Tiraamp magaalonni Ameerikaa wiirtuu leenjii waraanaa ta'uu qabu jedhan

Published Oct. 1, 2025, 7:54 a.m. by FNN Staff

580



ODUU FNN

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp magaalonni Ameerikaa ''wiirtuu leenjii'' waraaanaa akka ta'an fedha akka qaban dubbatan.

Bakka aanga'oonni waraanaa addunyaa wal ga'anitti haasaa kan taasisan Tiraamp ''jeequmsa siivilii'' akka diina keessootti ibsan.

''Yoo isin keessa seentan rakkoon to'annoon ala hin ta'u,'' jedhan Tiraamp.

Kun erga Tiraamp eegdota biyyaalessaa- National Guard jedhaman magaalota akka Washingitan DC, Los Anjelas fi Portilaand, Oregan keessatti bobbaasanii ta'e.

Bulchiinsi Tiraamp yakka magaalota kunneen keessatti hammaate qolachuu fi hojii dhimmoota godaantotaan walqabatu tumsuuf tarkaanfii waraanaa fudhachuu ibsa.

Pirezidant Tiraamp magaalota Dimokiraatonni bulchan kanneen akka Saan Firaansiskoo, Chikaagoo, Niw York fi Los Anjelas keessa haala jiru qeequu itti fufaniiru.

Magaalota kunneen keessatti olaantummaa seeraa kabachiisuuf humna waraanaa fayyadamuu akka itti fufan ibsan.

''Bakka nagaan hin jirre ta'aniiru. Tokko tokkoon isaan qajeelchina,'' jedhan Tiraamp. Namoonni waliin jiran hundi xiyyeeffannaan isaanii kana ta'uu ibsan.

''Kun waraana keessooti. Daangaa fiizikaalaa biyya keenyaa eeggachuun nageenya biyyaalessaa keenyaaf akkaan murteessaadha. Namoonni kunneen akka nutti seenan hin eeyyamnu.''

Kora loltootaa Tiraamp irratti dubbatan kanarratti eegumsi akkaan cimaa ture.

Korri kun giddugala leenjii waraanaa [damee hundaa] kan Varjiiniyaa keessatti lafa hektaara 22,257.71 irratti argamu Marine Corps Base Quantico jedhamu keessatti gaggeeffame.

Aanga'oota waraanaa olaanoo ta'antu achitti walga'an. Jeneraalonni fi admiiraalonni addunyaa kanaa bebbeekamoon callisaan taa'anii aanga'oota lama dhaggeeffatu- Tiraamp fi Hegseth.

Waltajjicha Hoogganaa Humna Waraanaa US Pete Hegseth wayita eegalan, humni waraanaa US kana caalaa jabaatee guutuu ta'ee argamuu qaba jedhan.


Similar posts:

UK'n Hulaa Hormuuz eeguuf diroonii, jeettiifi meeshaa waraanaa biroo akka ergitu beeksifte.

Yunaayitid Isteet qoqqobbii waraanaa Itiyoophiyaarra keessee turte kaafte.!

Tiraamp Beejing gahe, Chaayinaan dhaabbilee US'f banaa akka taatu nan gaafadha jedhe.

Tajaajilli Elektriika Itiyoophiyaa Hojjettoota 1,100 ol irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhate