Sabboontota fi diina Oromoo

Published Nov. 17, 2022, 9:02 p.m. by FNN

530



Sababa Maaliif Cabne

Yeroo diinni Oromiyaa qabachuuf weerara baanee fi erga Oromiyaan harqoota diinaa jalatti kufteetii kaasee Oromoon bilisummaa isaaf qabsoo adda kutee hin beeku. Seenaa qabsoo Oromoo keessatti Oromoon baayyee tahee diina haga isaa hin geenyeen injifatamuun sababaalee mataa isaa qaba. Mootummaan giddugaleessaa Oromoo tokko dhibuu fi naannoleen bakkaa bakkatti Abbootii Gadaalee fi Moototaan naannootti buluu fi walquunnamtiin laafaa tahuun, akkasumas mootummaan giddu galeessaa dhibuun diinaaf ni aanja'e. Diinni tokko tokkoon nu cabsuun haala mijeesseef. Dhuma jaarraa 19 keessa (1889 fi isa booda) Walloon qofaa lolee cabe,  Leeqaan qofaatti cabe, Tuulamni qofaatti cabe, Arsii fi Baaleen qofaatti cabe, Jimmaan qofaatti cabe. Diinni tokkuma tokkoon itti deemee salphaatti injifate. Gaafa injifatu magaalaa isaa Oromiyaa keessa dhaabbatee dantaa isaa galmaan gahachuutti cehe. Lammiileen keenya kan lafa qabu gabbara akka baasu itti murtaa'e. Kaan garba ta'ee gabaa addunyaatti gurgurame. 

Diinni Oromoo cabsuu keessatti tokkummaan dhaabbachuu dhabuu duwwaa utuu hin taane warri diinaaf hojjetanis Oromoo cabsuu keessatti gahee hamaa xabatan. Warra sana keessaa Goobanaa Daaccee nama seenaa Oromoo keessatti akka gantuutti kahu keessaa nama jalqabaati.

Harra Maal Keessa Jirra
Yeroo haala si'ana keessa jiru ilaallu rakkoo gaafa jalqabaa akka kufnuuf nu laaffise harras furachuu dhabuu keenyattu mullata. Gaafa Walloo, Wallagga, Shawwaa fi Gujiitti diinni roorrisu godinaaleen Oromiyaa biroon taa'anii ilaalu. Gaafa mootummaan Bilxiginnaa diroonii fi xiyyaaraan lammii Oromoo fixu, gaafa hidhamaa-siyaasaa mana hidhaatii baasanii ajjeesanii bineensa nyaachisan Oromoon hafe akka waanti tokkollee hin taaneetti jireenya isaa edilee ittuma fufa. Isa kana waan beekuuf mootummaan dhiiga Oromoon harka dhiqataa jiruu fi xuraawaan kun hamilee yakka kana itti fufuu argatee boris waama sana goleelee Oromiyaa mara keessatti itti fufa. Warri kaleessallee waliin qabsaa'e waliif obsuu dadhabee walirratti yeroon duulus ni mullata. Abalu akkas jedhe waan ta'eef qabsootti hin hirmaadhu jedhee kan harka maratee taa'uu fedhus ni baayyate. Kaayyoo galmaan gahuuf utuu hin taane akka jaarmiyaatti ijaaramuun kan jaarmiyaa fi caasaa tiksuu irratti ifaajus baayyee hedduu dha. Sun qabsoon lafatti haftee qabsaa'onni lola keessootti akka deebi'an gochuun qabsoon keenya akka qoramu akka haphatu fi akka daagii ta'u gochuu dandaha.

Oromoon filannoo sadii qaba. Yookiin hunduu caasaa tokko jala hiriiree waliin diina isaa falmatee injifata, kaayyoo bilisummaa fi walabummaa bakkaan gahata. Ykn sababoota garagaraa uumuun bakkaa bakkatti cabee lola gidduu isaatti keessumsiisuun qabsoo laaffisee bara garbummaa dheeressa. Ykn immoo diinaaf garba ta'ee dantaa mataa isaa dantaa biyya keenya jaallannu Oromiyaa dura buusuun diinaaf fira ta'ee firatti diina ta'a. Filannoolee sadan kanaa ala filannoo kan biraa hin qabnu. Kan biyyi Oromiyaa jedhamtu abjuuma taatee haa haftu jedhu lola keessoo baballisuun ykn harka maratee taa'uun dirqama lammummaa irraa eegamu bahuu fi bilisummaaf gumaacha gochuurra warri hojiitti jiranis akka kufan kiyyoo xaxa. Warra diinaaf hojjetan irraa asii gaditti ballinaan ilaalla.

Warri diinni isaanii sirna nafxanyaa fi habashaa tahuu baree isaaniin falmaatti jiru, yoomuu hin boqotu rafee hin bulu. Qabsoo ittuma jira. Warri kunis walshakkuu fi qabsoo keessaa waldhiiburra dirqama walitti laachuun Oromoo hunduu haga dandahe akka qabsootti hirmaatu balbala banaa gochuun gaarii dha. Qabsoo keessatti irraa fi jala ykn layer tolchuun amanamummaa irratti hundaa'uun dirqama irraaf jalaa miseensotaaf laachuun lakkoobsa namaa qabnutti akka gargaaramnu tolchuun gaarii dha. Sababa abaluufin qabsoorraa taa'e eenyullee akka hin jenneef haasaa goonu keessatti bu'aa isaa dursinee tilmaamuun barbaachisaa dha. Eyuunan mufachiisa? Sunimmoo qabsoo keenya akkamitti miidha akkamittis fayyada isa jedhu dursinee xiinxaluun barbaachisaa dha. Haasaan haasa'amu lola keessoo hammeessuuf tahuu hin qabu. Waanta diinni ta'e irratti yoo dubbanne mooraa jaraa diiguuf carraa arganna. Yoo lola keessoo hammeessuu irratti ykn qeeqa walsalphisuu irraa hin qulloofne irratti xiyyeeffanne namootni xuqaman karaa itti falmatan barbaadanii qabsoo takaaluu malu waan ta'eef haasaan hooggantoota irraa tahu yeroo mara eeggannoon ta'uu qaba. Hooggantootni fi dabbaloonni gorsa warra eenyummaan isaaniillee sirnaan hin beekamnee irraa of eeggachuu qabu. Utuu hin beeknin warra ergama diinummaa qabaniin akka lolli keessaa hin baballanne eeggannoo gochuun barbaachisaa dha.    

 

Diina Keessaa

Warri amma aangoorra jiru kan yeroo kamuu caalaa namootni dhiiga Oromoo qaban kan itti baayyatanii dha. Warri kun sirnaan ijaaramaniiru. Waan irratti walfakkatanii fi irratti waliif galan qabu. Innis akka murnaatti dantaa tokko qabaachuu dha. Dantaan isaaniis fedha dhuunfaa guuttachuu dha. Duroomuu dha. Aangoo dhuunfaa qaabaachuu fi sanas akka hin dhabneef waan dandahan mara gochuu dha. Dantaa kana tikfachuuf alagaa waliin ta'uun sabboontotaa fi dhaabbilee mirga Oromoof qabsaa'an cabsuu irratti hojjetu. Hammeenyi isaan kanaa guyya guyyaan haala suukanneessaan mullataa jira. Nama hidhanii mana hidhaa keessaa baasanii ajjeesanii bineensa nyaachisaa jiru. Ijoollee gaarii-fi-hamaa illee adda baasanii hin beekne mana maatii keessaa baasuun ajjeesaa jiru. Nama ajjeesanii abiddaan gubaa jiru. Biyyoota alaarraa liqiinis tahe albudaa Oromoo gurguruun xiyyaara nama maleeyyii bituun lammiilee hidhanno-maleeyyii ittiin fixaa jiru. Kaan mana hidhaatti itti cufanii dararaa jiru. Warri kun ijoollee kaleessa ashkarummaa jalaa isaan baaftellee akka waraabessaa nyaataa jiru. 

Warri kun Oromoo keessaa hamma hin dhabamnetti diina haga keenya hin geenyeen cabuun ittuma fufa. Warra kanaaf garaa laafuun hin feesisu. Isaan kun baduu qabu. Gantuun hamma hin badnetti Oromoon akka adaamii ollaa qoraattii boo'aa jiraata. 
Diinni keessaa kun amma Murna Shiimallis Abdiisaa fi Murna Abiy Ahmed jechuun bakka lamatti of qoodee jira. Murni Shimallis dantaan isaanii duroomuu dha. Lafa Tuulamaa gurguruu dha. Warshaalee garagaraa maqaa ofii fi maatiin ijaaruun "business elite" ykn "oligarch" tahanii jiru. Dantaa kana tikfachuuf waan isaan hin goone hin jiru.

