haaraa fi labsii Sinodosii Amantaa Orthodoksii Oromiyaa kaasuun kan ibsan Phaaphaasii Olaanoo Waldaa Kibba Lixa Shawwaa Abune Sawiroosii (PhD), Phaaphaasii Olaanoo Eustathius fi Zena Markos ta'uun beekameera. Labsii kanas jabeessanii akka hojiitti hiikan ibsaniiru.

Ibsa isaanii keessatti hooggantootni amantaa waldaa Orthodoksii Itiyoophiyaa of duroomsuu fi hirmaannaa siyaasaa sabaa fi sablammii miidhu irratti bobba'uun ala dirqama akka abbootii amantiitti fudhatan bukkeetti dhiisaniiru jedhaniiru. Wangeela keessaa sagalee Waaqayyoon dubbisuun caaffata kan Yesuus hoolola koo eegi jedhes kaasuun hooggantootni amantaa Orthodoksii Itiyoophiyaa dirqama Waaqarraa fudhatan kana dagataniiru jedhaniiru. Sana malees haalli tajaajilaa fi bulchiinsa Sinodosii Amantaa Orthodoksii Itiyoophiyaa mirga sabaa fi sabalammiin afaan isaan tajaajilamuu qabu sarbuu fi namni lama sadii duwwaan waldaalee hedduu akka bulchuu ykn tajaajilu gochuun bu'aa achirraa argamu duwwaa xiyyaaffataniiru jechuun qeeqa ragaa qabeessa dhiheessaniiru. 

Murtiin Abbootii Amantii Orthodoksii Oromiyaa kun Oromiyaa fi sabaa fi sablammoota biratti deggersa cimaaa argatee jira. Warri labsii Sinodosii Orthodoksii Oromiyaa fudhachuun bakka hojii isaaniitti bobbahan simmannaa cimaan taasifamafii jiraachuun dhagahamee jira. Haala kanaan Naqamte, Gimbii, fi Dambi Doollootti namootni kumaatama hedduutti lakkaa'aman bahanii gammachuun simachuutu dhagahame. 

Karaa biraatiin Muummichi Ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahmed ibsa kaleessaa ministeerotaa isaaf kenneen Sinodosiin Sabaa fi Sablammiis kan Itiyoophiyaas nuuf walqixa. Lachuu abbootii keenya jechuun mootummaan mirga Afaan ofiin tajaajilamuu ykn waaqeffachuu hin sarbu jedheera. Qeeqa Sinodosiin Itiyoophiyaa/Amaaraa deddeebiin mootummaa isaa komatus gargaarsi Sinodosii Itiyoophiyaa/Amaaraa fi mootummaan isaa gochaa jiru kan akka hintsaa lama kan moototni duraanii irraa fudhatan waggaa 40 booda deebisuufii, lafa amantiilee biroof dimishaashatti kaare meetiriin kuma 350 duwwaan yeroo kennamu Finfinnee keessa duwwaa dhaa Orthodoksii Itiyoophiyaa/Amaaraaf kaare meetrii miliyoona tokkoo kuma 45 kennuu, akkasumas biyyoota Arabaatti waldaa Orthodoksii Itiyoophiyaa akka ijaaramu deggersa gochuu kaasuun qeeqni nurratti ka'u dhugaarratti kan hundaa'e miti jedheera. 

Ibsa sana sababeeffachuun Sinodosiin Amaaraa/Itiyoophioyaa mootummaa irratti mufii kaasuun yoo warra nuun morman hin dhaabsiftan tahe hookkara kaasuun amma lubuutti ofkenninee dhaabsifna jechuun hookkara kaasuuf akka jiran labsaniiru. 

Haga harratti waldaan Orthodoksii Itiyoophiyaa meeshaalee waraanaa kuusuun Shororkeessitoota Amaaraa Faannoo hidhachiisuun akka lammiilee Oromoo ajjesan gochuu keessatti qooda qabaachuu isaanii oduun FNN gahaa ture ibsa. Kun baayyinaan kan himamaa ture Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Anaa Kirramuu, Aanaa Amuuruu, Anaa Jardagaa Jaartee, Aanaa Haroo Bulluqii fi kaanneen ollaa keessatti ballinaan gaggeeffamaa akka ture hordoftootni keenya FNN itti himanii jiru. Giddu galeessa Oromiyaa Finfinneettis meeshaa waraanaa manneen Amantii keessa tuuluun leenjii utuu fudhachaa jiranii mootummaan namoota hedduu qabuu isaa beeksisee turuun ni yaadatama. Hooggantootni Sinodosii Amaaraa/Itiyoophiyaa lola Kaaba Itiyoophiyaatti uummata Tigiree irratti banames qamaan irratti argamuun akka itti fufu jajjabeessuun kallatiin irratti hirmaachuun dhumaatii lammiilee miliyoonatti lakkaa'amaniif sababa tahaniru. 

Yeroo ammaa kanatti hookkara kaasuun alatti qabeenya Sinodosii Itiyoophiyaa fi waldaalee bakkoota garagaraa miliksuu malu shakkiin jedhus dhagahamaa jira. 




 

 


Similar posts:

ODUU FNN Guyyaa Harraa

The condition in Ethiopia is deteriorating

Harassment continued in Oromia| OLF-OLA Leaders Reveal Causes of Failure in Peace Deal

Why is Batte Urgessa assassinated? Who is behind the assassination?