Kaatar waraana Gaazaa dhaabsisuuf jaarsummaa akkatti fuftu himte.
Published Oct. 1, 2025, 8:04 a.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Ministeerri Mummee Kaatar waraana Gaazaa dhaabuuf qophii tahuu himaniiru.
Kunis Israa'el baatii tokko dura Hamaas irratti qiyyaafachuun magaalaa guddoo Kaatar Dohaa haleeluu isiif gaabbuu himuun booda dhagahame.
Haasaa bibilaan Pireezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp, Beenjaamiin Netaaniyaahuufi Sheek Mohaammad bin Abdul Raahmaan Al Tahaanii jidduutti taasifameen, Netaaniyaahuun ajjeechaa humna nageennaa Kaatar irratti gaafa Fulbaana 9 raawwateefi Waayita Haawus walabummaa biyyattii sarbuu akka tahe ibsee irratti akka gaabban himaniiru.
Israa'el kanaan booda gochaa akkasii akka irra hin deebine akka mirkaneessan himan.
Yeroo sanitti Hamaas hogganoonnisaa lubbuun hafuu himee, miseensonni sadarkaa gadaanaarra jiran garuu ajjeefamuu ibse.
Haasaan hogganoota Kaatariifi Israa'el Wiixata darbe kan taasifame yoo tahu, kunis Tiraamp waraana Gaazaa dhaabuuf karoora abbaa qabxii 20 beeysisuun dura ture.
Donaald Tiraamp waliigalteen kuni gara xummuraatti dhiyaateera Hamaas waliigalticha fudhachuu qaba jedhan.
Netaaniyaahun karoora bahe yoo deeggaru, Kaatar dabalatee biyyoonni Muslimaafi Arabaa saddeetis fudhatanii karoorichi hogganoota Hamaasitti dabarfamuu 'BBC dabalatee miidiyaaleen gabaasuurratti argamu.
Similar posts:
ODUU TORBAN KANAA.
Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojimaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte.
Tibba darbe godina Arsiitti kan argamtu aanaan Asakoo ijoo dubbii turte. Jiraataan naannawaa sanaa waan ta'e walduraa duubaan maddeenitti himan..
Haleellaa #Diroonii magaalaa #Sudaan tarsiimawaa taate irratti raawwatameen namoonni 23 ajjeefaman