Murni lammaafaan Murna MM Abiy Ahmed. Murni kun warra dhiigaanis qulqulluu hin taane hedduu of keessaa qaba. Warra nafxanyaa fi sirna Habashaa waliinis hidhata qaba. Warra habashaa gammachiisuufis dhamaha. Warri kun warra Itiyoophiyaa tiksina jechuun dantaa mataa isaaniif Oromoo fi Tigiree fixaa jiranii dha. Jaalala Itiyoophiyaa utuu hin taane isaan kunis warra isaan mormu mara dhabamsiisuun empaayeratti saamuuf warra ijaaramee dha. Gartuun kun Oromoo fi Oromoo-warra-hin-taane irraa ijaarame. 

Gartuu sadaffaanis ni jira. Gartuun kun warra Oromoo tahee warra asii olitti ibsameef warra haala mijeessuu dha. Oromoon akka ijaaramee hin falmanne utuu gorfamanii warra bilisoomneerra jechuun qabsaa'ota Oromoo irratti warra duulee fi duulaa jiruu dha. Warri kun qabsoo hidhannootti yeroon darbeera jedhu. Gaafa addunyaan hidhannoo isaa haalaan jabanoomsaa deemuu fi lolas daangaa isaa illee darbee lolaa jirutti qabsoon hidhannoo sirrii miti jechuun burjaajii uumu. Mootummaan amma jirus mootummaa Oromoo ti jechuun lolli Oromiyaa keessaa lola obbolootaa fakkeessuun mootummaa abbaa irree 'promote' gochuu irratti bobbahu. Gaafa itti bade mootummicha mormu. Gaafa uummata goowwoomsuu barbaadanis mootummicha waan morman fakkaatanii dhihaatu. Feedhiin warra kanaa fedhii warra asii olitti ibsinee irraa adda miti. Utuu mijateefii karaama salphaan aangootti dhufuun waama warri akka Abiy Ahmed fi Shimalis Abdiisaafaa hojjetan hojjechuu irraa warra of booda hin deebinee dha. Of duroomsuu fi dinagdee ofii ijaaruu irratti bobbahu warri kun. Gargaarsi isaan uummatarraa argatan isaan irraa fagaatee hin deemu. Warri kunis namoota of jalatti ijaaranii maallaqaan qabsaa'ota irratti boobbaasu. 

Warri akkasiis qabsoo Oromoo keessaa hin ballleeffaman taanaan qabsoon Oromoo laamsha'uu irraa bilisa hin ta'u. 

Diina Alaa

Diinni alaaa sirna habashaati. Sirna Oromoo garboomsee qabeenya isaa saamee ofiif duroomee Oromoo ergachuu barbaaduu dha. Warri kun ilaamaan Miniliki. Mi'aa mootummaa qabaachuu warra beekuu dha. Warra soba dhugaa godhee dhugaa soba godhee addunyaa biratti dhiheessuu dha. Isaan kun qabsoo Oromoo dhoqqee dibuuf bulanii ka'anii ifaaju. Waanta mullataa fi dhokataa hedduu hojjetu. Dinagdeen biyyattii harka isaanii jirti. Akkuma mootummaa sirna shororkaatti gargaaramuun lafa Oromoo fi lammii Oromoo weeraru. Abbootiin qabeenyaa Amaaraa warra kana ijaaranii dinagdeen tumsanii Oromoo irratti bobbaasu. Warri kun Gantoota Oromoo waliin dantaa Oromoo saamuu irratti waliif galu wal tumsu. Utuu diina keessaa injifannee warra kana injifachuun salphaa dha.   

Diina qabsoo Oromoo keessaa fi alaa adda baafnee utuu hin sodaatin saaxiluun karaa itti injifannu irratti qorachuun gufuu isaan kaayyoo Oromootti tahan buqqisuun gaarii dha. 

Yaada keessan kennaa. 

 

  

     


   


Similar posts:

Dararri Baha Oromiyaatti Hammaate Jedhu Uummanni

Erga ABUT waliigaltee mallatteessee TDF ni hiikkataa?

Ethiopian government's aerial attack kills hundreds of Oromo civilians

Ekeraa Minilik haasofsiisuu calqabanii?