Naannoo Tigraayitti namoonni 11 Koleeraan lubbuu dhaban
Published Oct. 1, 2025, 7:08 a.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Naannoo Tigraayi weerararri koleeraa iddoo garagaraatti mul'achuufi namoonni 11 lubbuun isaanii darbuun himame.
Waajjira Fayyaa Tigraayitti qindeessaan fayyaa hawaasaafi kutaa hatattamaa Obbo Mabirahaatom Haftuu BBC'f akka ibsanitti Adoolessa 19/2017 A.L.I jalqabee naannichatti weerarri koleeraa mul'ateera.
Weerarri kuni daangaa naannoo Amaaraafi Tigraayi Salawaafi Saamraa jedhamanitti akka jalqabes himameera.
''Jalqaba Waaghimraatti dhukkubichi akka jiru dhageennee ture. Isa booda garuu koleeraadhaan namoonni shakkaman yeroo arginu samuuda fudhannee qorataa turre,'' jechuun ibsaniiru qondaalichi.
''Haga yoonaa namoonni 425 kan qabaman yoo tahu, 11 ammoo lubbuun isaanii darbeera,'' jechuun himaniiru.
Obbo Mabirahaatom namoonni hojii qonnaaf gara Waaghimraa deemanii turan dura dhukkubichaan qabamuun dhagahamuu himan.
Babal'achuu dhukkuba kanaaf sababa kan tahe iddoo dhaa iddootti socho'uu namootaati jedhan Obbo Mabirahaatom.
Waajirri Fayyaa Tigraayi weerara kana ittisuuf Institiyuutii Fayyaa Itiyoophiyaa waliin tahuun garee deebii kennuu gara bakkichaatti erguu himaniiru.
Similar posts:
UK'n Hulaa Hormuuz eeguuf diroonii, jeettiifi meeshaa waraanaa biroo akka ergitu beeksifte.
Yunaayitid Isteet qoqqobbii waraanaa Itiyoophiyaarra keessee turte kaafte.!
Tiraamp Beejing gahe, Chaayinaan dhaabbilee US'f banaa akka taatu nan gaafadha jedhe.
Tajaajilli Elektriika Itiyoophiyaa Hojjettoota 1,100 ol irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhate