Dararri Baha Oromiyaatti Hammaate Jedhu Uummanni

Published Aug. 25, 2023, 10:25 p.m. by FNN

776



Hagayaa 23, 2023, Hararghee, Oromiyaa

Yeroo ammaa kanatti godinaa Baha Oromiyaa nannoo Harar kessaatti rakkoon nageenyaa akkamalee hammaatee jira. Maqaa shanee waliin hidhata qabdan ja'uun uummaata nagayaa kessaattuu manguddoo fi abbootii ammantaa hidhuun itti fufee jira. Namoota yeroo ammaa kanaa sababa tokko malee hidhanii jiraan kessaa muraasni maqaan isaanii akka asii gadiiti:
1. Amiin Hassan Dachii,
2. Sheek Shamii Abdulayi Abrahim fi
3. Jamal Ahmad Musaa, FKK dha.


Namoonni kunneen mana hidhaa magaalaa Harar Mabrah ja'amu kessaatti gafa guyyaa Hagayya 18, 2023tti qabuun haga ammaa mana murtiiti osoo hin dhiheessin hiraarsaa jirachuun dhagahamee jira.


Ittii dabaluun namoota akka malee dorsiisaa jiran keessa obbo Kadir Usmaan Yusuuf kan ja'amuu jiraata Anaa Dirree Xayyaara kan ta'e halkan sa'a 7:00ti bakka inni jirutti itti dhufuun qabanii ergaa akka malee tumanii booda bilbila isaa gatii isaa yeroo ammaa kana qarshii 40,000tti tilmaamamu irraa fudhuun isa harkaa lakkisuun dhagahamee jira.  Yeroo ammaa kana akka godina Harargheetti basastoota hedduu bobbaasuudhaan namoota sabboonuummaa qaban akka malee hiraarsaa jiran. Kanaaf halli nageenyaa yeroo ammaa nannoo kanaa hedduu ulfaataa jiraachuu uummanni FNN f dhaaman.
Namoonni yeroo ammaa kana nama Kadiir Usmaan Yusuuf ja'amuutti ramadamanii basasaa jiran:
1. Ariif Mahammaad Abdulaahi,
2. Abduulqadir Adam Abrahim,
3. Miliishaa Husseenja'amuu fi
4. Usmaan Duri namaa ja'amuu faa tahuu uummanni FNNf dhaaman.  Kanaaf uummaanni yeroo ammaa kana halaan sodaa nageenyaatiin rakkaachaa jiraachuun dhagahame jiraa. Uummanni warri miidiiyaa Oromoo huddii akkaa sagalee nuuf taatan isin gaffaannaa jechuun iyyataniiru.

Hararghee irraa. 


Similar posts:

Sabboontota fi diina Oromoo

Erga ABUT waliigaltee mallatteessee TDF ni hiikkataa?

Ethiopian government's aerial attack kills hundreds of Oromo civilians

Harassment continued in Oromia| OLF-OLA Leaders Reveal Causes of Failure in Peace Deal